Hordoftoota keenya tamsaasa kallattii har'aa goolabne
Bor ganama odeessaalee waraana Hamaasii fi Israa'el biroon dachaana.
Nagaan bulaa
window.__reverb = {}; window.__reverb.__reverbLoadedPromise = new Promise((resolve, reject) => { window.__reverb.__resolveReverbLoaded = resolve; window.__reverb.__rejectReverbLoaded = reject; }); window.__reverb.__reverbTimeout = setTimeout(() => { window.__reverb.__rejectReverbLoaded(); }, 5000);
Haalli jiraattota Gaazaa keessaa hammaachaa kan jiru ennaa tahu; bishaan, nyaata, qorichaa fi tajaajilli ibsaa garmalee xiqqaachaa jiru.
Bor ganama odeessaalee waraana Hamaasii fi Israa'el biroon dachaana.
Nagaan bulaa
Madda suuraa, Reuters
Ismaa'il Haaniyeeh, kan akka dursaa waliigala Hamaasiitti ilaalamu, haleellaa hospitaalaa Al Ahli Gaazaa keessaa irratti raawwatameef Ameeriikaan itti gaafatamtuudha jedhan.
Kanaafis sababii yoo eergan, ''haleellaa Israa'eel raawwattuuf Ameerikaan harka irra qabdi'' jechuun komatan.
''Ajjeechaan hospitaalichaa kuniss gara jabiina diinaafi injifatamuutti hangam akka itti dhagahame kan mirkanneessudha,'' jedhan Haaniyeeh haasaa TV irratti taasisan.
Akkasumas ummanni Filisxeem hundi ''ka'ee akka weerartootaafi qubattoota dura dhaabbatu'' akkasumas Araboonnii fi Islaamtoonni hundi Israa'el irratti mormii akka gaggeessaniif waamicha dabarsan.
Hidhattoonni Hamaas Gaazaa keessaa dhohinsa hospilaata keessatti mudate kessa harka hin qabnu jechuun haalan.
Gareen Jihaad Islaamiik Filisxeemootaa (PIJ) himannaa Israa'el, haleellaa hospitaala Al Ahli kan Magaala Gaazaa keessattii isanitu itti gaafatamaa jechuu haalan.
Gareen milishootaa kunneen akkas jechuusaanii kan gabaase madda Ejansii Oduu Rooyitarsi.
Maark Reegeev, gorsaa olaanaan Ministira Mummee Israa'el, aanga'oonni Israa'el taatee hospitaala Gaazaa keessaa mudate maal akka ta'e qorachuufi, waraanni biyyattii ''ta'e jedhee hospitaala irratti hin qiyyeeffatu'' jechuun BBCtti himan.
Qondaalli kunis ‘‘Odeeffannoon aanga’oota olaannoorraa argadhe…hundi kun ajaja Israa’el akka hin taane agarsiisa. Rookkeettii Hamaas jalaa bakka gabaabaatti kufeedha malee’’ jedhan.
‘‘Waldhabee kana dura garee hidhattoota Gaazaa waliin tureen, jidduugalaan rookkeettiian isaan nurratti dhokaasan %33 achuma Gaazaa keessa qubata,’’ qondaalli kun.
Itti dabaluunis ‘‘Hamaas Israa’el namoota nagaa ajjeefte jechuun injifannoo hololaan barbaada waan ta’eef, ‘‘of eeggannoo akka taasiftanan isin gaafadha. Akka nuh hin taanee wantoonni agarsiisan raga cimaa qabana.’’
"Garuu himannaa isaanii kanaaf raga omaatu hin qaban’’ jedhan Reegeev.
Raayyaan Ittisa Israa’el (IDF) ibsa toora X, kan duraan tiwiitara ture, gubbaatti maxxanseen haleellaan hopsitaala Al Ahlii irratti raawwatame rookkeettii milishoota Filisxeemiin raawwatame jedheen amana jedha.
