
Madda suuraa, Reuters
Hamaas akka qaama tarkaanfii Gaazaa keessatti dhukaasa dhaabuuf
fudhatamuutti lammii US-Israa'el maqaan isaa Edaan Aleksaandar jedhamu
butee ture gadhiisuuf akka jiru ibse.
Murteen kuni dowwannaa pirezidant Doonaald Tiraamp Kibxata boruu
Baha Giddu Galeessaatti taasisaniin duradha.
Hamaas akkasumas waliigaltee gargaarsi namoomaa akka seenu haala
mijeessuu taasisuuf kan yaadame ta'uu ibseera.
Gaazaan guyyoota 70'f uggura Israa'el jala turte.
Kanaan dura qondaalli olaanaa Hamaas tokko BBC'tti akka
himanitti, gareen hidhataa Filisxeem kun Kaataar keessaa qondaala bulchiinsa
Ameerikaa waliin kallattiin marii gaggeessaa jira.
Waajjirri ministira muummee Israa'el akka jedhetti, Hamaas
Aleksaandar gadhiisuuf yaada akka qabu karaa US beeksiseera.
Qondaalli olaanaan Filisxeem marii kana beekan tokko BBC'tti
akka himanitti, beeksisni Hamaas kun osoo Tiraamp hin dhufiin dura fedhii
gaarii agarsiisuuf yaadamee ture.
Adeemsa gadhiifamuu Edaan xumuruuf walgahiin biraa Hamaas fi
giddu-seentoota gidduutti Wiixata ganama gaggeeffamuuf beellamamee akka ture
kan dubbatan yoo ta'u, kunis sochii waraanaa Israa'el yeroodhaaf dhaabuu fi
yeroo walharkaa fuudhinsiitti duula qilleensaas dhaabuu kan barbaadu ta'uu
ibsaniiru.
Pirezidanti Tiraamp gadhiifamuu Aleeksaandar karaa maxxansa
miidiyaa hawaasaa 'Truth Social' irratti barreessaniin mirkaneessanii, ''oduu
gaarii'' fi ''tarkaanfii akka amanamummaa gaariitti fudhatame'' jechuun
dubbatan.
Teel Aviiv keessatti kan dhalate garuu Niiw Jeersiitti kan
guddate, dargaggeessi ganna 21 Aleeksaandar, haleellaa Onkoloolessa 7
raawwatameen hidhattoota Hamaasiin yeroo qabameetti daangaa Gaazaa irratti
kutaa waraana miillaa keessa tajaajilaa ture.