Yaadannoo fonqolcha mootummaa nama umuriin waggaa 74 Koloneel Kaasaayee

Mangistuu Haayilamaariyaam Guraandhala 12 barra 1970 Mooskootti

Madda suuraa, TASS

Ibsa waa'ee suuraa, Mangistuu Haayilamaariyaam Guraandhala 12 barra 1970 Mooskootti

Yeroo sanatti ajajaa olaanaa humna qilleensaa 102ffaa Eeritiraatti argamuun ture. Caamsaa 8 guyyaa Kibxataa tasa biiroo janaraal Damisee Bultootti barbaadamta naan jedhan. Anis konkolaataa koo kaafachuudhaanan biiroo isaanii dhaqe.

Yeroon ani achi qaqqabuuttis Birgaadar Janaraal Kaasaayee Camadaa keessa turan. Isaan erga bahaniin ani seene.

''Oo gooftaa!'' jedheen. ''Finfinnee tasgabbii dhabiinsa xiqqootu jira. Waraana birgeedii lamaa qabachuun deemiitii hatattamaan tasgabbeessi, Janaraal Qumilaachoon qajeelfama dabalataa siif kenna" naan jedhan.

Yoon biiroo Janaraal Qumilaachoo qaqqabuus ''dhuftee Kaasaayee! koottu na hordof'' jechuun konkolaataa saanii kaafatan.

Osoon dukaasaanii hordofuu humna qilleensaa Asmaraa qaqqabne. Fuuldura isaaniis xiyyaaroonni warri Raashiyaa Mangistuuf kennaadhaan laataniif dhaabbattee jirti. Xiyyaara kanaan Finfinnee deemna naan jedhan.

''Uffataafi yaadannoo hin qabanneebee gooftaa'' jennaaniin, ''...jedhii xiyyaara ittaanuun na qaqabi'' naan jechuun xiyyaara seenan.

Hatattamaan fiigee mana galuun uffannaa fi yaadannookoo qabadhee yoon deebi'u, xiyyaarittiin osoo hin ka'iin qaqqabe.

Mangistuu Haayilamaariyaam

Madda suuraa, Amin Mohamed

Xiyyaricha keessattis namoonni gara 70 ta'an taa'aniiru. Humni qilleensaa ammoo antonoviiwwan afuriin fe'amanii nu hordofuun ni dhufu.

Xiyyaarittiinis gara Mitsiwaatti qajeeluun gara kallattii Qaaruraa deemte.

Achii deebi'uunis osoo laga Marab hin ce'iin natti fakkaata, Janaraal Qumilaachoon tuf jedhanii ol ka'uun waraqaa tokko qabatanii dubbisuu eegalan.

Erga rakkina uummata Eertiraafi Itoophiyaa irra gahuu dubbataniin booda, dhumarra nu naasiisan. Anis kanan yaadadhu isa dhumarratti dubbatan qofaadha.

''Koloneel Mangistuun ajjeefamuun aangoorraa bufamaniiru!'' jedhan.

Baay'een nahe. Yoon Asmaraadha ka'u waanan beeku hin turre. Waliigalatti xiyyaara keessa kan turre nama 73 taana.

Namoonni sun hundi harka yoo rukutan ani garuu naasuudhaan gogeen hafe. Akka nama hirribaa ka'uuttan dammaqee harka rukute.

Addababbayii Abiyootitti hiriira mormii Impeeriyaalizimii bahame Ebla 23 bara 1969

Madda suuraa, William Campbell

Ibsa waa'ee suuraa, Addababbayii Abiyootitti hiriira mormii Impeeriyaalizimii bahame Ebla 23 bara 1969

Finfinneetti nama nu simatu dhabne

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduu, xiinxalaafi odeessa adda addaa kallattiin argachuuf

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Sa'aatii 11 irratti buufata xiyyaaraa Boolee geenyee bilbila bilbillus nama bilbila nuuf kaasu dhabne. Raadiyoo taasifnuulleen kan kaasu dhabne.

