Oduu sobaa aanga'aa waraanaa kana aangeessuuf faayidaarra oolfaman

Ibraahim Tiraaworee

Madda suuraa, Getty Images

Biyoonsee viidiyoo muziiqaa irratti meeshaa waraanaa uffattee, konkolaataa hidhannoo qabu irra yeroo yaabbattu gamoo keessaa aarri ni mul'ata. Hogganaan waraanaa Burkinaa Faasoo, Kaapteen Ibraahim Tiraaworeenis viidiyoo muuziqaa kana keessatti qawwee dhukaasaa mul'ata.

Yeedaloon muziqichaas, "Ibraahim Tiraaworee lola ummataaf taasisuu, cancala impaayera cabsaa yoo jiru Waaqayyo isa haa eegu," jedha.

Viidiyoon sun dhuguma kan Biyoonsee ykn kan Ibraahim Tiraaworee miti. Viidiyoon diipfeek fi qabiyyee hubannoo namtolchee (AI)n dhugaa fakkeeffamuun hojjatameedha.

Viidiyoowwan Ibraahim Tiraaworee goota paan-Afrikaa fakkeessan, garuu odeffannoo sobaa qabatan, dhibbaan lakkaa'aman kanneen AIn hojjataman erga dhuma baatii Eblaa irraa eegalee waltajjiiwwan miidiyaa hawaasaa irratti guutuu Afrikaa Sahaaraan gadii keessatti baayye qoodamaa turan.

Adeemsi kun fagoo kan deemu yoo ta'u, fayyadamtoonni miidiyaa hawaasaa kan akka X, Facebook, Instagram, TikTok, WhatsApp fi Youtube biyyoota akka Naayijeeriyaa, Gaanaa fi Keeniyaa irraa dhufan Ibraahim Tiraaworeen hoggantoota Afrikaa biroof fakkeenya ta'uusaanii ibsaniiru.

Dhiibbaa uumtoonni ofiisaanii ''paan-Afriikaanoota'' jechuun of waaman tokko tokko, mootummoota naannoo irraa abdii kutachuu kaasu.

Biyyoota baay'inaan waa'ee Ibraahim Tiraaworee X irratti qoodan

Deeggarsa dhugaa vs qindoomina kan qabu

Hogganaan mootummaa waraanaa umuriin waggaa 37 bara 2022tti aangoo biyya Afrikaa Lixaa fudhate kun akka shaampiyoonaa farra impeeriyaalizimii ta'eetti, akka gidduu seentummaa humnoota lixaa keessattuu Faransaay qeequutti, garuu ammoo ejjannoo Raashiyaa akka michuu tarsiimootti qabuutti of dhiheessa.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduu, xiinxalaafi odeessa adda addaa kallattiin argachuuf

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ibraahim Tiraaworee jalatti, Burkinaa Faasoon kufaatii dimokiraasii kan mudate yoo ta'u, gaazexessitoonni fi qeeqxonni humnaan waraanaaf akka bobba'an gabaafameera.

Gabaasni dhaabbata Humaan Raayits Wooch dhiheenya kanaa, humnoonni mootummaa haleellaa baatii Bitooteessaa keessa raawwataniin yoo xiqqaate namoota nagaa 100 ajjeesuu isaanii himateera.

Haata'u malee, Tiraaworeen ummata duratti mul'achuu fi hogganaa "salphaa" ta'e argamunsaa hedduu biratti sadarkaa idil-addunyaa fi Burkinaa Faasoo keessatti maqaa gaarii akk qabaatu gargaareera.

Kunis deeggartoota hedduu daandii magaalaa guddoo biyyattii Ogaaduguutti baaseera. Kaan isaanii akkaToomaas Saankaaraa, hogganaa waraanaa duraanii beekamaa Burkinaa Faasoo kan bara 1987 fonqolcha mootummaa raawwatame hordofee ajjeefamee ture "deebi'ee dhalateetti" ibsu.

Taajjabdoonni akka jedhanitti, dargaggoonni Afrikaa hedduun haala jiruufi mootummootasaaniitti abdii waan kutataniif, ergaawwan ijoo Tiraaworee kanneen akka hariiroo biyyoota Lixaa waliin qaban gaaffii keessa galchuu muraasa mararfatan dubbatu.

