Dibata gogaa addeessu fayyadamtanii beektuu? Miidhaasaa hoo?
Namoonni haaluma aadaa hawaasa keessa jiraataniitti dibatawwan garaa garaatti fayyadamuun gogaan qaamasaanii akka lallaafuu ykn akka bareedu yaalii taasisu.
Dibanni kunneenis kan oggeessa fayyaatiin mirkannaa'e yoo ta'e malee balaansaa kan umurii guutuu ta'u mala.
Fakkeenyaaf haatii maqaanshee faaxumaa jedhanamiifi jiraattuun biyya Naayijeeriyaa, dibata gabaadhaa bittee ijoollee ishee jaha dibdeen gogaa ijoolleeshee irratti godaannisa erga uumeen booda gaabbii cimaa keessa seenu dubbatti.
Dibata gogaa addeessu kana sababiin itti ijoollee ishee dibdes, daa'imti obbolleettii ishee kan gogaansaanii adii ta'e waan ta'aniif haatiishee ''ijoollee koo caalaa ijoollee obboleetti ishee akka jaallattutti yaaddeef ta'u BBCtti himte.
Ofii dibata qulqullinnisaa adda hin baane fayyadamuun miidhaa attamii qaba jettanii yaaddu? Kunoo dhaggeeffadhaa.