Ministeera Ittisaatti bilbillee achiis namuu bilbila hin kaasu. Ittisa lafoottis bilbillee eenyuu hin jiru. Wal-quunnamtii hundinuu adda citeera. Edaa osoo nuti hin qaqqabiin dura dubbiin badee jira.

Maaliif naan jedhi...Naannoo sa'aatii 9:30tti Janaraal Abarraan ministiricha Janaraal Haayilagiyoorgisiin ajjeesuun miliqeera.

Nuti kana hunda hin beeknu ture. Nuti kan beeknu koloneel Mangistuun ajjeefamusaa qofadha.

Sa'aa sanatti waraana nuti fidnee dhufne kan nuuf qindeessu hin qabnu. Osoo nuti hin qaqqabiin ture birgeedii eegumsa addaa irra taankiin dhufuun mooraa Ministeera Ittisaa marseera. Akkuman sitti hime nuti kanas hin beeknu.

Eegaa maal gootaa... humna qilleensaa wal hordofuun dhufe kaan achuma Buufata xiyyaarratti eegduu gochuu eegalle.

Kaan ammoo buufata sakatta'iinsaa Aqaaqii Qaallitiirratti ramadamuun keessaafii alaa konkolaataan akka hin baaneefi hin gallee taasise.

Kan hafne ammoo gara dallaa Aviyeeshinii Ittisaa deemne. Waraanni Xoollayii dhufes achumatti nutti makame.

Caamsaa 8 galgala- naannoo Gommaa Quxxabaatti

Galgalaa'aa adeemnaan bitaa nutti gale. Janaraal Qumilaachoon na waamanii ''gara ministeera ittisaa yaa deemnu'' naan jedhan.

Walitti dhufeenyi keenya adda citulleen kan dhufneef hoggantoota fonqolcha mootummaa raawwatan Ministeera Ittisaa keessa jiraniif dahoo kennuuf waan ta'eef gara sanatti qajeelle.

Waraana kumalaa tokko qabannee, Xoor-haayiloochiin dabarree karaa hospitaala Baalchaatiin oliin gama buufata poolisii shanaffaatiin goonee, eegumsa fayyaa geenye.

Waraanaa kumalaa tokko qabanneera. Achuma Gommaa Quxxabaa bira isaan keenyee basaasuuf gara Ministira Ittisaatti siqne.

Akkuman sitti hime galgalaa'eera. Siriiyyuu halkan wallakkaa darbeera...ta'us addeessi iftee baateti. Kan si dhibu halkan sana waan hunda argu dandeessa. Akkuma aduutti ifaa turte yoon siin jedhe soba hin ta'u.

Yoon gara Tiyaatira Biyyaalessaatti siqu, hoteela Itoophiyaatiin gadi ibsaan tiraafikaa jira miti? kan gara Filuhaa dhaqu sana... taankiin tokko konkolaataa jiippii tokkoon hordofamaa gara kiyyaa yoo dhufuun arge.

Anis jiippii matarayeesii baattu tokkorran ture. Konkolaachisaan dafiitii gara mirgaa duubatti deebi'in jedheen.

Irra deebiin karaa gubbaan naannoofnee ilaaluuf jennaan ammoo taankiin biraa fuulasaa gara keenyaatti garagalfachuun nu rukutuuf jedhe. Achiin deebinee gara Gommaa Quxxabaatti galle.

Nuti hanga sa'aatii kanaatti Ministira Ittisaa keessatti maaltu gaggeeffamaa akka jiru hin beeknu. Yaaliin fonqolchichaa fashalaa'usaa hin dhageenye.

Janaraal Mari'id fa'i lubbuun kan jiran nutti fakkaate. Nuti kan beeknu Mangistuun ajjeefamuu isaa qofa ture.

BBC: Meeshaa hidhattanii turtanii?

