Icciitii viidiyoo saalqunnamtii Ikuwaatoriyaal Giiniitti miliqee bahe duuba jiru

Baltaasaar Ebaang Engongaa osoo viidiyoowwan hin qoodamiin dura malaammaltummaa raawwachuun shakkamanii to’ataman

Madda suuraa, Baltasar Ebang Engonga / Facebook

Ibsa waa'ee suuraa, Baltaasaar Ebaang Engongaa osoo viidiyoowwan hin qoodamiin dura malaammaltummaa raawwachuun shakkamanii to’ataman

Viidiyoon saal qunnamtii Ikuwaatoriyaal Giiniitti miiliqee baheefi ummanni addunyaa salphina jechuun taajjabe tarii wal'aansoo aangoof taasifamu ta'uu mala.

Torban lamaan darban, viidiyoowwan baay’ee - 150 hanga 400 ta’an - aangawaan mootummaa waajjiraafi bakka birootti dubartoota garagaraa waliin saal qunnamtii yoo raawwatan mul’isu qoodameera.

Viidiyoowwan miidiyaa hawaasummaarratti qoodaman ummata biyya Afrikaa xiqqoo kanaafi biyyoota kaan keessa jiran rifaasiseera.

Dubartoonni baay’ee viidiyoon isaanii waraabame haadha warraa akkasumas namoota warra aangoo qabanif itti dhiheenya qabanidha.

Inumaa muraasni Baltaasaar Ebaang Engongaa waliin saal-qunnamtii yeroo raawwatan akka waraabamaa jiran beeku.

Nama kana maqaa masoo ‘’Bello’’ jedhunis waamu. Kunis sababa bareedina isaafii jedhame.

Haa ta’u malee, Ikuwaatoriyaal Giiniin biyya miidiyaan walabaa keessa hin jirre waan ta’ef waan kana hunda mirkaneessuun ni rakkisa.

Wanti jedhamaa jiru tokko garuu viidiyoowwan kunniin kan gadhiifaman namicha viidiyoo kana keessa mul’atu gatii dhabsiisuufi kan jedhudha.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduu, xiinxalaafi odeessa adda addaa kallattiin argachuuf

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Pirezidantiin biyyattii Obbo Engongaaf eessuma/wasiila ta’uf. Inumaa namichi dubartoota hedduu waliin sagaagalaa ture pirezidantii biyyattii bakka bu’uu mala jedhamee nama yaadame ture.

Pirezidantiin Ikuwaatoriyaal Giinii Obiyaang jedhaman erga bara 1979 aangoorra jiru. Waggaa dheeraaf aangoorra turuun dorgomaa hin qaban.

Maanguddoon ganna 82 biyya isaanii dinagdeen guddisanis hammi boba’aa biyyattiin qabdu xiqqaataa dinagdeenis rakkoo seenaa jira.

Ummata biyyattii keessaa miiliyoona 1.7 kan ta’an hiyyummaa keessa jiru. Muraasni garuu akkaan dureeyyiidha jireenya qananii jiraatu.

Fakkeenyaaf ilmi pirezidantichaa kan amma Pirezidantii itti-aanaa ta’anii hojjetaa jiran yeroo tokko haguugduu harkaa kiristaalaan miidhageefi $275,000 baasu bitanii turan.

Haguugduu harkaa kana weellisaa beekamaa US Maayikil Jaaksanitu godhata ture.

Akka gabaasa US’tti, bulchiinsi Pirezidant Obiyaang ajjeechaafi dararaa dabalatee sarbama mirga namoomaan haalaan qeeqama.

Filannoon yeroo yerootti Ikuwaatoriyaal Giiniitti adeemsifamus paartiin mormituu jabaa hin turre. Rogeeyyiin ni hidhamu, biyyaas ari’amu.

Biyyattii keessa siyaasni karaa dhoksaan aangoo itti goran barbaaduudha. Dhimmi Obbo Engongaas kanarraa fagoo miti.

Hogganaa Eejansii Qorannoo Maallaqaa Biyyaalessaati. Kanneen maallaqa dhoksanii biyyaa baasan ni qoratu.