Waraanichi xinxala taasiseen sirni oppareshiin akka mul’iseetti, rookkeettiin hidhattoota Gaazaatiin dhokaafameetu jalaa fashalaa'uun dhiheenyarra qubatee hospitaala Gaazaa keessaa haleele jedhe.
‘‘Ragaan maddeen tikaa hedduu irraa mirkanneeffannee harkaa keenyaa qabnu, rookeettii garee hidhattootaa dhokaasuun garuu jalaa dhiheenyatti kufeetun hospitaalicha irra bu’e, kanaafis isaanitu itti gaafatamoodha,’’ jedhe.
Dubbii himaan ministeera fayyaa Gaazaa haleellaa qilleensaa hospitaala Baatist Gaazaa keessatti argamu irratti raawwateen lubbuun namoota 500 darbeera jedhan.
Waraanni israa'el garuu waan mudatee adda hin baasne, qorataa jirra jedhe.
Waajirri miidiyaa Hamaas Gaazaa jiru haleellaa hospitaala irratti raawwate, ''yakka waraanaa,'' jedheeraani.
Masriin hulaa Raafaah daangaa Gaazaatti ceesisu banuu didde dubbiin jedhamu, ''sirrii mitii,'' jette. Inumaayyuu haleellaa Israa'el naannichatti taasiftutu hulaa ce'umsaa kana danqe jette.
Hulaa cehumsaa daangaa Gaazaa fi Masrii kana qofatu daangaa Israa'elitti otoo hin bu'iin deeggarsa qaqqabsiisuu dandeessisa.
''Hamma nuti beeknutti hulaan Raafaah gama keenyaan jiru banaa dha,'' jechuun Ministarri Haajaa Alaa Masrii Hasan Shookriin BBCtti himan.
Haatahu malee gama Masriin konkolaattonni deeggarsaa hiriira qabatanii jiraatanillee, gama Filisxeemiin hulaan kuni ammallee cufameetu jira.
Shookriin, ''lammiileen Gaazaa daangaa keenyarra jiran nageenyi isaanii ni eegama,'' jedhan.
Masriin dhimma baqattoota Filisxeemiif xiyyeeffannoo akka hin kennineefi waraanaan duras guyyaatti lammiilee biyyatti 400 qofa akka dabarsitu beekama.
Madda suuraa, EPA
Pireezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan mariif gara Israa'el imaluu dura Ministirri Ittisaa biyyattii Looyid Oostiniifi Dubbii Himaan Mana Maree Nageenya Biyyaalessaa Joon Kirbiiy ibsa kennaniiru.
Ministirri Ittisaa Oostin loltootni 2,000 ta'an ajaja gara Gidduugala Bahaatti ''duulaaf qophaa'aa'' jedhu jala jiru jedhan. Ajajni kun kan kenname tarii haalli jiru kan ammaa caala hammaatee duuluun yoo dirqama ta'eefi jedhan.
Waayit Haawus garuu loltoota ishee dachii lolli gaggefamu kanatti duulchisuuf fedha akka hin qabne jabeessee ibse. Ajajni amma kenname kun humni waraanaa atattamatti deebii laachuu akka danda'uufi jechuun dubbatan Oostin.
Joon Kiirrbii ammoo gaaffiifi deebii CNN waliin gaggeessan irratti duulaaf loltoota qopheessuun ''ittisaaf qophaa'ummaa jiru agarsiisuufi'' jedhan. ''Israa'el keessatti humna lafoo US bobbaasuuf karoorris, fedhiinis hin jiru'' jedhan.
Imalli Baayidan guyyaa boruu gara Israa'elitti taasisan waraanichi Gidduugala Bahaat keessatti akka hin babal'anne to'achuun haala danda'amurratti mariyachuuf ta'a jedhamee amanama.
Madda suuraa, Reuters
Gaafa Onkololeessa 7 erga lolli eegalee hanga har'aa namoonni 3, 000 lubbuun darbuu ministeerri fayyaa Filisxeem hime.
Kanneen qaamni miidhame ammoo 12,500 gahuu beeksiseera.
