window.__reverb = {}; window.__reverb.__reverbLoadedPromise = new Promise((resolve, reject) => { window.__reverb.__resolveReverbLoaded = resolve; window.__reverb.__rejectReverbLoaded = reject; }); window.__reverb.__reverbTimeout = setTimeout(() => { window.__reverb.__rejectReverbLoaded(); }, 5000);

Zeleniskiin Yukireen marii dhukaasa dhaabuutiif Puutin waliin wal arguuf qophiidha jedhe

Volodmiir Zeleniskiin Puutin mariif waamicha dhiyeessuun booda Raashiyaan waraana dhaabuuf yaaduun ishee ‘mallattoo gaariidha’ jedhe.

Guduunfaa

  • Putiin dhukaasa dhaabuun ni eegalama jechuu booda Raashiyaan misaa'elaan Yukireen haleelte
  • Raashiyaan haleellaa dirooniin booda buufatni xiyyaaraa Moskoo gutummaan cufamuu ibsite
  • Israa'el waraana Gaazaa babal'isuuf loltoota dabalataa waamte
  • Humni waraanaa Israa'el dhiibbaa cimsuu kan barbaadeef namoota Hamaas uggure baraaruuf akka ta'e hime
  • Netaaniyaahuun misaa'ela Huutii naannoo buufata xiyyaara Israa'el rukuteef deebii kennuuf dhaadatan
  • Israa'el marii Gaazaa irratti Kaataar 'gama lachuun taphachuu akka dhiiftu' gaafatte
  • Oduufi xiinxalaaf Chaanaalii WhatsApp fi Facebook BBC Afaan Oromoo
  • Tamsaasa kallattii kanaan duraa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. 'Hundeen sababa' waraanaa Puutiin jedhuu maaliidha?

    Vilaiir Puutiin

    Madda suuraa, AFP via Getty Images

    Raashiyaan waa’ee “hundee” waraana kanaa yeroo dubbattu kun kan yeroo jalqabaa miti.

    Erga Ameerikaan baatii Guraandhala keessa dhukaasa dhaabuu guyyoota 30'f yaada dhiheessitee kaasee, Pirezidanti Vilaiir Puutin irra deddeebiin yaaddoowwan yeroo dheeraaf turan duraan dursanii ilaalamuu akka qaban dubbataniiru.

    Pirezidantiin Raashiyaa waa’ee “hundee sababoota” yeroo dubbatan, Yukireen akka biyya walabummaa qabdutti jiraachuun ishee haala kamiinuu balaa nageenya Raashiyaa akkasumas yaaddoo babal’ichuun Naatoo irratti qaban jechuu isaati.

    Akkuma waahillan keenya Laawuraa Goozii fi Pool Kiirbii barreessaniitti, kana jechuun ammoo, sababii Yukireen walaba taatee jiraachuu fi dhiibbaa Raashiyaan ala ta’uu barbaaduu ishee giddugaleessa godhachuun, dhimmoota kana furuuf rakkisaa taasisa.

  2. Waa'ee yaada dhukaasa dhaabuu Yukireen dureewwan biyyoota biraa maal jedhan?

    Chaansilarri Jarman Firiidrik Meerz

    Madda suuraa, Reuters

    Yaada Yukireen keessatti guyyota 30'f dhukaasa dhaabuuf dhiyaate Vilaiir Puutin kallattii lakkii jechuu baatan illeen, garuu dursa madda waldhabdee irratti mari'atamee isaan booda gara dhukaasa dhaabuutti akka darbamuuf yaada dhiyeessan.

    Chaansilarri Jarman Firiidrik Meerz deebii Raashiyaa kanaan, yaadni Pirezidanti Puutiin Yukireen waliin marii gaggeessuuf dhiyeessan ''gahaa irraa fagaataadha'' jechuun ibsan.

    Chaansilarri Jarman toora X isaanii irratti akka barreessaniitti, Raashiyaan haasa'uuf fedhii qabaachuunshee ''mallattoo gaariidha'' garuu hoggantoonni Awurooppaa Moskoo dhukaasa dhaabuuf waliigalti jedhanii eegu jedha.