Garuu isaanumtuu qoratamaa akka turan ifa ta’e.

Haguugduu harkaa Maayikil Jaaksan gatiin qaalii taate kana Pirezidantiin I/Aanaa biyyattii Tewodoor Obiyaang Maanguwee yeroo tokko bitanii turan

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Haguugduu harkaa Maayikil Jaaksan gatiin qaalii taate kana Pirezidantiin I/Aanaa biyyattii Tewodoor Obiyaang Maanguwee yeroo tokko bitanii turan

Kaazinaa mootummaa keessaa maallaqa guddaa qisaasessuuniifi odola Keeymanitti dhoksuun himatamanii Onkololeessa bultii 25 to’ataman.

Himannaa kanarratti yaada hin kennine. Nami kuni mana hidhaa Bilaak Biich jedhamuufi Maalaaboo keessa argamutti geeffaman.

Mana hidhaa kana keessa kanneen mootummaa morman itti dararamu jedhama.

Bilbilliifi kompiitarri isaaniis ni fudhatame. Guyyoota muraasa booda viidiyoowwan isaan dubartoota waliin yeroo sagaagalan mul‘isu onlaayinii gubbaa qoodamuu eegalan.

Dursa viidiyoon kuni Telegiraama gubbaa tokkoon tokkoon qoodamuu hin oolle jedhamee amanama.

Achii namoonni bilbila ofiirratti buusanii garee WhatsApp Ikuwaatoriyaal Giinii keessatti qoodamuu eegale, rifaatus uume.

Obbo Engongaan dafee barame. Dubartoonni viidiyoo keessa mul’atan immoo kan pirezidantii biyyattiitti dhiheenya qaban, akkasumas haadha warraa ministeerotaafi qondaalota waraanaa olaanoo biyyattiiti.

Mootummaan biyyattii waan adeemaa jiru ilaalee callisuu hin dandeenye.

Onkololeessa bultii 30 Pirezidantiin I/aanaa biyyattii Teewodoroo Obiyaang Maangu’e (yeroo tokko haguuggii harkaa Maayikil Jaaksan kan bitanii turan) dhaabbileen telekoomii viidiyoowwan qoodaman sa’aatii 24 keessatti akka balleessan dhaaman.

‘’Osoo maatiin adda diigamu agarruu callisnee hin ilaallu,’’ jechuun X gubbaa barreessan.

Abbaa kana gadhiise yookiin gadhiisan akka qoratamuufi akka itti gaafataman dubbatan.

Kompiitarri harka humnoota nageenyaa waan tureef nama caasaa nageenyaa keessa jirutu viidiyoo kana gadhiise jedhamee shakkama.

Osoo dhimmi Obbo Engoongaan mana murtiitti osoo hin ilaalamiin maqaa Obbo Engongaa balleessuu yaadame jedhama.

Tewodoor Obiyaang Maanguwee bara 2016 Pirezidantii I/Aanaa biyyattii ta'an

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Tewodoor Obiyaang Maanguwee bara 2016 Pirezidantii I/Aanaa biyyattii ta'an

Dubartoonni fedha isaanii malee viidiyoo isaanii qoodame mana murtii dhaquun himannaa akka irratti banan poolisiin waamicha dhiheesseera.

Dubartiin tokko akka himannaa bantu ibsiteetti.

Wanti amma ifa hin taane tokko Obbo Engongaan maaliif viidiyoo waraabani kan jedhudha.

Rogeeyyiin garuu sababa biroo viidiyoon kuni qoodamuu maleef tilmaamu.

Obbo Engongaan pirezidantii biyyattii waliin firummaa qabaachuu qofa osoo hin taane abbaan isaaniis biyyattii keessatti nama cimaadha.

‘’Wanti argaa jirru xumura bara aangoo pirezidantiifi gaaffii eenyu pirezidanticha bakka bu’aa jedhudha. Lola keessooti,’’ jedhe rogeessi biyyattii Landan jiraatu Saang Kiristiyaa Esimii Kiruuz jedhamu.

