
Madda suuraa, NTSB
Saanduqni gurraachi xiyyaarri imaltootaa Waashingitan DCtti hilikoptara waraanaa waliin walitti bu'ee kan argame yoo ta'u, baayyina hojjattootaa fi murteessan naannoo buufata xiyyaarichaatti darban irratti gaaffiileen ka'aa jiru.
Akka hojimaataa barameetti hilikptarootaa xiyyaaroota naannichara balal'inaiif namoota lamatu to'annoo tiraafika qilleensaa gaggeessaa kan ture yoo ta'u, tibba balaan kun mudateetti garuu nama tokko qofaa akka ture michuun BBC Ameeriaa CBS maddeen waabeefachuun gabaaseera.
Balaa lubbuu namoota 67 kan jeettii imaltootaa fi hilikoptara keessa ture balleessee kana ilaalchisuun aanga'oonni qorannoo gaggeessuu eegalaniiru.
Boordiin Nageenya Geejiba Biyyaaleessaa NTSB)n gabaasa sadarkaa jalaqabaa guyyoota 30 keessatti ifa akka taasisuu beeksiiseera.
Saanduqi gurraachi sagalee balaliiftootaa fi odeeffannoo balaliinsaa ittiin waraabamu balaliinsa irratti rakkoon akkam akka ture irratti eeruu ni kennu.
Saanduqoonni argaman kunneenis gara laaboraatorii NTSB geeffamuu fi qorannoon gaggeffamaa jiraachu CBS ibseera.
Dhimmi hir'ina hojjataa to'attoota tiraafikii qilleensaa Niiw Yoork Taayimsiin yeroo jalqabaatiif gabaafame ''kan hin baramne miti'' jechuudhaan gabaasa sadarkaa jalqabaa Bulchiinca Aviyeeshinii Federaalaa (FAA)tiin ibsameera.
Mootummaan federaalaa eddoowwan ijoo muraasa FAA keessatti argaman guutuudhaaf waggootaaf yaa;aa tureera.
To'ataan tiraafika qilleensaa tokko buufata xiyyaara biyyaaleessa Reegan Waashingitaniitti, haalli hojimaata hilikooptarootaafi xiyyaarota ittiin to'atu kan barameefi kan qajeelfamas hin cabsiineedha jedhameera.
Lubbuu baraartoonni galaana Pootomaak kan garmalee cabbaa'u keessaa miidhamtoota baraaruuf yaalaa kan turan yoo ta'u, hojiin barbaachaa Kamisa galgala sababii balaa cimaatiin akka adda citu taasifameera.
Xiyyaarri imaltootaa namoota 64 qabatee ture hilikoptarii namoota sadi keessa turan waliin walitti bu'uun kan galaana keessatti kufan yoo ta'u, hanga ammaatti reffa namoota 28 (27 xiyyaricha keessaa fi tokko hilikoptaricha keessa kan ture keessaa) argamuutu gabaafame.