'Hiriyyummaan keenya akkuma cimetti jira' - Raapparoota Yihuudiifi Arabaa
Akeekkachiisa: Qabiyyee miira isin jeequ qabaachuu mala.
Uriyaa Rosenimaan barsiisaa Yihuudiidha. Sameeh Zakaawut ammoo weellisaafi taatoo Araba Filisxeem - Israa’el ta'edha.
Waggaa lama dura dorgommiin Raappii Afaan Yihuudiifi Arabaan taasisan ijoo dubbii ta’ee ture.
Dhaabbati isaan hundeessan DUGRI jedhamu muuziqaa fayyadamuun waliin jireenya leellisa.
Haleellaa Hamaas Onk. 7’n hiriyyoonni Uriyaa ajjeefamaniiru, butamaniirus. Haleellaa boombii Gaazaan ammoo Sameeh miseensa maatii isaa dhabeera.
Miidhama keessa jiraatanis jeequmsi nagaa hin fidu, akkasumas daandiin furmaata akeeku jiraachuu qaba jedhanii amanu.