Innis nama dandeettii dubbachuu qabu fi miidiyaa kan beeku yoo ta'u, kunis namoonni tokko tokko maaliif akka geggeessaatti isa akka ilaalan ibsuuf gargaara.

Guutummaa Afrikaa keessa Tiraaworeef deeggarsi qabatamaan jiraatus, "qabiyyeen AI-hojjataman seeneffama kana sochoosuuf fayyadamu dabaluu isaatiin dhugaa akka hin taane agarsiisa," jedha dhaabbata mit-mootummaa 'Code for Africa' kan odeeffannoo sobaa ardii kanaa qoratu keessatti xiinxalaa kan ta'an Eluud Akwiin.

Viidiyoowwan Aln hojjataman tokko tokkos akka waan waa'ee Tiraaworee ykn waa'ee mootummaa isaanii irratti odeeffannoo dogoggoraa of keessaa qabaatanilleen, akka waan gabaasa sirrii ta'anitti dhiyaatu.

Viidiyoon eegdota Tiraawuree keessaa tokko "isa ajjeesuuf doolaara miiliyoona shan akka kennameef" himu tokkos daawwattoota miiliyoona 1 ol argateera.

Burkinaa Faasoon erga inni aangoo qabatee as yaaliin fonqolcha mootummaa irratti raawwatame gabaaftus, kun raawwachuusaatiif ragaan deeggaru hin jiru.

Viidiyoon baayyee laalame tokkoos namoota miiliyoona 4.5 kan argate yoo ta'u, innis taatee Tiraaworeen xiyyaara keessatti hojjattoota xiyyaarichaatiin osoo hin beekamne akka teessoo isaa kutaa bizinasii nama daldalaa Farasnaayiif akka gadhiisuu gaafatamu hima.

Viidiyoon kunis addatti akka ''hojii asoosamaatti'' adda kan baafame yoo ta'u, chaanaaliiwwan YouTube hedduun akka waan taatee dhugaa mudateetti irra deebiin seenicha himaniiru.

Yunivarsiitii Ohayootti Gargaaraa Piroofeesara Komunikeeshinii, Dr Laasaane Oyuudraa'ogo Burkinaa Faasoo irraa yoo ta'an, "barreeffamoonni miidiyaa hawaasaa irratti maxxanfaman tokko tokko hawwiidha. Gariinsaanii dhugaa ta'anis, garmalee harbeefamuun dhiyaatan" jedhu.

Gama biraatiin ammoo, viidiyoon muuziqaa sobaa fakkeefamee hojjatame duula kana keessatti tooftaa haaraa ta'ee kan mul'ate yoo ta'u, namoonni beekamoo akka Saliinaa Goomezii fi Rihaanaa fa'uTiraawooree waliin agarsiifaman. Torban tokko keessatti yeroo 40 ol YouTube irratti fe'ameera.

Viidiyoon Tiraaworee fi wallisaa R. Keelii waliin agarsiisuus daawwattoota miiliyoona 1.8 argateera.

''Sababni ani kana hojjadheef bu'aa 'Ibraahim Tiraaworeetii' qofa ture,'' jedha dargaggeessi ganna 33 Ogujii Naamdi Keenet, deeggaraa hogganaa Afrikaa liixaa kanaa ta'uu of ibsu.

Viidiyoon kun karaa YouTube'n doolaara 2000 akka argamisiiseef dubbata. Guutummaatti AIn hojjetame. Namoonni beekuu qabu jedheen yaada. Ani nama tokkollee gowwomsuuf hin hojjanne."

Baatii itti baayyinaan waa'een Ibraahim Tiraaworee itti qoodame

Qabeenyaa warqee

Akkaawuntiiwwan miidiyaa hawaasaa Afrikaa jalqaba waa'ee Tiraaworee dubbachuu kan eegalan waggaa lamaan dura yeroo walgahii Afriikaa-Raashiyaatiif Adoolessa 2023tti gara Seent Piitarsibarg imalaniitti ture.

