Mormiiwwan dura-buutumaa dubartootaan geggeefaman kanneen beektuu?
Dubartoonni akkuma addunyaatti qaama hawaasaa loogiiwwaniifi sarbama mirgaa garaa garaaf saaxilamaniidha.
Har'a dubartoonni muraasni waltajjiiwwan addunyaarratti as bahanii mul'achuunsaanii kan akka laayyootti argame miti.
Dubartoonni baroota dheeraa irraa kaasuudhaan dhuunfaa fi tokkummaan dhaabbachuun mormiiwwanii garaa garaa gaggeessuun sagaleen isaanii akka dhagahmuuf har'aa hedduu kanfalamiiru.
Kanfaltii hojjattoota dhiiraa dhaabbilee fi sa'aatii hojii walfakkaatu keessa hojjataniin akka kanfalamuuf gaafachuu irraa kaasee loogiiwwaniifi sarbamoonni mirgaa kallattii adda addatiin irratti raawwataman akka dhabbataniif mormii dhageessisaa turan, ammas itti jiru.
Mormiiwwan kunneenis bu'aa qabatamaa kan argamsiisan yoo ta'u gariinsaanii hanga ammaattuu haala jijjirachuun dubartoota irraan yoo miidhaa qaqabsiisan argamu.
Gabaasa keenya kanaanis mormiiwwan jajjaboo dubartoonni addunyaarratti yeroo garaa garaatti gaggeessan isin biraan geenya, kunoo dhiyaadhaa!