Taatee ajaa'ibaa: Daa'ima jalqabaa dubartii gadameessi jijjiirameef irraa dhalatte

Haadhaf Abbaa Amii  fi obboleettii Girees gadameessa arjoomteef

Madda suuraa, WTUK

Kanaan dura qaamoleen namaa akka kalee, ijaa fi kanneen biroo wal'aansa baqaqsanii yaaluun namaaf jijjiraman bu'a qabeessa ta'aniiru.

Yeroo dhiyoo as ammoo oduun dubartoota dhala hin qabneef gaarii ta'e dhaga'amaa jira.

Dubartootni gadameessi isaanii rakkoo qabuu fi da'uu hin dandeenyeef gadameessi jijjiirame daa'ima godhachuu akka danda'an mirkaneessera.

Uk keessatti dubartiin gadameessa isheef arjoomame jijiirrattee turte tibbana mucaa durbaa nagaan deesserti.

Kun biyyatti keessatti yeroo jalqabaaf dubartii gadameessi jijijramee daa'ima deesse yoo taatu, daa'imattin daa'ima biyyatti keessatti dhalatte ishee jalqabaati.

Haati daa'ima kanaa Girees Deevidsan jedhamti. Umuriin ishee waggaa 36, ​​uumamaan gadameessi ishee rakkoo akka qabuu fi kan ulfaa'uu hin dandeenye waliin dhalattee.

Ta'uyyuu hawwi ishee ilaaltee obbolettiin ishee bara 2023tti gadameessa ishee arjoomtef.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduu, xiinxalaafi odeessa adda addaa kallattiin argachuuf

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kana jechuun akkuma kaleen nama tokkoo yoo rakkoo godhate namni biraa arjoomefii fayyuu jechuudha.

Gadameessa isheef arjoomame kanas ogeeyyotni wal'aansa baqaqsanaii yaaluun kan jijjiraniif yoo ta'u, yeroo sanatti UK keessatti gadameessa jijjiiruu isa milkaa'an isa qofa ture.

Waggaa lama booda, Girees mucaa ishee jalqabaa Amii jedhamtu baatii Guraandhala darbe deesse.

Maqaa Amii jedhu kan baasaniifis ammoo maqaa obboletti ishee gadameessa arjoomte kanaan wal fakkeessufidha.

Kun ta'utti kan gammadan Girees fi abbaan warraa ishee ammas mucaa lammaffaa akka godhatan abdii qabu.

Gareen baqaqsanii wal'aanuu erga Giraasiif gadameessa jijjiiranii as gadameessa arjoomtootaa fayyadamuun wal'aansa jijjiirraa 3 raawwataniiru. Yaaliwwaan wal'aansaa walfakkataataa 15 taasisaniiru.

Namootni akka Girees gadameessa fayya qabeessa ta'e waliin hin dhalanne ykn sababoota adda addaan daa'ima godhachuu hin dandeenye heddutu jiru. Kana dura wal'aansa akkanaan kan milkaa'an garuu baayee muraasa.

Daa'imni jalqabaa haala walfakkatuun (gadameessi jijjiirraameefi)dhalatte bara 2014 biyya Siwiidinitti yoo ta'u, ergasii biyyoota kudhani ol keessatti namoota135 ta'an irratti jijjiirraan akkasii taasifameera.

Ergasii asii daa'imman gara 65 ta'an dhalataniiru. Kun kanneen rakkoo walfakkaataa qabaniif abdii dhala godhachuu guddaadha.

Girees erga Hospitaala Kuween Charlotis jedhamu keessatti Amii deessaa abbaa Warraa ishee fi ogeeyyii fayyaan marfamtee.

Madda suuraa, WTUK

Guraandhala bara 2023 gareen ogeeyyii fayyaa 30 ol of keessaa qabu gadameessa Amii baasuun gara Gireesitti jijjiiruuf naannoo sa'aatii 17 itti fudhate.

Ogeessi baqaqsanii hodhuu Hospitaala Churchill Oxfordi keessatti garee jijjirraa gadameessa kana kan dursan Dr. Isaabel Kuarega akka jedhanitti, adeemsi kun obboleettota lamaan balaarra kan buusu ta'us 'yaalii lubbuu uumuu taasifamu kana keessatti filannoon biraa hin turre,'' jedhan.

Amiin miirri qaama ishee keessaa waa dhabuu dubartoonni tokko tokko erga gadameessa irraa baafamee booda mudatu ykn rakkoon wayiituu akka isheetti hin dhaga'amnee dubbattii.

Girees erga jijjiirraan gadameessa taasifameefi yeroo gabaabaa keessatti ulfoofte.

Daa'ima ishee jalqabaa ulfaa'uu ishee dhaga'uun ''waan nama hin amansiifne'' akka ta'e kan himtu dubartiin kun, turtiin yeroo ulfaas heddu dansaa turee jette.

Daa'imni jalqabaa biyyatti keessatti dhalattee kunis haadha ishee Girees fi Abbaa ishee Angus irraa Guraandhala 27 ture Landanitti kan dhalatte.

Garee ogeeyyii Hospitaala Kuween Charlot

Madda suuraa, WTUK

Hiriyoonni gaa'elaa kun akkuma ogeeyyiin yaalaa yeroon isaa sirrii ta'uu isaa murteesseeniin daa'ima lammaffaa akka godhatan abdatu.

Gadameessi arjoomame kun erga daa'imni lammaffaan dhalatee booda kan baafamu yoo ta'u, kunis Girees qaamni ishee gadameessa obboleettii ishee kana akka hin didneef qoricha guyyaa guyyaan fudhattu akka dhaabdu ishee taasisa.

Qorichootni kunneen carraa kaansarii tokko tokkoon qabamuu dabaluu danda'u, jetti ogeettiin baqaqsanii hodhuu Isaabel.

Garuu erga gadameessi baafameen booda carraa fi sadarkaan isaa xiqqaataa deemuun bakka duraatti akka deebi'uu danda'u eerti.

Ogeessi baqaqsanii waldhaanuu hospitaalaa Kolleejjii Impeeriyaal jedhamuu Pirof. Richardi Ismiz dhalachuun Amii adeemsi kun bu'a qabeessaa fi milkii ta'uu isaa hiika kennaa jedhan.

Kun UK keessatti dubartoota akka Girees umuriin isaanii da'umsaaf gahe 15,000 ta'an, garuu kanneen gadameessa isaanii waliin wal qabatee rakkoo qabaniif abdii ta'uu amantaa qabu.

Biyyattiitti dubartoota kuma kudha shan rakkoo gadameessa qaban kana keessaa naannoo 5,000 kan ta'an gadameessa malee dhalatan.

Dubartootni gaafa du'an gadameessa isaanii arjoomuu akka danda'an illee ta'uu pirofeesarichi kan himan.

Dubartoota sadan gadameessa arjoomtota irraa argameen jijjirameef ilaalchisee hanga ammaa ibsi bal'aan ifatti ibsame hin jiru.