Podkaastii BBC Focus on Africa’tti yoo dubbatu Pirezidantiin I/Aanaa biyyattii nama aangoo abbaa isaanii akka hin dhaalle dura dhaabbatu hunda balleessuuf yaalaa jiru jedhe.

Kana keessatti harmeen Pirezidantii I/Aantuu biyyattis qooda qabachuu hin oolan jechuun shakka.

Haati fi ilmi nama Gabriyeel Obiyaang Liimaa jedhamuufi pirezidantichi haadha warraa biraarraa godhatanis ofirraa dhiibaniiru.

Liimaan waggoota kudhaniif ministeera boba’aa turan eegasii aangoon isaanii gad akka bu’u taasifame.

Kana durallee biyyattii keessa nama siyaasaa isaan morkatu yookiin yaaddoo nutti ta’a jedhanii sodaatan viidiyoo isaanii qooduun maqaa balleessuun beekamaadha.

Fonqolcha raawwachuuf yaalaa jira jechuun irra deddeebin wal himachuunis jira.

Rogeessi kuni aangawoonni biyyattii viidiyoo salphina mul’isu kanatti dhimma bahuun miidiyaa hawaasummaa irratti tarkaanfii fudhachuu yaadaniiru jechuunis yakku.

Sababni isaa waan biyyattii keessa adeemaa jiru kan saaxilamu odeeffanoo miidiyaa hawaasummaarratti qoodamuuni.

Adoolessa keessa aangawoonni biyyattii erga odola Annobón jedhamuurratti mormiin ka’e booda yeroof intarneeta cufanii turan.

Rogeessa kanaaf aangawaan mootummaa olaanaa tokko gaa’ila isaatiin ala saal qunnamtii raawwachuun isa hin dhibne.

Filannoo waggaa lama dura taasifame Pirezidant Tewodooroo Obiyaang Niguwemaa sagalee 95% injifataniiru

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Filannoo waggaa lama dura taasifame Pirezidant Tewodooroo Obiyaang Niguwemaa sagalee 95% injifataniiru

Aangawoonni biyyattii maallaqa qaban kana raawwachun baratamaadha jedha. Garuu sababni biraas jira jedha.

Pirezidantiin I/Aanaa biyyattii Faransaay keessatti malaammaltummaan yakkamaa ta’aniifi biyyoota garagaraa keessatti qabeenyi isaa duraa qabame biyya keessatti nama waa sirreessu of fakkeessuuf barbaadu.

Waggaa darbe fakkeenyaaf xiyyaara biyyattii gurgureera jedhanii obboleessi isaanii akka hidhamu ajaja dabarsanii turan.

Taatee tibbanaan walqabatees viidiyoowwan qoodaman akka badan yaalanis viidiyoowwan ilaalamuu itti fufaniiru.

Dhihoos waajjira mootummaa keessatti kaameraan akka seenu waamicha yeroo taasisan dhagahameera.

Viidiyoon qoodame ‘’maqaa biyyattii gad buuseera’’ jechuun aangawaan kamuu bakka hojiitti saalqunnamtii yeroo raawwatan qabaman akka hojiirraa ari’aman dubbatan.

Waan biyyattii keessa raawwate ummanni biyyoota biroollee haalaan dubbisaa turan.

Erga dhihootii Google gubbaa lakkoofsi namoota maqaa biyyattiin barbaadan akkaan dabaleera.

Gaafa Wiixataa X gubbaa maqaan Ikuwaatoriyaal Giinii jedhu Keeniyaa, Naayijeeriyaafi Afrikaa Kibbaa keessatti takka takka filannoo US caalaa haalaan barbaadamaa ture.

Kuni rogeeyyiiwwan biyyattii waan biyyattii keessa adeemaa jiru himuuf dhamahaa turan yaaddesseera.

‘’Rakkoon Ikuwaatoriyaal Giinii viidiyoo saalqunnamtii qoodame ni caala, jechuun Kiruuz dubbata.

‘’Salphinni viidiyoo saalqunnamtii kuni mallattoo dhibeeti malee dhibicha miti. Kuni bulchiinsichi haalaan malaammaltummaa keessa akka seene kan mul’isudha.’’