Monoksee guyyaatti daa'imman 24,000'f nyaata dhiyeessan: Immaahooy Tsiggee

Ibsa waa'ee viidiyoo, Monoksee guyyaatti daa'imman 24,000'f nyaata laatte Emaahooy Tsiggee
Monoksee guyyaatti daa'imman 24,000'f nyaata dhiyeessan: Immaahooy Tsiggee

Immaahooy Tsiggee Girmaay jiraattuu naannoo Tigraay yoo ta'an, osoo gara jireenya afuuraatti hin seeniin dura haadha qabeenyaa beekamoo turan.

Ammaan tana garuu monoksee ta'udhaan jireenya afuuraa jiraataa kan jiran yoo ta'u, daa'imman sababii waraanaatiin buqqaa'an gargaaraa jiru.

Deggarsa kana kan raawwatan ammoo qabeenya dur horatan gurguruudhaani. Monokseen kun daa'imman sababii waraanaatin waan nyaatan hin qabneef nyaata dhiyeessaa jiru.

Tibba waraanni Kaaba Itoophiyaatti mudatetti guyyaatti daa'imman kuma 24'f nyaata dhiyeessaa akka turan dubbatan.

Gaaffii fi deebii Immaahooy Tsiggeen BBC waliin taasisan kunooti dhaggeeffadhaa.