Finciltoonni Sooriyaa magaalota to'ataa jiran eenyu?
Haleellaa tasaa finciltoonni Sooriyaa raawwataniin waggoota muraasa booda ijji addunyaa deebi'ee Sooriyaa irratti buufateera.
Waraanni mootummaa Sooriyaa duubatti sosso'aa finciltoonni magaalota biyyattii keessaa guddinaan lammaffaa taate, Aleeppoo, to'ataniiru.
Erga waraanni biyyattii loltoota baase boodas magaalaa Haamaa gara caalu to'atan.
Haleellaan kun garee hidhattoota Islaamaa ofiin jedhu- Hayat Tahrir al-Sham (HTS) jedhamuun raawwatame. Gartuun kuni garuu eenyu?