Hindii: biyya dhiirri butamee gaa'ila raawwatu
Maatiin shamarran biyya Hindii dhiibbaa aadaan irra gahurraa kan ka'e misiirroo gaarii ijooleesaniif argachuutu isaanirra eegama.
Baha Hindii naannoo Bihaaritti nama akkanaa argachuuf jecha maatiin tokko tokko ijoollee dhiiraa butuuf dirqamu. Nus haala keessa darban akka nuuf hiraniif dirqamaanii kan fuudhan keessaa misirroota lama haasofsiifneerra.