Dhimma suuraa dubartii dursaa finciltoota Sooriyaarratti falmii kaase

Ahimad al-Shaaraan dubartii waliin suuraa kaate hin dirqisiisne jedhan

Madda suuraa, X

Ibsa waa'ee suuraa, Ahimad al-Shaaraan dubartii waliin suuraa kaate hin dirqisiisne jedhan

Dursaan finciltoota Sooriyaa Ahimad al-Shaaraa falmii dubartiin yoo mataasheetti haguuggatte malee suuraa si waliin hin ka'u jechuun mallattoo agarsiisan jedhu waakkatan.

Al-Shaaraan torban darbe keessa osoo dubartiin takka waliin suuraa hin ka'iin dura akka mataasheetti uffattuuf mallattoo yoo kennu viidiyoon mul'isu miidiyaa hawaasummaarratti qoodameera.

Fayyadamtoonni miidiyaa hawaasummaatis dhimma kanarratti wal falmaa turan.

Gochaa dursaa finciltoota Sooriyaa kanarratti hundaa'unis Sooriyaan gara fuulduraatti maal fakkaachu ykn kallattii attam hordofu akka dandeessu kan agarsiisuudha jedhame.

Dursaan garee Hayaat Taahiri al-Shaam hordofaa amantaa Islaamaa Sunnii dha.

Kana raawwachuunsaanii gara fuuladuraatti sirna Islaamaa hojiirra oolchuuf dirqisiisuu mala jechuun kanneen yaaddoo ibsatan jiru.

Libaraalonni Ahimad al-Shaaraan erga Bashaar al-Asaad aangoorraa buqqisanii ofii teessuma koran booda Sirna Islaamawaa hojiirra oolchuuf deemu jedhanii dubbatan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduu, xiinxalaafi odeessa adda addaa kallattiin argachuuf

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Gareen leellistootaa ammoo duraan dursee dubartii waliin suuraa ka'uudhuma hin qabu ture jechuun Ahimad al-Shaaraa qeeqan.

''Ani ishee hin dirqisiifne. Haata'u malee, bilisummaa dhunfaakooti. Yoo suuraa ka'u karaan ani barbaadeen ta'u qabaata'' jechuun gaaffii fi deebii BBC waliin taasisaniin dubbatan.

Dubartiin viidiyicharratti mullatteefi maqaanshee Liiyaa Keraalaah jedhamte akka rifeensashee haguuggattuu sababii gaafatamteef komii akka hin qabne dubbatti.

Isheen akka jettuutti, hogganaan finciltoota HTS jedhamanii ''nama danboobaa fi haala abbaa ta'een,'' ishee gaafatan.

Kana malees, dursaan kun, ''nama waliin attamiin walitti dhiyaachu akka qabu murteeffachuuf mirga qaba,'' jette.

Haata'u malee, haalli kun gara fuulduraatti Sooriyaa biyya dhimma amantaatiin qoqqoodamte bulchuun dureewwan dhufaniif baayyee cimaa akka ta'u kan agarsiisuudha.

Ummata Sooriyaa keessaa irra caalaan hordoftoota Islaama Sunniiti.

Kan hafan ammoo Kiristaanota, Alaawaayii, Diruuze fi Ismaayiliidha.

Namoota siyaasaafi hidhattoota garagaraa bulchiinsa Bashaar al-Asaad mormaa turan gidduus ilaalchi jiru adda addadha.

Kanneen keessaa muraasni dimookiraasii jala buluu fedhu, kaan immoo Sirna Islaamaa jala buluu barbaadu.

Gartuun duraan al-Qaayidaatti hidhata qabu, HTS, gara jalqabaa bara 2017 bulchiinsa Idliib yeroo to'atu sirna to'annoo cimaa qabu murteessee ture.

Kunis, akkaataa uffataa dabalata. Haa ta'u malee, qeeqa ummataa itti jabaaten qajeelfamoota kana booda kana haqeera.

Qur'aanni, musliimonni dhiiraafi dubara ta'an sirnaan akka uffatan ajaja.

Dhiironni handhuuraa hanga jilbaa akka uffatan, dubartoonni immoo fuula, harkaafi miila malee qaama isaanii hunda akka haguugan gorsa.

Hayaat Taahrir al-Shaam bulchiinsa Idliib keessatti hamma tokko tasgabbii buusaniiru

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Hayaat Taahrir al-Shaam bulchiinsa Idliib keessatti hamma tokko tasgabbii buusaniiru

Liyaa Keraalaah Ahimad al-Shaaraa waliin suuraa ka'uf kan gaafatte yeroo dursaan finciltoota Sooriyaa bakkeewwan Meezzaah, Damaasqoo keessa jiru daawwataa turetti.

Suuraa waliin ka'uu dura, Shaaraan rifeensashee akka haguuggattu harkaan akeekuun gaafate.

Isheenis waliigaluun koofiyyaa shurraabii ishee haguuggattee suuraa ka'uf bira dhaabatte.

Kiliippiiwwan viidiyoo fi suuraan taatee sana mul'isan miidiyaa hawaasummaa gubbaa qoodaman, dheekkamsas kaasan.

Chaanaaliin 24 jedhamu taate kana mata duree Sooriyaan ''bulchiinsa Islaamaatti qajeelaa jirti'' jechuun irratti mari'ate.

Kaan immoo gocha dursaa finciltoota Sooriyaa balaaleeffatan.

Gaazexeessaan Sooriyaa tokko ''abbaa irree tokko abbaa irree biraan bakka buufne,'' jechuun qeeqe.

Miidiyaa hawaasummaa irratti, xinxaltoonni kaan ''finxaaleessitoonni'' aangoorra bahanii jedhan, kaan immoo ''dubartiin mirga qabdu'' dirqamte jedhanii balaaleeffatan.

Cimsitoonni Islaamistii immoo Telegiraama irratti akkamiin jalqabumaa dargaggeettii bira viidiyoo waraabamuufi suuraa ka'u eeyyamamaa ta'e jedhanii Ahimad al-Shaaraa qeeqan.

Muraasni Aadde Keeraalaatiin dubartii naamusa hin qabne jedhanii waaman.

Kanneen dursaa finciltoota Sooriyaa qeeqan gara caalu kana dura dhimma siyaasaafi amantaan Ahimad al-Shaaraa qeeqaa turanidha.