Loltuu Itoophiyaan madeessitee boojite, wal'aantee fayyisuun michoomfatte

Maadobeen hoggantoota al-Shabaab keessaa tokko ture

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Maadobeen hoggantoota al-Shabaab keessaa tokko ture

''Dhiiga lammiilee Itoophiyaa hedduu ofitti fudhate. Dhiiga Itoophiyaa qabda jennaan,'' jedhu Somaaliyaatti ambaasaaddarri duraanii Itoophiyaa Wandimmuu Asaamminaw.

Kana kan jedhan waa'ee pirezidanti Jubaalaand ammaa Maadobeetti wayita qoosan ture.

Kuni garuu qoosaa fakkaata malee waan dhugaa jirudha.

Waggoota 12 darbaniif bulchiinsa Somaaliyaa, Jubaalaand, kan bulchaa jiru Maadobeen yeroo tokko waraana Itoophiyaan akkaan madaa'ee Finfinneetti yaalamaa ture.

Ambaasaaddar Wandimmuun Maadobeen arjooma dhiigaa lammiilee Itoophiyaarraa fudhate ibsuuf ture kan kana dubbatan.

Maadobeen kan madaa'ee qabame achuma Somaaliyaa keessa ture. Kunis, waggoota 19 dura wayita waraana Itoophiyaa Somaaliyaa seeneetti.

Maadobeen yeroos umriin isaanii 40 keessa ta'a. Hundeessaa al-Shabaab akkasumas harka mirgaa garichaas ture.

Hogganaa garee kanaa ta'un walqabatee Gaanfa Afrikaatti shororkeessummaan Itoophiyaa akkasumas Ameerikaan adamfamuu eegale.

Duula farra shororkeessummaa kan cimsite Ameerikaan gartuu al-Qaayidaa haleellaa shororkeessummaa raawwate waliin hariiroo qaba jechuun Maadobee galmee gurraacharra kaa'uu beeksiste.

Ameerikaan Maadobee booji'uf akkasumas ajjeesuuf yaalii garagaraa taasifteetti.

Inumaa haleellaa qilleensaa isarratti xiyyeeffate Somaaliyaatti raawwatteetti.

Hin milkoofne malee, erga booji'amee boodas naaf kennaa jetteetti.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduu, xiinxalaafi odeessa adda addaa kallattiin argachuuf

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Loltoonni Itoophiyaas Maadobee ajjeesuu osoo hin taane booji'uuf sosso'aa akka turan kanneen loltoota ajajaa turan keessaa tokko Koloneel G/Igzaabiyeer Alamsaggad BBC'tti dubbataniiru.

Kanneen isa lolan Maadobeen Somaaliyaa akkasumas naannichatti loltuu beekamaa akka ta'e ragaa bahu.

Ajajaa loltuu waraana Itoophiyaa mootummaa ce'umsaa Somaaliyaa deeggaruun Somaaliyaa seene akka qore himama.

Al Itihaad Islaamiyaa akkasumas boodarra Birgeedii Raas Kaambonii hooggansa Gamtaa Manneen Murtii Islaamaa Somaaliyaan hundaa'e sochoosuun dirree garagaraarratti loleera.

Maadobeen maqaa masoo isaati. Maatii isaa keessaa xiqqoo fuula keessa waan gurraacha'uf maqaa itti bahedha.

Maadobeen gurraacha'u akka jechuu yoo ta'u maqaan sirrii isaa Mahaammad Ahimad Islaamidha.

Gulantaa Sheekaas qaba.

Maadobeen nama ijoo al-Shabaab qofa osoo hin taane yeroo tokko al-Shabaab itti-aanaa ta'un hogganeera.

Akkasumas, hooggansa Gamtaa manneen murtii Somaaliyaa Itoophiyaan waraana itti bobbaaste, hoggansa al-Shabaab akkasumas kantiibaa magaalaa kibba Somaaliyaa, Kismaayyooti.

Al-Shabaab kan hundeesse Gamtaa Manneen Murtii Islaamaa Somaaliyaadha.

Waraana Itoophiyaa Somaaliyaatti

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Waraana Itoophiyaa Somaaliyaatti

Yeroo ammaa umriin isaanii 60 ol kan ta'an Maadobeen yeroo ammaa bulchiinsota Somaaliyaa hamma tokko of bulchan keessaa ishee cimtuu kan taate Jubaalaand hogganaa jiru.

