Aannan harree irraa oomishaaleen attamii akka hojjataman beektuu?

Ibsa waa'ee viidiyoo, Aannan haree irraa sooranni kuna kka hojjatamu beektuu?
Aannan harree irraa oomishaaleen attamii akka hojjataman beektuu?

Harreen Itoophiyaa keessatti tajaajila fe'umsaa ykn geejibaan fi dhiheenya keessa ammoo kan dhaabbanni Chaayinaa foonshee biyya alaatti erguuf tajaajila qalmaatiif oolchaa jirtu jedhamuun alatti tajaajila gara biraatiif oolchuun hin baramne.

Biyyota addunyaa kaan keessatti garuu harreen geejjibaa fi fooniisheen alatti tajaajila biraa ni kenniti.

Fakkeenyaaf biyya Sarbiyaatti aannan harree irraa areerri (cheese) hojjachuun gatii olaanaatti gurgurama.

Areerri aannan harree kiiloo tokko Yuuroo 1,200tti gurgurama. Kunis giddugalaan mindaa ji'aa nama tokkoo caalaa gatii qaba jechuudha.

Akka addunyaatti areerri baayyee qaaliin areera cuqulusa yoo ta'u, gariin areera cuqulisa kiilogiraamni 2.5 bara 2024'tti Yuuroo 36,000tti gurgurameera.

Kanaanis galmee Giinas addunyaa ( Book of World Records) irratti galmaa'eera.

Mee viidiyoo kana dowwadhaa.