Kana malees West Baank keessatti lammiileen Filisxeem 61 ajjeefamaniiru, kanneen 1,250 tahan ammoo madaa'aniiru.
Dubbii himaan ministeera fayyaa Gaazaa, ibsaan waan addaan citeefi hanqinnii boba'aa waan jiruuf hospitaalonni ''sadarkaa guutummaan guutuutti hojii ala tahuurra gahaniiru,'' jedhan.
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa deeggarsaafi miyoota fayyaa Gaazaa qaqqabsiisuuf karaan akka saaqamuuf gaafate, dabaluunis rakkoon namoomaa bal'aa akka uumamuu malu akeekkachiiseera.
Lammiilee Filisxeem ajjeefaman 2,800 keessaa walakkaa ol dubartootaafi ijoollee dha jedhan qondaaloti Dhaabbata Fayyaa Addunyaa ibsa Rooyitariif kennaniin.
Erga Hamaasa haleellaa raawwatee, Israa'el deebii kennuu jalqabdeen booda Gaazaatti kanneen 11,000 tahan madaa'anii jiru
Dhabbanni Fayyaa Addunyaa karri Gaazaa akka gahan taasisu hatattamaan akka banamuuf ''qaamota murtoo kennan,'' wajjin wal-arguuf jirra jedhe. Yeroo ammaa Gaazaa keessaa bahuunis tahe galuun hin danda'amu.
Qondaaloti akka jedhanitti hamma yoonaa buufataalee fayyaa irratti haleellaan 115 raawwateera.
Dhaabbileen fayyaa baayyee Gaazaa keessaa hojjechaa hin jiran, hanqinni bishaanii fi elektiriikiis jira.
''Hanqinni bishaanii waan jiruufi qulqullina gahaan ijaa hin jiraanneef dhukkubni hanqina kanaan wal-qabatu ni uumama yaaddoon jedhu jira,'' Namoonni bishaan dhabuun du'uu jalqabu jedhe UN'tti dhaabbanni baqattootaa Filisxeem (UNRWA)
Madda suuraa, Reuters
Dhaabbati Mootummoota Gamtoomanii UN, lammiilee Gaazaadhaaf hulaan gargaarsaa akka banamu gaafachaa jira. Yakki waraanaa raawwatamuu akka malus akeekkachiiseera.
UN'tti dubbiihimtuu Koomishinii Mirgoota Namoomaa kan taate Raavinaa Shaamdaasaanii, Israa'el lammiileen Filisxeem kaaba Gaazaa irraa gara kibbaatti akka socho'an gaafachuuttii dhaabbatni keenya ''yaadda'eera'' jette.
''Namoota nagaa dirqamaan daddabarsuun,'' seera idila addunyaa cabsuutti fudhatamuu mal jette.
Biyyi tokko yeroo lolaa yakka waraanaa yoo raawwatte, dhimmi kuni Dhaddacha Yakkaa Idila Addunyaan(ICC) dhaan ilaalama - Israa'el miseensa dhaaba kanaa miti, Fiilisxeem garuu miseensa.
Ibsa baherratti, Shaamdaasaaniin haleellaan namoota nagaa irratti taasifamu keessumaa yeroo isaaan Gaazaa irraa baqataa jiranitti - qaama walabaan qoratamuu qaba jette.
Dabaluunis lammiileen Israa'el butamanii jiranis, ''hatattamaan haal-duree tokko malee akka gadhiifaman,'' gaafatteetti.
Israa'el yeroo ammaa lammiileen ishee 199 tahan Hamaasiin butamanii akka jiran himti.
Madda suuraa, Reuters
Ministirri dhimma alaa Iraan, Israa’el dhorkaa tokko malee Gaazaa Istiriip keessatti tarkaanfii fudhachuun hayyamamuuf hin qabu jechuun sa’aatiiwwan itti aananitti “tarkaanfiin humna diinaa dursanii dhahuu” fudhatamuuf jira jechuun akeekkachiisan.