Jiraattota miiliyoona 2.5 kan qabdu Jubaalaand qabeenya uumamaa badhaaten 'gumboo daabboo' Somaaliyaa jedhamuun beekamti.

Magaalaan guddoo bulchiinsichaa, Kismaayyoon magaalotaati buufata gurguddoo biyyattii keessaa tokkodha.

Zayitii uumamaa, gaazii fi cileedhaan kan badhaate Jubaalaand to'achuuf al-Shabaab dabalatee milishoonni Somaaliyaa biroo lolaniiru.

Jubaalaand Keeniyaafi Itoophiyaa kan daangessitu yoo ta'u Maadobeen bulchiinsa kanatti akka pirezidantiis akkasumas pirezidantii mootummaa giddugalaa ol ilaalama.

Aangoo mootummaa federaalaas morkata.

Yoo itti waliigaluu baatan tole hin jedhan. Loluufis waan duubatti jedhan miti.

Fuula isaarraa seequu kan hin dhabne Maadobeen baatii Sadaasa keessa Pirezidantii Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad waliin wal dhabanii turan.

Eeyyama malee filannoo gaggeessitan jechuun mootummaan federaalaa ajaja hidhaa yoo itti baasu, Maadobeenis Pirezidant Hasan Sheek irratti ajaja hidhaa baasan.

Biyya ganuun, wal waraansa kaasuun, sirna heera biyyattii diiguuf yaalaniiru jechuun mootummaan federaalaa isaan himatee ture.

Qaamonni lamaan walitti bu'iinsattis ce'aniiru.

Humni addaa Maadobee Raas Kaambonii booda hundaa'e, Daarwish, waraana Somaaliyaa waliin walitti bu'ee ture.

Maadobeen booji'amuu

Bara 1980 keessa al-Itihaad Al Islaamiyaa keessa seenuun lola kan eegalan Maadobeen kanneen boodarra al-Shabaab hundeessan keessaas tokko.

Barichi bara 2006 ture.

Moqadiishoofi giddugalli kibba Somaaliyaa Gamtaa Manneen Murtii Islaamaa jala turan.

Hoggantoonni garicha keessa jiran tokko tokko gamtaan kuni jihaada sirrii raawwataa hin jiru jechuun gartuu lolu tokko hundeessuu barbaadan.

Haraakaat al Shabaab al Mujaahiddiin (warraaqsa dargaggoota qabsaa'an) yookiin gabaabumatti al-Shabaab hundaa'e. Ahimad Maadobeenis hogganaa itti aanaa ta'un filame.

Madobeen gaaffii fi deebii VOA Afaan Inglizii waliin bara 2012 mata duree 'Al-Shabaab Weekend' jedhuu irratti taasiseen, ''Ismaa'el Araalee, kan Paakistaan ​​keessatti barate, hogganaa akka ta'u, animmoo itti aanaa ta'ee filame, Raaskambonii bakka bu'ee,'' jedhe.

Gareen kun gamticha keessatti ol'aantummaa isaa fe'uu fi bulchiinsa isaa babal'isuuf yaalaa wayita turetti loltoonni Itoophiyaa Somaaliyaa kan seenan.

Itoophiyaan loltoota ishee Somaaliyaa keessatti erga bobbaaftee booda, hoggantoota Al-Shabaab akka malee adamsuu jalqabde

Yeroo sanattis itti aanaa hogganaa Al-Shabaabif dura taa'aa Kismaayoo Gamtaa Manneen Murtii Somaaliyaa Madobe booji'an.

Yeroo saddeet rasaasaan rukutamee akka malee miidhamee ture kan booji'ame.

Booji'amee gara Finfinneetti geeffame.

Yeroo sanatti loltoota Itoophiyaa booji'anii gara Finfinneetti fidan kan ajajan keessa tokko Koloneel Gebre Igzaaber Alamseged.

Madobeen loltoota Itoophiyaa haala ijibbaachisaa ta'een falmachaa ture jedhu'' Koloneel Gebre Igzaaber

Koloneelichi yeroo loltootni Itiyoophiyaa Al-Shabaab waliin wal waraanaa turan, sarara fuulduraa Jubaland guutuu, hanga Baayidowaa, teessoo mootummaa ce'umsaa Jubaaland kan hooggane Madobe ta'uu yaadateera.