    "Jalqabarratti mariin osoo hin jalqabin dura qawween callisuu qaba."

    Haaluma walfakkaatunis Ministirri Mummee Poolaand, Doonaald Task 'addunyaan murtee dhukaasa dhaabuu eegaa jirti' jedhan.

    Task Jimaata kaleessaa Pirezidantii Yukiren Zeleniskii walii mari'achuuf dureewwan Awurooppaa biraa waliin Kiiv turan.

    Har'a toora X isaaniiirratti akka barreessaniitti, Raashiyaan boru irraa eegalee haalduree tokko malee guyyoota 30f dhukaasa dhaabuuf akka waliigaltu irra deebi'ee gaafatan.

    "Gaaffii keenyaaf deebii kennuudhaan, Raashiyaan marii nagaa Caamsaa 15 irraa eegalee akka gaggeeffamu yaada dhiyeessite. Haata'u malee, addunyaan garuu dhukaasa dhaabuu hatattamaafi haal-duree tokko malee akka eegaluuf eeggachaa jirti."

    "Yukireen qophiidha. Kanaan booda miidhamtoonni hin jiran!" jedhan barreeffama miidiyaa hawaasaa irratti maxxansaniin.

    Donald Tusk

    Madda suuraa, EPA

  3. 'Dura dhukaasa dhaabuun gara mariitti darbama malee faallaa kanaa miti'- jedhan ergamaa addaa Tiraamp

    Ergamaa addaa Tiraamp

    Madda suuraa, Reuters

    Yukireenitti ergamaan addaa Tiraamp erga Vilaiir Puutin Kamisa darbe Yukireen waliin “marii kallattiin” akka gaggeessan yaada dhiyeessan booda dubbatan.

    Dhukaasa dhaabuu guyyoota 30 MM Niiw Ziilaand taasisan deeggaruudhaan irra deebi’anii tiwiitara irratti kan barreessan Keloog: “Ministirri mummee Niwuu Ziilaand illeen argateera. Akkuma Pirezidant Tiraamp irra deddeebi’anii dubbatan ajjeechaa dhaabaa!!'' jedhan.

    "Dura haal-duree tokko malee guyyoota 30f dhukaasa dhaabaatii, yeroo sanatti, gara marii nagaa bal'aa ta'etti ce'aa. Faallaa kanaatiin miti."

    Puutin yaada dhukaasa dhaabuu guyyoota 30f dhihaate hin didnee, haata'u malee, deebii marii kallattiin osoo hin taanee kennan ammoo diduu ta’ee mul’ata jedhe xiinxalli gulaalaa BBC Raashiyaa.

    Dubbi-himtuun ministeera dhimma alaa Raashiyaa Maariyaa Zakaaroovaas akka jedhanitti, Puutin dhukaasa dhaabuun kamiyyuu osoo hin raawwatamin dura waa’ee “hundee sababoota” waldhabdee kanaa akka mari'atamu barbaadan.

  4. 'Yukireen Puutin sirritti hin hubanne'- dubbi-himtuu ministeera dhimma alaa Raashiyaa

    Yukireen Puutiniin sirritti hin hubanne jedhan dubbi himtuun ministeera haajaa alaa Raashiyaa

    Madda suuraa, Reuters

    Erga Yukireen Volodmiir Zelenskii dhukaasa dhaabuufi marii nagaa irratti yaada kennaniin booda amma deebii haaraan Raashiyaa irraa dhagahameera.

    Dubbi-himtuun ministeera dhimma alaa Raashiyaa Maariyaa Zakaaroovaan Yukireen Puutiniin sirritti hin hubanne jedhan.

    Akka aanga'aawan kun jedhanitti, Puutin jalqaba waa'ee "sabbii hundee" waldhabdee kanaa mariin taasifamuu qaba jedhan, sana booda qofa waa'een dhukaasa dhaabuu haasa'uun ta'uu danda'a jedhan.