Suuraaleen Pirezidaantii Raashiyaa Vilair Puutiin waliin ka'anii fi haasaan taasisan miidiyaalee mootummaa Raashiyaa dabalatee toora interneetii irratti bal'inaan kan tamsa'e yoo ta'u, kunis maqaa dursaa kanaa naannicha keessatti haalaan guddiseera.

Sana booda, yeroo Ameerikaa keessatti himannaa irratti dhiyaateetti, deeggarsa olaanaa fi holoola bal'aan tamsa'u eegale.

Ajajaan izzii waraana Ameerikaafi Afrikaa, janaraal Maayikil Laangileey mana maree Ameerikaatti dhiyaachuun ibsa yeroo kennaniitti, Tiraaworeen kuusaa warqee biyyasaanii eeguuf mootummaasaanii ittiisuuf itti fayyadamaa jiru jechuun himatanii ture.

Kunis Ameerikaan dursaa Burkiinaa Faassoo kaasuudhaaf yaaddee jirti ergaawwan jedhan miidiyaalee hawaasaarratti Afriikaa keessatti bal'inaan tamsa'uu eegale. Haata'u malee, ergaawwan hedduun kan odeeffannoo sobaa qabataniidha.

Toorri X hordoftoota miiliyoona tokko qabu, janarraalli Ameerikaa ''dursaa Burkiinaa Faasoo, Ibiraahim Tireaaworee, diina ummataati'' jechuu mana maree gubbaatti dubbataniiru jechuun barreessee ture.

Haata'u malee haasaan janaraalichaa BBC qorate, maallaqa warqii biyyattii irraa argamu ''gareen waraanichaa bulchiinsasaa ittiin tiksuuf fayyadamaa'' kan jedhu ture.

Odeeffannoon 'Code of Africa' irraa argame akka mul'isuutti, haasaa janaraal Laangleeyiin booda akkaawuntoowwan Facebook 165 pirezidantiin Raashiyaa Vilaiir Puutiin Tiraaworee haleellaa Ameerikaa irraa ittisuuf humnoota addaa ergusaanii ibsuudhaan, odeeffannoo sobaa wal fakkaataa tamsaasuun guyyoota 10 keessatti namoota miiliyooan 11tti siqaniin ilaalameera.

Ibraahiim Tiwooree fi Vilaiir Puutiin

Madda suuraa, Getty Images

Dhugaansaa garuu loltoonni Raashiyaa haala himannaa janaraala Ameerikaatiin wal hin qabanneen duraanuu duula farra shorrkeessumaatiif Burkinaa Faasootti argamuu ture.

Viidiyoon gara biraa toora X irratti qoodame ammoo, fakkii namoonni baayyeen walitti qabaman agarsiisuudhaan, ''Faransaayii keessatti Ibraahim Tiraaworee deeggaruu fi ummata walabummaa Burkiinaa Faasootiif hiriira bahee ilaalaa'' jechuun barreeffamee ture.

Haata'u malee qorannoo viidiyoo kanarratti gaggeefameen, namoonni kana walitti qabaman Faransaay keessatti osoo hin taane magaalaa guddoo Sarbiyaa Beelgireed keessatti yoo ta'u, kaayyoon isaas kan Burkinaa Faasoo waliin wal qabatu hin turre.

Viidiyoon qoodame sunis namoota kuma sadiin kan ilaalame yoo ta'u, miidiyaa hawaasaa irratti akka soba ta'e adda hin baafamne ture.

Biloogarri Sulemaanaa Mohaammad biyyasaa Gaanaa irraa viidiyoo wal fakkaatu kana Feesbuukii irratti maxxanse. Innis hiriira deggersaa Tiraaworee Afrikaa Kibbaatti gaggeeffame agarsiisa jechuun ibse. Kun dhugaa akka hin taane BBCn erga itti himamee boodas Obbo Mohaammad kan hojjateetti cichuu itti fufaniiru.

"Namoonni wanti nuti waa'ee hoggantoota keenyaa dubbannu dhugaa akka hin taane yeroo fakkeessan baay'ee nama kofalchiisa," jedhan.

Obbo Mohaammad nama paan Afrikaa kan ofiin jedhan yoo ta'u, Obbo Tiraaworeen ''waggoota kana hunda waan ummanni Afrikaa barbaadaa ture waan ta'eef'' akka dinqisiifatan dubbata.