Akka Koloneel Gebre Igzaaber jedhanitti waraanni Itoophiyaa Madoobe booji'uuf duula of eeggannoo guddaa gaggeesse ture.

Koloneelli kun' booji'aa qabaa fidaa malee akka Madoobee hin ajjeefne kan jedhu qajeelfamni qaama olaanaa irraa nuuf kenname'' jechuun yaadata.

"Akkuma nutti himame lubbuun isa qabachuuf of eeggannoo goone. Hanga dhumaatti lolee loltoota keenya hedduu madeesse."

Dhumarratti rasaasa saddetiin rukutamee Madoben kufe. Akka malee madaa'ee kibba Somaaliyaa bakka Bardale jedhamutti harka loltoota Itoophiyaa gale.

Akka koloneel kun jedhanitti, namoota qawwee qaban saddeet keessaa lola kanarraa kan hafe Maadobe qofa.

Koloneel Gebre Egzigar gaaffiifi deebii BBC waliin taasiseen yeroo sanatti miidhaan cimaan waan irra gaheef ''lubbuun hin jiru'' jedhamaa ture jedhan.

Jireenyaa fi du'a gidduu kan turte Madoobeen gara Finfinneetti geeffame.

Koloneel Gebre Egzaabeer "Ani ofii kootii helikooptaraan gara Finfinnee geesse" jechuun ibse.

Maadobeen erga booji'amee booda Finfinnee ture

Madda suuraa, AFP via Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Maadobeen erga booji'amee booda Finfinnee ture

Kufaatii bulchiinsa Ziyaad Baaree booda sochiiwwan gosaa fi amantii bu'uureffatan babal'achuun barreeffamni Stabilization and Common Identity: Reflections on the Islamic Courts Union and Al-Itihaad' jedhu xuqeera.

Kana keessaa tokko manneen murtii Islaamaa hundeeffamuudha.

Manneen murtii kunneen kufaatii mootummaa Ziyaad Baaree booda qaawwa nageenyaa fi tasgabbii mudate cufuun yakkamtoota bal'inaan biyya keessaa faca'anii turan seeratti dhiheessaa ture.

Manneen murtii kunneen bakka mootummaan giddugaleessaa hin jirretti olaantummaan heeraa fi seera mirkaneessuuf carraaqaa akka turan barreeffamni kun eereera.

Manneen murtii kunneen malees jaarmiyaan Al Itihaad al- Islaamiyaa jedhamu akkaan socho'aa ture.

Siyaasi isaa amantii Islaamaa bu'uureffachuu kan ibsu jaarmiyaan kun bara 1980ootaa fi 1990oota keessa bal'inaan Somaaliyaa keessa socho'aa ture.

Mootummaan giddugaleessaa kufuun Somaaliyaan wayita seeraan ala harka aanga'oota waraanaatti kuftu, Itoophiyaanis gareewwan uumaman garaagaraa tumsaa akka turte barreeffamoonni garaagaraa ni mul'isu.

Mootummaa giddugaleessaa tumsa isheef ta'uu danda'us cimsitee barbaaddi turte.

Abdullaahii Yuusuuf bara 2004 pirezidantii mootummaa ce'umsaa Somaaliyaa ta'uun akka filataman ga'ee guddaa ba'atte.

Itoophiyaa qofa osoo hin taane CIAn Ameerikaas humnoota waraanaa hidhachiisuu fi maallaqaan deeggaraa ture.

Bulchiinsi pirezidant Joorji Buush adeemsi kun akka hin baasne wayita hubatu mootummaa ce'umsaa dadhabaa ture deeggaruu eegale.

Haata'u malee gurmuu manneen murtii kan ta'e Waldaan Manneen Murtii Islaamaa gurmuu warra waraanaa mo'achuun bara 2006 Moqadishuu to'atan.

Yeroo sana Itoophiyaa bulchaa kan turan ministirri muummee Mallas Zeenaawii hooggantoonni Waldaa Manneen Murtii Islaamaa hedduun al-Itihaad al-Islaamiyaa keessaa kan ba'aniidha jechuun kun biyyasaaniif yaaddoo ta'uu dubbatanii turan.