    Bakka biraattis ambaasaaddarri ministeera dhimma alaa Raashiyaa Roodiyoon Miroshnik toora Telegram irratti, Zelenskiin yaada dhukaasa dhaabuu dhiyeessuun isaa deebiisanii hidhachuu fi irra deebi’anii of gurmeessuudhaaf jedhan.

  5. Pirezidantiin Turkii Erdogaan marii dhukaasa dhaabuuf keessummeessuuf qophiidha

    Pirezidantii Tarkii Resiip Xayiib Erdogaan

    Madda suuraa, EPA

    Turkiin marii dhukaasa dhaabuu Raashiyaafi Yukireen gidduutti gaggeeffamu keessumeessuuf qophii ta’uushee Pirezidant Erdogaan Pirezidantii Faransaay Imaanu’eel Maakiroonitti himan.

    Ressiip Xaayib Erdogaan kana beeksisuu waajirrisaanii Pirezidantiin Raashiyaa Vilaiir Puutin Yukireen waliin Istaambul keessatti “marii kallattii” gaggeessuuf yaada dhiyeessuu hordofeeti.

    Tarkiin marii Raashiyaafi Yukireen gidduutti gaggeeffamu yeroo keessummeessitu kun yeroo jalqabaatiif miti. Jilli biyyoota lamaanii kanaan dura Istaanbul keessatti wal arganii beeku.

  6. Poop Liyoon Yukireenitti nageenyi ‘haqa-qabeessaafi waaraa’ akka dhufu waamicha dhiyeessan

    Poop Liyoo

    Madda suuraa, Reuters

    Poop Liyoo XIV erga filatamanii haasaaa jalqabaasaanii Dilbata ummata Addabaabaayii Phexiroos keessatti walitti qabamanniif taasisaniin “kana booda waraanni akka jiraanne” akka godhaniif biyyoota gurguddoo addunyaaf waamicha taasisan.

    Phaaphaasiin haaraa muudaman kun Yukireen keessatti, “nageenyi dhugaafi waaraa” akka jiraatu, akkasumas Gaazaa keessatti dhukaasni akka dhaabbatuufi lammileen Israa’el butaman akka gadhiifamaniifis waamicha godhan.

  7. Raashiyaan waraana dhaabuuf yaaduun ishee ‘mallattoo gaariidha’-Zeleniskii

    Pirezidant Zeleniskii

    Madda suuraa, EPA

    Volodmiir Zeleniskiin Yukireen marii dhukaasa dhaabuutiif Puutin waliin wal arguuf qophiidha jedhe. Puutin mariif waamicha dhiyeessuun booda Raashiyaan waraana dhaabuuf yaaduun ishee ‘mallattoo gaariidha’ jedhe.

    Yukireen “Raashiyaan dhukaasa dhaabuun -guutummaatti, waara’aafi amansiisa ta’uu– boorurraa kaastee akka mirkaneessitu eegdi,” jedhe itti dabaluun.

    Zeleniskiin kana dubbachuun dura Vilaiir Puutin erga gaggeessitoonni Awurooppaa waraana dhaabuun guyyoota 30 akka taasifamu gaafachuuf Kiiv keessatti walga’uun booda Caamsaa 15 irratti Yukireen waliin “marii kallattii” taasisuuf waamicha taasiseera.

    Puutinis ta’e Zeleniskiin Doonaald Tiraamp biratti gufuu nageenyaa ta’anii mul’achuu hin barbaadan.

    Kun osoo kanaan jiruu, dhukaasa dhaabuun guyyoota sadii Puutin dhumachuun booda haleellaawwan diroonii Raashiyaa gaggeeffamuu Yukireen gabaasteetti

  8. Indiyaafi Paakistaan dhukaasa walirratti banan dhaabuuf waliigalan

    Paakisitaaniifi Indiyaan dhukaasa dhaabuuf waliigalan

    Madda suuraa, Reuters

    Indiyaafi Paakistaan haleellaa daangaa qaxxaamuruun guyyoota afuriif walirratti gaggeessaa turaniin booda amma waliigaltee dhukaasa dhaabuurra gahuu ibsan.

