Halkan ijoollee keenya barbaacha dhufan sana
Fulbaana 06, 2022 kaaba Gaanaatti halkan keessa qawwee itti qabanii daa’imman afur maatii jalaa fudhataman.
Hoteela geeffamanii suuraa kaafamanii qaama dhiqatanii nyaanni dhihaatef. Galgala keessammoo dahootti geeffaman.
Maatiin daa'imman jalaa butaman waan ta'aa jiru hubachuu hin dandeenye.
Dhaabbata Ameerikaa tarkaanfii kana qindeesseef garuu milkaa'inadha - duula daa'imman gabroomfaman baraaru.
Sochiin dhaabbatichaa Lixa Afrikaa keessatti mul'ate gaaffii jajjaboo kan kaase ture.
Wanti ijoollee kanarra dhaqqabe maali? Qorannoon BBC Africa Eye ji’ootaaf taasisee irra gahe kunoo.