Somaaliyaa guddittii Ogaadeen kan qaama Itoophiyaa taate hirmaachise ijaaruun galmasaanii kan ta'e al-Itihaad al-Islaamiyaa, Itoophiyaa keessatti haleellaawwan boombii hedduu raawwateera.

Al-Itihaad bara 1990oota keessaa Dirree Dhawaa keessatti gabaarratti boombii darbachuun lubbuun namoota 15 darbeera.

Akkasumas Finfinnee hoteela Shabalee irratti haleellaa boombii raawwataniin namoonni afur yoo du'an 20 kan ta'an madaa'aniiru.

Al-Itihaad bara 1996 Ministira Geejjibaa Itoophiyaa kan turan Abdul Majiid Huseen ajjeesuuf yaaluusaaf itti gaafatamummaa fudhachuu gabaasi Yunivarsitiin Istaanfoordi bara 2016 baase akkasumas barreeffamni jaarmiyaa sochii hidhattootaa to'atu- Maping Militant jedhamuun qophaa'e ni mul'isa.

Itoophiyaan aanga'oota al-Itihaad fi maandheewwan waraanaa isaaniirratti xiyyeeffachuun haleeluuf loltootashee Somaaliyaa seensiftee duula waraanaa gaggeessaa turuun ni yaadatama.

Dursaan Waldaa Manneen Murtii Islaamaa Sheek Hasan Daahir Aweeyis yeroo tokko dursaa al-Itihaad al-Islaamiyaa turan.

Sheek Hasan Aweeyis Somaaliyaa manneen murtii Islaamaa jalatti tokkoomsuuf (mootummaa Islaamaa ijaaruuf) gufuu cimaa kan itti taate Itoophiyaa ta'uu labsanii turan.

Aweeyis fi hooggantoonni kaan Somaaliyaa guddoo Ogaadeen hammatte ijaaruu fi waldichi aangoo mootummaa giddugaleessaa to'achuuf sochii taasisu Itoophiyaan fudhachuu didde.

Teessoon isaa Baayidawaa kan ture mootummaan ce'umsaa affeerraa Itoophiyaaf taasiseen Itoophiyaan loltootasheen gidduu seente.

Haala kanaan weerara kan jedhan hooggantoonni waldichaa lammiileen Somaaliyaa hunduu tokkoomuun humnoota Itoophiyaa akka ofirra qolatan ajajan.

Jihaad (waraana eebbifamaa) ajajan.

Naannoo bara 2006 Waldaan Manneen Murtii Islaamaa Somaaliyaa Itoophiyaadhaan mo'atame.

Loltoonni Itoophiyaa maandhee cimaa waldichaa kan ture bulchiinsa gara kibba biyyattii keessaa baasuuf torbanoota qofa itti fudhate.

Hooggantoonni waldichaa hedduun biyyaa baqatan.

Hoogganaan waldichaa Sheek Aweeyis biyya duraan isaan tumsaa turte Ertiraatti baqachuu Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti ragaan Mana Maree Nageenyaa ni mul'isa.

Manni maree nageenyaa UN kun Sheek Aweeyis ilaalchisuun odeeffannoon baase, namni kun haleellaawwan Asmaraa, Somaaliyaa, Itoophiyaa fi Keeniyaa keessatti raawwatu maallaqaa fi meeshaa waraanaan tumsaa akka turan mul'isa.

Itoophiyaan loltoonni ishee waggaa lamaaf Somaaliyaa keessa erga turanii booda sodaa finxaaleyyii dhabamsiiseera jechuun bara 2009 baate.

Waldaan Manneen Murtii Islaamaa kun diigamus hidhataan biraa-al-Shabaab cimaa achii as ba'e.

Al-Shabaab cimee ba'uu qofa osoo hin taane bulchiinsa Somaaliyaa hedduus to'ateera.

Al-Qaa'idaa waliinis qindoomina jabaa uume.

Maadoobeen loltoota Itoophiyaan booji'amee ji'oota sadi booda, hoogganaan al-Shabaab Ismaa'el Araalee gara Ertiraa imaluuf osoo Jibuutii jiruu to'annoo CIA jala seene.