    Biyyoonni nikulaara hidhatan kunneen lamaan meeshaa waraanaafi dirooniidhaan walirratti haleellaa bananii kan turan yoo ta'u, jaarsummaa Ameerikaatiin waliigaltee dhukaasa dhaaburra gahusaanii Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp himan.

    Tiraamp miidiyaa hawaasaa Tiruuz jedhamurratti barreessuun ture kana kan ibsan.

    Kanaan dura Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Maarkoo Ruubiiyoo, qondaaltonni olaanoon biyyoota lamaanii waliin marii'achuun muddamicha akka dhaabaniif waamicha dhiyeessanii ture.

    Minitirri dhimma alaa Paakistaan Ishaaq Daar, biyyisaanii dhukaasa dhaabuuf waliigaluu mirkanneessan. Ministirichi miidiyaa biyyattiif yaalii dipilomaasii keessatti ministiroonni dhimma alaa Tarkii, Sawud Arabiyaa fi Ameerikaa dabalatee ''biyyoonni hedduun hirmaachuu'' dubbataniiru.

    Ministirri dhimma alaa Indiyaa Viikiraam Miisiriim gamasaanitiin, tarkaanfii biyyisaanii gama ''qilleensaa, lafoo fi galaanaatiin'' fudhattu dhaabuudhaaf waliigaluu mirkanneessaniiru. Itti dabaluunis, dhukaasa dhaabuun sa'aatiiwwan keessatti hojiirra akka oolfamu himan.

    Dureewwan biyyoota lamaanii dabalatee, aanga'oonni sadarkaalee garaa garaa irratti argaman marii taasisuu, keessattuu guyyaa Wiixataa biyyoonni lamaan marii ifaa akka eegalan beeksiisaniiru.

  9. Dureewwan addunyaa dhimma dhukaasa dhaabuu dubbachuuf Yukireen deeman

    Hoogganoota biyyaa Yukireen daawwachaa jiran

    Madda suuraa, Reuters

    Ministrri Muummee UK Kiir Istaarmer, Pirezidantiin Faransaay Imaanu'eel Maakroon, Ministirri Muummee Poolaand DSoonaald Taaski fi Chaansilariin Jarman Fireediriik Meerz Yukireenitti imalaniiru.

    Hogganoonni kunniin Raashiyaafi Yukireen gidduutti dhukaasa dhaabuun akka waliigalamu Pirezidant Vooldimiir Zeleniskii waliin dubbachaa jiru.

    Xiinxalaan dhimma siyaasaa BBC Ministra Muummee Istaarmer waliin gara Kiiv imale daawwannaan kun hiika guddaa qaba jedheera.

    Mariin kun Raashiyaan injifannoo waraana Addunyaa lammaffaa magaalaa Mooskoo keessatti hiriira guddaa loltootaan kabajjee guyya atokko booda gaggeefamaa jira.

    Sagantaa kanaaf jecha Putiin qophaadhumtti dhukaasa dhaabuu guyyaa sadii labsaniiru.

  10. Paayiletiin bitaafi mirga waliin dhawuun ibiddi xiyyaaratti qabate

    Xiyyaara Daandii Qilleensaa Itoophiyaa

    Madda suuraa, NATS

    Buufata xiyyaara Landan Gaatwiikiitti balaliisaa gargaaraan bitaafi mirga waliin dhahuudhaan xiyyaaratti ibiddi qabachuusaatti xiyyaarri silaa ka'uuf ture dhaabachuu qorannoon adda baase.

    Dameen Qorannoo Balaa Qilleensaa (AAIB)n, dogoggorri umamee kunis xiyyaarichi ibiddi akka itti qabatu taasiseera jedhe.

