Waldaa rakkoon ka'umsa ta'eefi rakkoo hawaasaa furuuf carraaqaa jiru - WMO
Waldaan Misooma Oromiyaa (WMO)n kan ALI bara 1985 kufaatii sirna Dargii booda hundeeffame, hundeeffamni isaas rakkooleedhuma Naannoo Oromiyaa qabdu kan bu'uura godhate ta'uutu himama.
Waldaan yeroo hundeeffama isaarraa eegalee maallaqa birrii biiliyoona 25.3 ol baasii godhe kun, pirojeektoota 6,867 ol hojjechuun ummanni naannoo Oromiyaa miliyoona 29 ta'u akka fayyadamu taasisuu waldichi ni hima.
Haata'u malee, ammalleen kaayyoo hundeeffameef haala barbaachisuun milkeessuuf deeggarsaa fi tumsi cimaa akka barbaachisu dubbatu Daareektarri Olaanaa waldichaa, Obbo Dajanee Itichaa.
Turtii Obbo Dajaneen BBC Afaan Oromoo waliin taasisan akkasiin isiniif dhiyeessineera dhiyaadhaa.