Tiraamp sagantaa ifxaaraa qopheessuun hawaasa Muslimaa galateeffatan
Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp Waayit Haawusitti sagantaa ifxaaraa qopheesseera.
Sagantaa kanarratti Muslimoota akka filannoo 2024 injifatuuf sagalee ta'aniif guddisee galateeffate.
Ramadaan Mubaarak jechuun yeroo soomaa gaarii hawweera.
Dhimma Gaazaan walqabatee kan komatamu Tiraamp hawaasa Muslimaa waliin hariiroo gaarii qabaachuu akka barbaadu ibseera.