window.__reverb = {}; window.__reverb.__reverbLoadedPromise = new Promise((resolve, reject) => { window.__reverb.__resolveReverbLoaded = resolve; window.__reverb.__rejectReverbLoaded = reject; }); window.__reverb.__reverbTimeout = setTimeout(() => { window.__reverb.__rejectReverbLoaded(); }, 5000);

Zeleniskiin Yukireen marii dhukaasa dhaabuutiif Puutin waliin wal arguuf qophiidha jedhe

Volodmiir Zeleniskiin Puutin mariif waamicha dhiyeessuun booda Raashiyaan waraana dhaabuuf yaaduun ishee ‘mallattoo gaariidha’ jedhe.

Guduunfaa

  • Putiin dhukaasa dhaabuun ni eegalama jechuu booda Raashiyaan misaa'elaan Yukireen haleelte
  • Raashiyaan haleellaa dirooniin booda buufatni xiyyaaraa Moskoo gutummaan cufamuu ibsite
  • Israa'el waraana Gaazaa babal'isuuf loltoota dabalataa waamte
  • Humni waraanaa Israa'el dhiibbaa cimsuu kan barbaadeef namoota Hamaas uggure baraaruuf akka ta'e hime
  • Netaaniyaahuun misaa'ela Huutii naannoo buufata xiyyaara Israa'el rukuteef deebii kennuuf dhaadatan
  • Israa'el marii Gaazaa irratti Kaataar 'gama lachuun taphachuu akka dhiiftu' gaafatte
  • Oduufi xiinxalaaf Chaanaalii WhatsApp fi Facebook BBC Afaan Oromoo
  • Tamsaasa kallattii kanaan duraa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Ministeerri fayyaa gaaffilee oggeeyyii fayyaa deebii kennuuf karooraan itti adeemaan jira jedhe

    Dr Taganee Raggaasaa

    Madda suuraa, EMoH

    Ministeerri Fayyaa Itoophiyaa gaaffiilee oggeeyyiin fayyaa dhiheessaniif karoora yeroo gabaabaa, jidduugalaa fi dheeeraa baafachuun rakkinicha furuuf hojjataa jiraachu beeksiise.

    Ministeera fayyaa Itoophiyaatti hojii raawwachiisaan komunikeshinii quunnamtii ummataafi fayyaa, Dr Taganee Raggaasaa miidiyaa biyya keessatti himuu eeruudhaan ministirichi barreeffama miidiyaa hawaasaa isaa irratti qoodeen, ‘‘gaaffilee oggeeyyiifi hojjattoota fayyatiin ka’an kan ta’u malaniifi beekamtii kenniinaaf’’ jedhan.

    Kanaafuu karoorri yeroo gabaabaa, kan jidduugalaa fi kan yeroo dheeraa baafamuun gaaffilee ka’aniif deebii kennuuf qaamoolee dhimmisaa ilaalatu waliin hojjataa akka jiran kaasan.

    Mindaadhaan alattis onnachiiftuuwwan kallattiin wali hin qabane (Non salary Incentives) oggeeyyii fi hojjattoota fayyaatiif faayidaa olaanaa qabu jedhamanii adda baafamuun paakeejiiwwan irratti hojjatamaa jiru keessaa tokko ta’u kaasan.

    Daballii mindaa qofti gaaffii oggeeyyii fi hojjattoota fayyaa ni deebiisa jedhanii akka hin amannee hoji gaggeessichi dubbatan.

    Gaaffiin mana jireenya dhimma ijoo ta’u kan kaasan Dr Taganeen, hojjattoonii fi oggeeyyiin fayyaa naannoo tajaajila kennaa jiraniitti eddoon mana itti ijaaratan akka kennamuuf mariin taasifamu ammas itti fufuu kaasan.

    Naannoon Oromoiyaafi bulchiinsi magaalaa Finfinnee kanneen gaaffii kanaaf deebii kennan keessaa ta’u akka fakkeenyaatti kaasaniiru.

    Oromiyaatti oggeeyyii fi hojjattoota fayyaatiif naannoo hojjataniitti lafti mana itti ijaaratan akka kennamuuf waajjira pirezidantii naannichaatiin fudhatama argachuun raawwiif dabarfamu itti dabalun himan.

    Haaluma walfakkaatuunis bulchiinsi Magaalaa Finfinnees oggeeyyii fi hojjattoonni fayyaa waldaadhaan ijaaramuun mana akka ijaaratan murteen kennamuun raawwiirratti argama jedhan.

    Naannoolee fi bulchiinsoonni kaaniis haaluma walfakkaatuun gaaffii kana saffiisaa deebii akka kennaniif waamicha dhiyeessuun, ministeerichis yaalii taasisuu cimsee akka itti fufu ibsaniiru.