Bakka Ameerikaan namoota shororkeessummaan shakkitu itti ergitu, iddoo biyyattiin namoota itti hiraarsiti jedhamu mana hidhaa Guwaatanaamoo- Guantanamo Bay geeffame.

Al-Shabaab hooggantoonni isaa lameen qabamuu booda hatattamaan deebii kenne. Lameenuu dafee bakka buuse.

Turtii Maadoobee magaalaa Finfinnee

Garmalee miidhamee Finfinnee kan seene Maadoobeen battaluma wal'aansaaf hospitaala geeffame.

Hospitaalota humna waraanaa fi poolisiitti yaala ga'aa argateera.

Arjooma dhiigaa Maadoobeef taasifame wayita ibsan ''dhiiga lammiilee Itoophiyaa baayyee fudhate,'' jedhan ambaasaaddar Wondimmuun.

Isaanis ''dhiiga Itoophiyaa qabda jennaan. Du'arraa baraarame. Akka hin duune tattaaffii baayyeetu godhame,'' jedhan ambaasaaddarichi.

Maadoobeen waggaa lama Finfinnee ture.

Yeroo sana gabaasonni miidiyaan dhiyeessaa turan Maadoobeen akka hidhaa ture ibsanis, ambaasaaddar Wondimmuu fi Koloneel Gabra igzaabeer ''gonkumaa'' jechuun haalu.

''Akka hidhamaatti osoo hin taane akka nama boodarra nagaarratti nu tumsuutti fudhanne. Dhimmi Somaaliyaa hidhaadhaan waan xumuramu miti,'' jedhan Ambaasaaddar Wondimmuun.

Inumaa akka keessummaa addaatti simatame kan jedhan ambaasaaddarri kun, garuu nama diina hedduu qabu waan tureef eegumsi ramadameefii ture jedhan.

Koloneel Gabra Igzaabeer ''gosa beekamaa, maatii beekamaa keessaa ba'e. Obboleessa keenya. Mana hidhaa osoo hin taane mari'achuutu karaa sirrii ture,'' jedhan.

Gosa Ogaadeen keessaa kan ba'e Maadoobeen naannoo Somaalee keessatti bakka guddaa qaba, maatii fi firoonni isaa naannoo kana keessaa jiraatu.

Pirezidantii duraanii naannoo Somaalee kan ta'an Abdii Ileen Maadoobee- Ogaadeen keessaa gosti isaanii Feer Abdiillee jedhama.

Warri Ogaadeen siyaasa naannoo Somaalee fi siyaasa Itoophiyaa keessatti qooda guddaa akka qaban dubbatu Ambaasaaddar Wondimmuun.

Maadoobeen gosoota Ogaadeen Itoophiyaa, Keeniyaa fi Somaaliyaa keessaa jiran biratti akka hoogganaa gameessaatti ilaalama.

Akka ibsa Koloneel Gabra Igzaabeeritti Maadoobee ''akka gaachanasaatti ilaalu. Eegduu gosa isaa akkasumas fudhatama guddaa nama qabudha.''

Maadoobeen wal'aansa xumuree Hoteela Biheeraawii keessa jiraata ture. Walabummaan socho'a.

Maadoobeen wayita Itoophiyaa turetti haadha manaa fuudheera jedhan Koloneel Gabra Igzaabeer.

''Inumaa daa'imayyuu godhateera,'' jedhan.

Maadoobee faallaa al-Shabaab akkasumas waldichaa hiriirsuuf yookiin akka Koloneelichi jedhanitti ''Maadoobee jijjiiruuf'' hamma qondaalota olaanootti irratti hojjetameera.

Ministira Muummee duraanii Mallas Zeenaawii, Dr Teedroos Adhaanoom akkasumas Siyyum Masfiin waliin irra deddeebiin walargaa ture jedhan.

Maadoobeen Itoophiyaatti ni wal'aaname qofa osoo hin taane sammuunsaa yaada duraaniirraa qulqullaa'e jedhan Koloneel Gabra Igzaabeer.

Isa booda finxaalessummaa, mankaraarsitummaa keessaa ba'e.

Ahmad Maadoobee yaada jijjiirsisuun hojii salphaa hin turre kan jedhan Koloneel Gabra Igzaabeer, namni kun qalbii jijjiirratee yaada sirriitti amanuusaaf galateeffatan.