    Taateen kun Waxabajjii 28 kan mudate yoo tahu, xiyyaarri Biriitish sunis gara Kanaadaa balali'uuf qophaa'aa ture. Taatee mudateen wal qabatees eddoon xiyyaaroonni ka'uuf irra balali'an daqiiqaa 50f cufamuun balaliinsi 23 akka haqamu taasiseera.

    Dubbii himaan Daandii Qilleensaa Biriitish, ''yeroo hunda nageenya imaltootaaf waan dursa kenninuuf paayilatoonni xiyyaaricha bakka naga qabeessa ta'e dhaabsisaniiru,'' jedhan.

    Xiyyaarri kunis hojjettoota xiyyaarichaa 13 fi imaltoota 334 qabatee ture jedhe gabaasni Dameen Qorannoo Balaa Qilleensaa Biriiteen.

    Gabaasni qorannoo balaa mudaterratti akka agarsiisutti paayileetiin gargaaraan ''otoo hin beekiin'' qaama xiyyaarichaa sochii fi dalagoota kaan to'atu gara bitaatti naannessuu malu gara mirgaatti naannesse jedhan.

    Kunis yeroo ajajaan xiyyaarichaa xiyyaarichi ol harkisuu jalqabutti dhiibbaan xiyyaara Booying 777 hir'ise jedhan.

    Akka argannoo qorannoo kanaa agarsiisutti, balaliisaa gargaaraan kun paayilatii waliin ta'uun "battalumatti" asii ol saffisa dabaluu yaalee ture, dhumarratti garuu balaliin kunis ni haqame.

    Taatee kanaan wal qabatee miidhaan qaamaa qaqabe jiraachuu hin gabaafamne.

  11. Zhaabii Aloonsoo dhuma bara kanaatti Liverkusaniin gadhiisuuf

    Zhaabii Aloonsoo

    Madda suuraa, Getty Images

    Maqaansaa Riyaal Maadiid waliin ka'aa kan bahe leenjisaan Baayer Liverkusan Zhaabii Aloonso barri dorgommii kun wayita xumuramu kilabicha akka gadhiisuu kilabichi beeksiseera.

    Gaheessi ganna 43 Aloonsoon, bakka leenjisaa Kaarloo Anchelootii akka bahu mirkana akka ta'e gabaafamaa jira.

    Anchelootiin milkaahina hedduu Maadriiditti argatan duuba garee biyyaalessaa Biraaziil leenjisuuf tole jedhaniiru jedhameera.

    Aloonsoon ibsa kenneen ''torban kana aniifi kilabichi taphootni lamaan dhufan taphoota koo xumura akka ta'an waliigalleerra'' jedhe.

    Dilbata kana kilabichi Doortimund waliin yoo morkatu isaafi taphattoota kaaniif gaggeessaan waan godhamuuf gadhiisaa jiraachuusaa ibsiif yeroo sirrii ta'uu hime. Wanta itti aanurratti garuu hedduu dubbachuu akka hin feene ibse.

    Taphataan sarara gidduu Ispeeniifi Liiverpuul kun bara darbe Liverkusan takkaa osoo hin mo'amii Bundesliigaa akka injifatu gargaareera.

  12. Daandii Qilleensaa Itoophiyaa qofatu daangaa qilleensaa Paakistaanirra balali’e

    Xiyyaara Daandii Qilleensa Itoophiyaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Hindii fi Paakistaan gidduutti sochiin waraanaa hammaachuu hordofee daandiiwwan qilleensaa daangaa qilleensaa Paakistaanirraa goraa jiru.

    Tahus xiyyaarri Daandii Qilleensaa Itoophiyaa ETH672 Finfinneerraa ka’ee gara Kooriyaa Kibbaa, Soowul imale daangaa qilleensaa Paakistaan keessa qofaa balali’aa darbuu marsariitiin sochii xiyyaarotaa hordofu Flightradar24 gabaaseera.

    Imala xiyyara kanaa Flightradar24 miidiyaa hawaasaa irra qooduun booda ijoo dubbii hawaasa onlaayinii taheera.