    Akkasuma oggeeyyiiniifi hojjattoonni fayyaa erga lafa mana ijaarsaa argatanii booda filmaata dhala gadaanaa ta’en liiqaa argachuun akka ijaarsa raawwataniif ministeerichi baankii daladala Itoophiyaa waliin marii eegaluu kaasaniiru.

    Gabaasaalee komii hojjattoota fayyaa ilaalchiisuun yeroo garaa garaatti hojjannee argachuu ammoo geessituu kanaa fi asiin seenuun bal'inaan dubbiifachuu dandeessu.

  2. Namoonni Pirezidaantii Keeniyaa Ruutoo irratti kophee darbachuun shakkaman sadii to'ataman

    Wiliyaam Ruutoo

    Madda suuraa, Getty Images

    Pirezidaanti Wiliyaam Ruutoon dhimma qaala'iinsa jireenyaa ilaalchisuudhaan Dilbata kaleessa jiraattotaaf osoo haasawa taasisanuu hirmaattoota keessa kophee itti darbamuu viidiyoon agarsiisu miidiya hawaasa irratti qoodamaa jira.

    Qondaaltonni poolisii bulchiinsa Kuriyaa Westi kan bulchiinsa Migorii keessaa, namoota kophee pirezidaantichatti darbachuun shakkaman sadii to’annaa jala oolchuu isaanii miidiyaan biyya keessaa 'The Citizen' gabaaseera.

    Qondaalli nageenyaa ammaaf maqaan isaa akka hin dhahamne gaafate tokko, qorannoon itti fufee jiraachuu fi shakkamtoonni dabalataa barbaadamaa akka jiran mirkaneessaniiru.

    Itti dabaluudhaanis, qorannoowwan jalqabaa akka agarsiisanitti, taatee kun siyaasaan kan ka’e ta’uu akka danda’uu fi daawwannaa Pirezidantichaa dura kan karoorfame ta’uu hin oolu jedhan.

    Ibsa waa'ee viidiyoo, Hirmaattoota keessaa wayita Ruutootti kopheen darbatameetti
  3. Tiraamp marsaa sadaffaadhaaf dorgomuuf fedhii akka hin qabne ibsan

    Doonaald Tiraamp

    Madda suuraa, Getty Images

    Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp marsaa pirezidaantummaa sadaffaaf dorgomuuf yaadaa jiru jedhamuu kan haale yoo ta’u, tarkaanfiin kun heera mootummaa Ameerikaatiin kan dhorkamee akka ta'e hayyuun biyyattii irratti walii galan.

    "Pirezidantii waggaa saddeetiin ta'a, pirezidaantii marsaa lamaa ta'a. Yeroo hunda sun baay'ee barbaachisaa natti fakkaata ture," jechuun Tiraamp gaaffii fi deebii Dilbata darbe qilleensarra oole irratti NBC'n Meet the Press Kristen Welker waliin taasisaniin dubbataniiru.

    Maanguddoon ganna 78 kan ta'an Tiraamp, kanaan dura pirezidantii Ameerikaa ta'uudhaan marsaa sadaffaa ykn afraffaaf illee tajaajiluuf barbaaduu isaanii ''qoosaa akka hin taane'' dubbatanii ture.

    Boodarra ibsa kennanii, ''miidiyaalee oduu sobaa'' babal'isan tuquudhaaf ta'e jedhanii akka jedhan dubbatan.

    Dhaabbata Tiraamp kan ta'e ''The Trump Organization'' aangoon marsaa lammaffaasaanii Amajjii bara 2029 erga dhumateen booda, aangoorra turuuf barbaaduu danda'u jedheen tilamaamun kuuffiiyyaawwan ''Tiraamp 2028'' gurguraa jira.

    Af-gaaffii guyyaa Jimaataa mana jireenyaasanii Filooridaatti taasisaniin Tiraamp aangoo pirezidantummaan itti fufuuf yaada qaba akka itti yaadan namoonni baayyeen ''gaaffii'' akka dhiyeessaniif dubbatan.

    Tiraamp aangoo marsaa lammaffaa saanii guyyaa 100 jalqabaa kabajuun guyyaa tokkoon booda ''baayyeen akkas akkan godhu barbaadu'' jedhan.

    Tiraamp ''Ani hnagan beekutti sun kan hauuamamu miti. Kun heera mootummaan haa hayyamamuu haa dhiisuu ykn waan biraa hin beeku'' jedhaniiru.

    Itti dabalunis, ''namoonni kuffiiyyaa bara 2028 gurguran baayyeetu jira'' jedhan.

    ''Kana gochuuf waanan barbaadu miti'' kan jedhan ittaanaan pirezidantii Jeedii Vaansin fi ministirri dhimma alaa Ameerikaa Maarkoo Ruubiiyoon dabalatee, riipablikaanoota isa bakka bu'uu danda'an tarreessaniiru.