Koloneel Kaasaayee: Waraanni aniifi Qumillaachoon qabannee dhufne amoorkaa afa-muuzii afur qaban lama qabateera. Isas yoo ta'e kan halkanuma sana birgeedii eegumsa addaa irraa bojineedha.

BBC: Dhiifama garuu koloneel Amoorkaan maaliidha?

Koloneel Kaasaayee: Amoorkaan meeshaa abbaa 'afa-muuzii' lamaa Koriyaa kan shilkaa fakkaatu qabuufi kan rasaasa Zu-23 kan fudhatu meshaa cimaadha. Isaanis birgeedii eegumsa addaa irraa kan dhufan lamatu ture.

Gara mooraa waraana lafoo wayita galan boojinee konkolaachisaa ramanneefi gara lafa boqonnaatti geessine. Dhukaastota humna qilleensaatii itti dabalachuun gara naannawa Gommaa Quxxabaa adeemne.

Isaan boodas janaraal Qumillaachoo waliin gara Buufata poolisii Amistanyaa adeemuun bilbila argannee bilbiluu eegalle.

Ministeera Ittisaatii namni bilbila kaasu hin jiru. Meeshaa 'RPG' of harkaa hin qabnu, taankicha maaliin haa rukunnu... boodarra deebiifne rukunna jechuun halkan sana Gommaa Quxxabaadhaa gara Waraana Lafootti deebine.

Achi akkuma geenyeenis janaraal Qumillaachoon dhufe naan jedhee deeme. Isaan boodas wal agarree hin beeknu.

Finfinnee Naannoo Baankii Biyyaaleessaa bara 1960 keessa

Madda suuraa, Mondadori Portfolio

Ibsa waa'ee suuraa, Finfinnee naannawa Baankii Biyyaaleessaa bara 1960 keessa

'Jaal Mangistuu Haayilamaariyaam imimmaan qabe'

Kan hidhamne masaraatti ture. Achi galma guddaatu jira. Isa keessas lafa xajjiin itti tolfamutu jira. Warri fonqolcha nu waliin yaalan Asmaraa dhufanis haala sukkaneessaan hidhamanii yoo iyyan nan yaadadha. Gara 112 taana turre.

Osoo hidhamne jirruu jaal Mangistuun ala lama nu daawwataniiru.

Guyyaa jalqabaa kan dhufan gaafa addababbayii Abiyootitti haasaa taasisan ture. Caamsaa 10 ykn 11 ta'a amma sirriitti hin yaadadhu.

Addababbayii Abiyootii kallattiin gara keenya dhufan. Wayita sana ammoo nuti poolisoonni nuuf ramadamanii jecha kennaa turre. Guyyaa sanas dhufanii nu ilaalanii callisanii deebi'an.

Isaan booda Waxabajjii 11 bara 1981 deebi'anii dhufan. Wayita sanattis qondaalota gara 118 ni taana galma sana keessatti hidhamne kan turre.

Galmichi karra tokkittii qofa qaba. Ifaa homaatuu hin qabu. Wanti mul'atu homtu hin jiru. Garuu galgalaafi ganama sa'aatii tokkoof aduu ni qaammanna ture.

Waxabajjii 11 wayita yeroo lammaffaaf dhufan nutis aduu qaammachaa turre. Walitti qabamaa nuun jedhan. Wallakkan gaabii uffateera. Wallakkaan mataatti marateera.

Waan guyyaa sanaa yaadadhu sitti haa himu...? Mangistuun asiifi achi jechuun nu ilaalan. Isaan boodas gara janaraal Abdullaahiitti naanna'uun ''Abdullaahii!'' jedhaniin.

Bulchiinsa Ministira Ittisaa kan turan janaraal Abdullaahiinis ''Abeet Gooftaa'' jedhan.

''Ati waraana eegumsa naannoo Finfinneetiif baatii 6'f mindaan akka hin kanfalamneef beektaa mitii");