''Hiriyaa keenyaa akkaan raajeffannudha,'' jedhan.

Koloneelli kun yeroo tokko booji'amaa waraamaa Maadoobee waliin michuu cimaa turan.

Siyaasa keessatti diinni dhaabbataan hin jiru yaada jedhuuf Maadoobeen fakkeenya qabatamaadha.

Magaalaa Kismaayyoo

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Magaalaa Kismaayyoo

Loltuu fi namni siyaasaa Maadoobeen warra gumaa, warra walitti hin deebine garee jedhaman cinaa hiriireera.

Jireenyi qabsoo isaa al-Itihaad irraa egale waggootaaf faallaa Itoophiyaa akka hiriiru isa dirqamsiisee ture.

Faallaa Itoophiyaa goruun waggootaaf al-Shabaab fi waldichaaf falmeera, loleera.

Turtiisaa Finfinnee booda garuu michuu dhihoo Itoophiyaa ta'eera.

Faallaa al-Shabaab hiriiruun garee isaa duriin falmeera.

Maadoobeen Itoophiyaa waliin qofa osoo hin taane Keeniyaa waliinis michummaa cimseera.

Pirezidantii Juubaalaand akka ta'uuf tumsi Keeniyaa fi Itoophiyaa olaanaadha.

Itoophiyaan Maadoobee madeessitee booji'uun of cinaa hiriirsuuf kiyyoo kan hiite wayita inni qaamolee hedduun barbaadamaa turetti.

Namoota shororkeessummaan shakkite gara mana hidhaa Guwaantaanaamootti kan geessaa turte Ameerikaan, Finfinneen Maadoobee akka dabarsitee kennituuf gaafataa turte.

Mootummaan Itoophiyaa garuu Maadoobee dabarsee kennuuf fedhii hin agarsiifne.

Wayita Itoophiyaan loltootashee Somaaliyaa galchitu Ameerikaadhaan ergamtee akka hin taane kan ibsan Ambaasaaddar Wondimmuun sababi ijoon ''dantaa biyyaalessaa Itoophiyaati,'' jedhan.

''Tokkoffaa nama kana nutu booji'e. Lammaffaa hoogganaan akkanaa hojii nageenyaa itti aanu keessatti waliin mari'achuuf murteessaadha jennee waan amanneef. Warri Ameerikaa akka isaan hin balleessineef of eeggannoo gochaa turre,'' jedhan.

Haata'u malee Ameerikaan odeeffannoo saatalaayitii basaasaa raayyaa Ittisaa Itoophiyaa waliin wal jijjiiruu dabalatee hojii waliinii xiyyeeffannoon hojjetaa akka turan Ambaasaaddar Wondiimmuu fi Koloneel Gabra Igzaabeer dubbataniiru.

Ameerikaan Maadoobee maaliif barbaadde?

Ameerikaan haleellaa xiyyaaraa Fulbaana 11, 2011tti jidduugala daldala Niiw Yoork barbadeessee hordofuun farra shororkeessummaa jechuudhaan biyyoota garaa garaa keessa yeroo haleellaa itti cimsitedha.

Haleellaan sun mudatee waggaa jahaan booda hoggantoota olaanoo Alqaa'idaa gaanfa Afriikaa kan taatee Somaaliyaa keessa buufataniiru jetteen to'achuuf ykn ajjeessuuf duula eegalte.

Kanaanis gareewwan Alqaa'idaa wlaiin hidhata qabu jedhaman haanga'oota Al-Itaahiid, Gamtaa maan murtii Islaamummaa fi Al-Shabaab irratti qiyyeeffattee turte.

Al-Itihaad yeroo sanatti Al-Qaa'idaa kan Sudaan keessa buufaatee dursaa turee fi sooreessa Saawudii kan ture Biinlaadaniin maallaqaan deegaraa kan ture yoo ta'u, haleellaa Fulbaanaatiin wal qabatee Ameerikaan shororkeessummaan farajdee turte.

Ameerikaan keessattuu haleellaawwan bara 1998tti imbaasiiwwan ishee Keeniyaa fi Taanzaaniyaarratti raawwataman keessaa harka qabu kan jetteen dursaawwan Alqaa'idaa Somaaliyaa keessatti barbaadaa turte.