    Fooyya'insi heera mootummaa 22ffaan ''namni kamuu yeroo lamaa ol pirezidantummaaf filamu hin qabatu'' jedha.

    Heera mootummaa sana jijjiruuf ammoo miseensaoota seeneetiifi mana maree bakka bu'oota ummataa harka sadii keessaa harka lamaan deeggaramu akkasumas mootummoota bulchiinsoota isiteetii irraa harka afur keessaa deeggarsa harka sadii argachuu qabaata.

  4. Tiraamp fiilmiiwwan kan US hin taanerra qaraxaa %100 kaa'an

    Iddoo argama Hollywood

    Madda suuraa, Getty Images

    Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp gama daldalaan wayita biyyoota addunyaa hedduu waliin waldhibdee keessa galanii jiranitti filmiiwwan biyyoota alaa ta'anirrattis qaraxaa %100 labsaniiru.

    Tiraamp fiilmiin Ameerikaa du'aa waan jiruuf dameen daldalaa tarkaanfii kana akka fudhatu ajajan.

    Yaalii biyyoonni adda addaa Ameerikaa keessatti gama fiilmiin olaantummaa argachuuf taasisaniin ''Yaaddoo Biyyaalessaa'' jechuun ibsan Tiraamp.

    ''Kun ergaa guddaa qaba. Kana fayyadamuun holola oofu. Holola gama kaaniin oofamaa jiru irratti kun dabalata ta'a,'' jechuun miidiyaa hawaasummaa isaanii Truth jedhamurratti maxxansan.

    ''Fiilmii Ameerikaa qofa feena, ammas.''

    Qaraxi Tiraamp labsan kun fiilmiiwwan akkamii yookiin kubbaaniyyaawwan fiilmii oomishan isaan kam akka ilaallatu bal'inaan hin ibsamne.

    Fiilmiiwwan Ameerikaa kan Ameerikaan alatti hojjetaman yookiin kanneen biroo ta'uu hin eerre.

    Fiilmiiwwan hedduun dhihoo kana US keessatti beekaman kanneen istuudiyoowwan US keessatti hojjetaman Ameerikaan alatti waraabaman.

    Kubbaaniyyaawwan fiilmiiwwan bebbeekamoo addunyaa tamsaasuun beekaman kanneen akka Netflix irratti qaraxi kun labsamuusaa wanti ifa ta'e hin jiru.

    Tiraamp kubbaaniyyaa guddicha fiilmiin Ameerikaa itti oomishamu Hollywood ''iddoo walxaxaa fi jeeqamaa garuu bakka carraan jiru,'' jechuun ibsu.

    Amajjii kakuu seenuun hojii eegaluu dura Tiraamp taatoowwan fiilmii bebbeekamoo sadi- Jon Voight, Mel Gibson fi Sylvester Stallone, Hollywood keessatti akka carraa biizinasii Ameerikaaf uumaniif ambaasaaddarummaan muudanii turan.

  5. Humni Ittisaa Israa'el waraana Gaazaa babal'isuuf loltoota eeggattootaa waamuu eegale

    Taankii Israa'el

    Madda suuraa, Getty Images

    Humni Ittisaa Israa'el miseensota eeggataa kuma kudhaniin lakkaa'aman "duulaa dabalataa cimaa" Gaazaatti taasisuuf karoorseef waamuu jalqabe.

    Humni Ittisaa lammiilee Israa'el Gaazaatti butamanii turan gadi dhiisisisuufi hidhattoota Hamaas injifachuuf ''dhiibbaa cimsaa jirachuu'' hime.

    Garuu qeeqxonni akka jedhanitti, xumura dhukaasa dhaabuu hordofee duulli dhiheenya kana raawwatame hidhattoota gadi lakkisiisuu dadhabuu ibsuun, gaheen MM Israa'el Beeniyaamiin Netaaniyaahuun waldhabdee kana keessatti qaban irratti gaaffii kaasan.

    Karoora kanaan waraanni naannoo haaraatti akka bobba'auun ''bu'uuraalee misoomaa laffarrarratti fi lafa keessatti argaman hunda barbadeessa'' jedhame.

    Odeessa kanarratti dabalataan dubbiisuudhaaf asiin argachuu dandeessu.

  6. Tamsaasa kallattii eegalle

    Israa'el oppireeshinii waraanaa babal'isuun Gaazaa keessatti Hamaasiin injifachuuf loltoota eeggattoota ta'an humna waraanaatti akka dabalaman waamteetti.

    Kanaa fi dhimmoota Israa'el fi Gaazaa ilaallatan kaan karaa tamsaasa kallattii kanaa argattu.

    Odeessaalee addunyaa akkuma mudataniin asiin isiniif dhiheessina.

    Nu hordofaa!