    Paakistaan daangaa qilleensaashee guutumaan cufuu beeksisuu baattullee, daandiin daangaa qilleensaa baayyeen balalii idileef banaa hin jiran. Kanuma keessa xiyyaarri ETH672 daandii samii daangeffame keessa darbaa ture.

    Ogeessonni balalii dhimma kana hordofan imala xiyyaara daandii qilleensaa Itoophiyaa kana ‘’waan hin baramne'' jedhaniiru.

    Xiinxaltoonni aveeshinii imallii akkasi kuni yeroo baayyee of eeggannoo olaanaafi hordoffii kallattii jalatti eeyyamama jedhan.

    Waa’ee balalii kana agama mootummaa Paakistaaniin waan jedhame hin jiru.

  13. Gatii boba'aarratti daballii olaanaan godhame

    Konkolaattota

    Madda suuraa, Source

    Ministeerri Daldalaa Itoophiyaa gatii boba'aa haaraa gaafa Caamsaa 8/2025 beeksiseera. Fooyya'ainis kunis daballi olaanaa agarsiiseera.

    Beenziinin litiroon tokko birrii122.53, naafxaan fi keroosiniin litiroon tokko birrii 116.49 kuni gatii hamma har'aatti foyyefaman keessaa isa guddaa dha.

    Gatiin olaanaa kanaan dura galmaa'e baatii Guraandhala keessa yoo tahu naafxaan birrii 112.67 akkasumas beenziniin birrii 101.47 ture.

    Mootummaan gatii boba'aa irratti deeggarsa akka godhu himus boba'aan idilee litiroodhaan birrii 28 yoo tahu hanqinni guddaan waan jiruufis gabaa gurraacha irratti naannolee Affaar keessatti litiroodhaan hamma qarshii 300tti gurguramaa jiraachuu Miidiyaan biyya keessaa Addis Standard gabaaseera.

    Baatii muraasa dura magaalota Oromiyaa keessatti hanqinni boba'aa jiraachuufi gurgurtaan gabaa gurraachaa dabaluu gabaasnee turre.

  14. Akkam ooltan?

    Tamsaasa kallattiin walitti deebineerra.

    Odeessa idil-addunyaa gurguddoo tamsaasa kallattii kana irraana rgattu.

    Nu hordofaa.

  15. Aarri adii mul'ateeraa, phaapaasiin Kaatolikii haaraa filameera

    Aara adii

    Madda suuraa, Reuters

    Mana sagadaa Vaatikaan, Siistaayin irraan aarrii adiin mul'ateera. Kana jechuun kaardinaaloti fiannoo icciitii xumuranii phaaphaasii Poop Firaansis bakka bu'u filataniiru jechuu dha.

    Namni filamee eenyu akka tahe beekamuu baatus, yeroo isaan gara barandaa mana sagadaa Siistaayinitti bahanii himan sa'atii tokko keessatti barama.

    Phaaphaasiin haaraa erga filameen booda kutaa xiqqoo keessa seenuun uffata phaaphaasummaa adii keewwata.

    Yeroo nama filame beeksisanitti isin biraan geenya.

  16. US UKrra gibira keessee turte gariin kaafte

    Ibsa Waayit Haawusitti kenname

    Madda suuraa, bbc

    Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp sibiilaafi almuuniyeemii UK irraa galu gibira irraa bilisa akka ta'u murteessan. Konkolaattota UKrraa galan irratti gibirri duraan kaahamee ture, 27.5% irraa gara 10% akka gadi bu'es beeksisan.

    Gibirri konkolaattota ilaalchisee kaahame kun konkolaattota bara baraan gara US seenan 100,000 irratti hojiirra oola. Kuni ammoo hamma UKn bara darbe guutuu gara US galchiteen qixxeedha jedhan qondaalotni UK.

    Ministirri Muummee UK, Kiir Istaarmeer ''guyyaa ajaa'ibaa, seena qabeessadha'' jedhan wayita ibsa masaraa mooummaa US keessaa kenname irratti bilbilaan dubbatan.