Guyyoota dhiyoo as Iraan irra deddeebiin waraanni Israa’el-Hamaas baballachuun yaaddoo ta’uu mala jechuun dubbachaa turteetti.
Haata’u malee, yaadni ministira dhimma alaa Iraan ammaa kennan akeekkachiisa cimaa waraanni kun gara waraana naannootti baballachuu agarsiisa jedhe gabaasaan BBC Baha Giddu-galeessaa Huugoo Bacheegaa.
“Yakki waraanaa Israa’el Filisxeem irratti Gaazaa keessatti raawwachaa jirtu hin dhaabbatu taanaan ‘addi diina qolatu’ sa’aatiiwwan dhufan keessatti ‘tarkaanfiin humna diinaa dursanii dhahuu’ fudhatamuuf jira jedhan ministirri dhimma alaa Iraan Huseen Amiirabdollaahiyan.
Qaamni ‘adda diina qolatu’ ykn The “resistance front” jedhamu garee cimaa Libaanos keessaa jiru Iraaniin deegaramu Hizboollaah dabalatee humnoota waloo naannicha keesa jiranidha.
Torban darbe keessa Hizboollaa fi humni waraanaa Israa’el karaa daangaa Israa’el fi Libaanos walitti dhukaasanii ture. Kun ammoo waraana kana keessatti adda biraa uumame ta’uu male jedhamee sodaa uumee ture.
Hizboollaah kan jedhamu kun meeshaa waraanaa guguddaa, misaa’el daangaa Israa’el keessa haleeluu danda’uufi loltoota sirriitti leenji’aniifi muuxannoo waraanaa qaban kumaatamaan lakkaa’aman qaba.
Qaamni ‘adda diina qolatu’ ykn The “resistance front” kun gareewwan Iraan deeggartu Sooriyaa keessa maadheffachuun daangaa Israa’el fi Iraaq irra socho’anis ni hammata.
Biyyoonni Lixaa ammoo Iraan waraana Israa’el-Gaazaa kana akka hin hammeessineef akeekkachiisaniiru.
Hanga ammaatti walitti bu’insi daangaa ce’u to’atamera. Haata’u malee, Israa’el haleellaa lafarraa Gaazaa keessatti gaggeessitu taanaan haalli kun jijjiiramuu mala jedhanii kan aamanan jiru.
Dhalattuun Biriitish umuriin ishee waggaa 13 ta'e haleellaa gareen Hamaas gaggeesseen ajjeefamte.
Akka miseensonni maatii BBCtti himanitti Yaahel haleellaa Hamaas gaggeesse keessa ajjeefamte.
Haadha Yaahel kan taate Liyaaneenis ajjeefamteetti. Obboleettiin ishee umuriin waggaa 16 taate maqaanshee No'iyyaa, akkasumas abbaanshee Eliin ammoo bakki isaan bu'an hin baramiin jira.
Madda suuraa, Reuters
Daandiin qaxxaamura Raafaah kan Masrii geeessuu fi daangaa kibba Gaazaatti argamu ni banama abdii jedhuutu ture.
Banamuun daandii kanaas konkolaataawwan deeggarsa atattamaan barbaachisan galchuufi lammiilee Filisxeem paaspoortii biyya biraa qaban akka bahan dandeessisa.
Haata’u malee, hanga ammaatti daandiin kun banamuu hin dandeenye. Akkasumas, halkan darbe haleellaan qilleensaa Isra’el gamoo qaxxaamura irra ture haleelleera.
Gaazaa bakka namoonni miliyoonni buqqa’anitti, haalli namoomaa baayyee hammaataa deemuutu gabaafame. Mariin haala deeggarsi namoota nagaa itti qaqqabuu danda’uufi Hamaas, kan daangicha bulchu itti hin qaqqabneerratti taasifamaa jira.
Israa’el namoonni Hamaasiin butaman akka gadhiifamanii deebii’an barbaaddi.
Halkan keessa Hamaas waraabbii viidiyoo dubartii Israa’el kan waggaa 22, Maayaa Sheem, kan bakka bashannanaan tokkorra osoo jirtuu butamuu dubbattu gadhiise. Hamaas namoota 250 Gaazaa keessatti qabee jiraachuu beeksiise.
