Seenaan daa'ima haadhasheen gurguramtee uummata qalbii cabsee, boossise

Haadha mucaashee gurguratte

Madda suuraa, Gallo Images via Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Haadhaa fi kanneen namoota biraa lama isheedhaan wal ta'un daa'ima umuriin waggaa jahaa gurguran jedhamuun hidhaan umurii guutuu itti murtaa'eera

Gochaa akkasii kana baayyee dhagahee hin beeku. Haadha daheetu namoota biraa lama waliin ta'uun intalashee kan umuriin waggaa jahaa gurgurattee bakka buuteenshee dhabame

Jarreen kunneen sadanis balleessaa raawwataniitti sababii gaabbii hin agarsiifneef jedhamuun haala wal qixa ta'een hidhaan umurii guutuu kaleessa itti murtaa'eera.

Viidiyoon Joshlin Ismiiz wayita kofaltu agarsiisu dhaddacha keessatti yemmuu agarsiifamutti hirmaattonni dhaddachichaa hedduun ni boo'an.

Daa'imni kichuun umurii waggaa jahaa kun waggaa tokko dura ture achi buuteenshee kan dhabame.

Haata'u malee dhabamuu daa'ima kanaa duuba adda durummaan kan shakkame harmeeshee garaatti baattee ishee deessedha.

Harmeen daa'ima kanaa Keelii Ismiiz ji'a tokko dura ture manni murtii yakka daa'ima waggaa jahaa intalashee taate butuun akkasumas daddabarsuun balleessaadha kan jedheen.

Sababni harmeen kun daa'imashee itti gurgurtemmoo maallaqa waan araadasheef tahu ittiin bitattu argachuuf akka ta'e amanama.

Himatamtuun umrii waggaa 35 kun jaalalleeshee Jaakuwiin Appoolis akkasumas hiriyaa jara lamaanii kan ta'e Stevenoo Vaan Rin waliini murteen balleessummaa kan irratti murame.

Kanneen murtiif jecha ragaa kennan keessaa tokko harmeen kun intalashee waggaa jahaa kan taate Joshlin hakiima ''aadaa Afrikaa'' Kibbaa keessatti "sangoma" jedhamuun beekamutti akka gurgurte dubbatan. Hakiimni aadaa kunis "ijaa fi gogaa daa'ima kanaa barbaada" jedhan.

Paastariin naannichaa tokkos himatamtuun ijoolleeshee sadeen yoo ta'e tokkon tokkonsaanii Raandii 20,000 (Birrii 144,000'tti) yoo hin taane ammoo birrii 36,000 osoo argatteyyuu akka gurgurtu yeroo dubbattu dhagahuusaa hime.

Haadha himatamtuu kan ta'anfii ijoollee lamaan hafan guddisaa kan jiran Amaandaa Ismiiz, "akkamiin rafuufii jiraachuu dandeessa");