'Harka dhabus luka kiyyaan daa'ima kiyya nan hammadha'
Dargaggoon Iraaq Ali Abbaas yeroo qindoominni waraanaa Ameerikaan durfamu waggoota 20 dura Pirezidant Sadaam Huseen fonqolchuuf Iraaq weeraru reefu ganna 12 ture.
Maatiin isaa jireenya wayyoo qabu jiraachuuf abdataa turani.
Garuu, manni jireenyaa isaanii yeroo jalqaba waraanichaa bara 2003’tti rokeetii Ameerikaan rukutame.
Aliin sababa haleellaa waggoota 20 dura raawwateen harka isaa lamaan dhabeera.
Waan keessa darbeefi abdii gara fuulduraa qabu akkanaan BBC’f qoode.