Haala gara biraatiin ammoo, waraanni Israa’el haleellaa haar’aa qiyyeeffannaawwan garee milishoota Heezbollaah irratti dhukaasuu beeksiise. Kunis haaloo dhukaasa daangaa qaxaamuruu raawwatamee ta’uu hime. Waraanni achi jiru akka addaatti muddama akka hin kaafne sodaatamaa jira.
Madda suuraa, Rooyitars
MM Kaanaadaa Jastiin Tiruudoo daandiin gargaarsa namoomaa gara Gaazaa geessu akka banamuuf gaafatan.
Haala hamaa namoonni miliyoona 2.3 keessa jiran deeggaruuf gargaarsi atattamaa akka barbaachisu dubbatan.
Kanaadaan Israa'el mirga halellaarraa of ittisuu ni deeggarti garuu ''waraannillee seera qaba'' jechuun dabalanii dubbatan.
"Shororkeessummaan yeroo hunda ittisa hin qabu, gocha shororkeessummaa Hamaas waanti sirrii ta’uu sababni dhiyeeffamu danda'u hin jiru. ... Hamaas ummata Filisxeemis ta'e, hawwiisaanii seera qabeessaan bakka hin bu'u," jechuun paarlaamaatti himan.
Haleellaa Hamaas Israa’elirratti raawwateen lammiileen Kanaadaa shan kan ajjeefaman yoo ta’u, sadii ammoo ammallee achi buuteen isaanii dhabameera.
Madda suuraa, Rooyitars
Kibba Gaazaatti gaaga’ama mudate gidduutti namoonni mana hin qabnee fi beela’an kuma dhibbaan lakkaa’aman lubbuun jiraachuuf qabsoo jabduutti jiru.
"Waan jiraachuuf nu barbaachisu hin qabnu," jedha namni kaabaa Gaazaati baqate tokko. "Nuti bakka balfa itti gatamu keessa jiraachaa jirra. Yoo achii deemne ni duuna."
Tuullaa balfa kuufame jiraachu fi mana fincaanii xiqqaachuun dhukkubni babal’isa jedhame sodaatama jira.
Nyaanni jira garuu gahaa miti. Kaan Yunis keessatti namni Amir jedhamu xuwwee shoorbaa fi ruuzii gurguddaa karaa cinaatti argamu bakka biraatti geessa jira.
Yeroo tokko magaalaan Kaan Yunis namoota 400,000 qabdu yoo taatu, akka tasaa namoota miliyoona tokkoo ol t’an sooru qabdi .
Kun hundi namoota 2,000 hin caalle soora jedha Amiir. Isayyuu namoota rakkatan keessaa harka muraasa qofa.
Wayita haleellaan rookeettii cimaa jiruufi gidiraan Gaazaa keessaa daran hammachaa jirutti pirezidantiin US Joo Baayiden Israa'el daawwchuuf.
Pirezidant Baayidan Roobii Israa'el kan daawwataniif waa'ee karoora waraana milishoota Hamaasirratti gaggeeffamurratti ibsa barbaadaniiti.
Baayidan Israa'el akkamitti akka oppereeshinii kana "karaa du'aatii namoota nagaa hir'iseen" ittigaggeessitu dhaga'uuf jedhameera.
Daawwannaan Baayiden kun kan taasifamu yeroo Isra'eliifi qaxanaa sanaaf baayyee murteessaa ta'etti kan taasifamudha jedhan Ministirri Dhimma Alaa US Antoonii Bilinkan.
Janaraalli US Mikaa'el Kurillaamiis ammoo Israa'el jiru. Qondaalli waraanaa kun garas imaluun garuu hin ibsamne. Ta'us garuu wiirtuu ajajaa loltoota Ameerikaa gaggeessuun, akkasumas humna waraanaa Ameerikaa Baha Giddu-galeessaa jiru daawwachuuf jedhameera.