'Dur loon keenya bobbaafannee kolfaafi gammadaa oolla ture' - Waariyoo Galgaloo

Ibsa waa'ee viidiyoo, 'Dur loon keenya bobbaafnee ..kolfaa gammadaa oolla ture'
'Dur loon keenya bobbaafannee kolfaafi gammadaa oolla ture' - Waariyoo Galgaloo

Sababii roobni walitti aansuun waggoota sadii oliif osoo hin roobiin hafef, loon hedduu waan dheedaniifi bishaan dhugan dhabuun du'aniiru.

Keessattuu hawaasni horsiisee bulaa kan jireenyisaa qabeenya loonii irratti bu'urreeffate ammoo caalaa rakkoo cimaaf saaxilameera.

Hawaasa horsiisee bulaa balaa hongeetiin miidhaaf saaxilaman keessaa namoonni BBC dubbise attamiin akka rakkoo nyaataa qofa osoo hin taanee rakkoo xin-sammuutiif illeen saaxilamaa akka jiran dubbatu.