    Mootummaan UKs akkasuma ethaanoolii US irraa galuurraa gibira kaaseera. Foon US gabaa UK akka galus murteesseera. Kun qonnaan bultoota US oduu gaarii ta'uu Tiraamp ibsaniiru.

    Waliigalteen daldalaa UK waliin godhame kun Tiraampiif injifannoo guddaa akka ta'etti ibsama.

    Tiramap dhuma torban kanaatti Chaayinaa waliin dhimma daldalaarratti akka mariin godhamu ibsaniiru.

  17. Deebii mootummaaf guyyootni hafan shani - Hakiimonni maal jedhu?

    Hakiimota hiriirarra jiran

    Madda suuraa, SM

    Ogeeyyiin fayyaa gaaffii mindaa fi faayidaa kaasaniif mootummaan deebii yoo hin kennine lagannaa hojii akka jalqaban himan.

    Ogeeyyiin kunneen gaaffilee isaanii mootummaaf dhiyeessuu yoo dubbatan, deebiin akka isaaniif kennamu guyyaa soddoma kennanillee torbanooti darban jedhan.

    Ogeeyyii fayyaa BBC'n dubbise dabalatee ''jiraachuu hin dandeenye'' jechuun kara garagaraan sagalee isaanii dhageessifachaa turan.

    Hakiima tahuuf waggaa 23 akka dhama'an kan himan hakiima waliigalaa kan tahan Dr Yimaam Indiriis dhiyeenya kana suuraafi ergaa haala jireenyaa isaanii agarsiisu miidiyaa hawaasaa irratti qoodaniiru.

    ''Maatiin koo qarshii baayyee akkaan argadhu yaadu, ilma hakiimaa gatii qabaniif ni boonu,'' jechuun rakkoo maatii isaaniifillee qaqqabuu akka hin dandenye himu.

    Hakiimni maqaan isaanii akka hin eeramne gaafatan ammoo ''ani hakiima tahuu kootin kanan buufadhe hiyyummaa dha, kan turee bor guyyaa haaraa dhufa jechuuni,'' jedhu.

    Ogeeyyiin sagalee dhageessifataa jiran hidhaa dabalatee dhiibbaan irra gahaa akka jiru BBCtti himanii, Waldaan Ogeeyyii Fayyaa Itoophiyaa gochaan kuni ''gaaffii ukkaamsuufi gochaa hin barbaachifne'' ittiin jedheera.

    Ogeeyyiin fayyaa BBC'an yeroo gargaraatti dubbise sochii isaanii kana mootummaan akka ''gaaffii siyaasaatti' ilaalu himatu. ''Fedhiin keenya nyaannee buluufi hawaasa nu barsiise tajaajiluu dha'' kan jedhan qindeessitoota sochii kanaa keessaa tokko.

    Mootummaan gaaffii isaaniif deebii yoo hin kennine lagannaa hojiitti akka bobba'an kan himan ogeeyyiin fayyaa kunneen mootummaarraas deebii abdii kennu akka hin arganne himu.

    Guyyaan itti laganna hojii itti geggeessan dhiyaachaa jiraachuu himuun namoota yaalamaniifi hawaasa irratti dhibbaan akka hin geenye akka taasisan himan.

    Qondaalota Ministeera Fayyaa dubbisuuf yaaliin BBC'n taasisaa ture milkaa'uu baatus, ogeessii koominikeeshinii ministeerichaa yaada gaazexaa rippoortariif kennaniin gaaffiin isaanii ''sirrii dha'' jedhaniiru.

    Gaaffilee isaanii deebisuuf hojjetamaa jiraachu kan himan yoo tahu labsiin bulchiinsaafi to'annoo tajaajila fayyaa dhihoo kana ragga'e rakkoo isaanii akka furu eeraniiru.

  18. Maanchister Yunaayitiid Awurooppaa Liig injifachuuf tilmaama guddaa argate

    Sirni kompitaraa Opta eenyu waancaa Awurooppaa Liig injifata kan jedhu irratti tilmaama hojjeteen Maanchister Yunaayitidiif hiree olaanaa kenne.

    Seenaa Piriimiyeer Liigii keessatti qabxii isaa isa gad aanaa kan galmeesse Maanchister Yunaayitiid, dorgommii kana irratti takkaa'uu hin injifatamne.

    Galgala kana dirreesaa Oldi Tiraafoorditti Atileetik Bilbaawoo waliin morkata. Tapha marsaa jalqabaa Ispeenitti imalee 3-0n injifatee deebi'e.

    Akka tilmaama Optaatti morkii Awurooppaa kana injifachuuf:

    • Maanchister Yunaayitiid - 52.4%
    • Totenhaam - 43.2%
    • Bodo/Giliimt - 3.2%
    • Atileeti Kilab - 1.3%
  19. Keeniyaatti namoota goondaa hatanii biyyaa baasuuf turanirratti murteen darbe

    Shakkamtoota goondaa daddabarsan

    Madda suuraa, Reuters

    Manni murtii Keeniyaa namoota afur goondaa mootii kumaan lakkaa'aman biyyaa baasuuf turan hidhaa waggaa tokkoon ykn doolaara 7,700 akka kaffalan adabbii irratti mure.

    Namoonni shakkaman afur- lammiilee Beeljiyeem lama, Veetinaam tokkoofi Keeniyaa tokko- hoomaa goondaa lubbuun jiran waliin otoo gara Awurooppaafi Eeshiyaatti dabarsuuf yaalaniiti baatii darbe kan qabaman.

    Himannaa irratti ka'e hundaaf balleessaa tahuu amananiiru, lammiileen Beeljiyeem gondaa kan funaanaa turan akka bashannanaatti malee seeraan ala akka tahe akka hin beekne himatan.

    Roobii kaleessaa yeroo murtoon dubbifamu daanyaan gondaan jarri funaanan kan gatii baasaniifi baayyee turan jedhan.

    ''Gondaa muraasa walitti qabuun waan bashannanaa tahullee, homaa goondaa 5,000 waliin qabamuun garuu bashannanarra waan darbe dha,'' jedhan Maajistireet Injeerii Tuukuu

    ''Addunyaan sanyii goondaa kanaa sababa kakaatummaa namoota kanaan dhabdeetti,'' jedhan.

    Gosti goondaa kunneen yeroo mandhee isaanii ijaarratan ilaaluun namoonni bashannanan waan bitataniif biyyattiif sharafa alaa argamsiisu.

  20. Hindi misaa'elootaa fi diroonii Paakistaan ''barbadeessuu'' himte

    Caccabaa xiyyaaraa adda hin baane Hindi keessatti argame

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Caccabaa xiyyaaraa adda hin baane Hindi keessatti argame

    Hindi diroonotaa fi misaa'eloota Paakistaan itti dhukaaste ''barbadeessuu'' himte.

    Hindi ibsa baasteen Roobii halkanii fi Kamisa har'aa yaalii haleellaa Paaksitaan buufataalee waraanaa Lixa Hindii irratti diroonii fi misaa'elaan iraawwatte fashaleessuun misaa'ota sana barbadeessuu himte.

    Paakistaan ammoo diroonota Hindii 25 barbadeessuu himte. Dabalataan xiyyaarota waraanaa Hindii haleellaa qilleensarraa raawwachuuf turan haleeltee buusuu himte.

    Hindiin dhimma xiyyaarota ishee kana irratti yaada hin kennine.

    Dubbii biyyoota lameen gidduutti hammaataa deeme tasgabbeessuuf Sawud Arabiyaa, Iraanii fi biyyoonni kaan gara Hinditti imaluun marii gaggeessaa jiru.

    Hindi dubbicha kana caalaa hin hammeessu. Garuu haleellaa narratti raawwannaan deebii kennina jette.

    MM Paakistaanis akka haloo bahan dubbatanii ture.