Haleellwwaan imbaasiiwwan kanneen irratti raawwataman Alqaa'idaa dabalatee kaampiin waraanaa birgeed Raas Kaamboonii kan gamticha waliin hidhata qabuu leenjiiwwan hidhattota kaaniitiif faayidaarra oolfamaa jira kan jedhu ture.

Hundeessaan birgeedii Kaamboonii Raas, Hasan Abdullaah Keersii Al Turkii bara 1990motaa irraa kaasee Alqaa'idaa waliin hidhata cimaa akka qaban bareeffamni Yunivarsitii Istaandfoordtti sochiilee gareewwan hidhattootaa hordofu dhaabbata 'Mapping Militants Organizations' bahe tokko ibseera.

Al Turkiin gamtichaaf akkasumas kan isana dura ture Al Itihaadii ajajaa waraanaa turan.

Ameerikaan bara 2007tti yeroo SOmaaliyaarratti haleellaa qileensaa rawwattuutti kan fayyadamte buufata xiyyaaraa Itoophiyaa bahatti argamu akka ture barreeffamni yeroos Niiw Yoork taayimsiin mata duree 'US used Base in Ethiopia to Hunt Al Qaeda' jedhun barraa'e ibseera.

Ameerikaan humda icciitii 'Task Force 88' jedhamu hundeessuudhaan karaa itoophiyaa fi Keeniyaatiin gara Somaaliyaatti waraana galchushee gabaasni kun ibseera.

Kunis erga Itoophyaan Somaaliya akeessatti tarkaanfii waraanaa bal'aa eegalteen waggaa tokkoon booda jechuudha.

Baruma sana dhuma Muddeerratti xiyyaaroonni waraanaa AC 130 jedhaman lama buufata xiyyaaraa baha Itoophiyaatti argamu qaqaban.

Haleelichaan kan irratti xiyyeefatame ajajaa waraanaa Afgaanistaan keessatti leenjii'eefi hoggantoota mana murtii Islaamummaa keessaa tokkoo fi dursaa Alshabaab kan biraa kan ta'e Adan Haashii Ayiroo irratti ture.

Haleellichi erga raawwatamee sa'aatiiwwan hedduun booda loltoonni Itoophiyaafi gareen oppareshinii addaa Ameerkaa tokko bakkicha qaqabuudhaan namoonni saddeeti ajjeeffamusaanii fi namoonni sadii madaa'u mirkanneessan.

Jijigaa gamoo keessattis paaspoortiin Adan kan dhiigaan makameefi meeshaaleen gara biraa argamu hordofee miidhamusnaa ykn ajjeefamuu hin ollee jedhan.

Haleellaan lammataa ammoo kan irratti qiyyeefate hogganaa olaanaa IS kan ta'an Sheek Mahaamad Maadoobee irratti akka ture gabaasichi ibseera.

Maadoobeen garuu haleellaa kana jalaa oolaniiru. Boodarras Itoophiyaadhaan booji'amusaa aanga'oonni Ameerikaa mirkanneessaniiru.

Maadoobee turtii Itoophiyaatiin booda

Miidhaa irra gaheerraa erga bayyanatanii booda Maadoobeen turtii waggaa lamaa Itoophiyaa keessa taasisaniin booda gara Jabuutiitti imalan.

Jabuutiittis mootummaan biyyaaleessaa Somaaliyaa akka hundeeffamuuf yaa'iin gareewwan adda addaa irratti hirmaatan gaggeeffame.

Yaa'icha qindeessuudhaan Dhaabbanni Mootummoota Afriikaa Bahaa (IGAD) gahee olaanaa bahee ture.

Maadoobeen qaama adeemsa kanaa ta'u akka qabaatuu aanga'oota Somaaliyaa amansiisuun itti gaafatamummaa Koloneel Gabree ture.

Yeroo sanatti mootummaa Itoophiyaa fi IGAD bakka bu'uudhaan adeemsa Jibuutii irratti kan hrimaatan Koloneel Gabra Igizaabeen turan.

Erga aanga'oota Somaaliyaa waliin walta'anii booda aanga'ota itoophiyaatiif gabaasa taasisan.

Aanga'oonni mootummaa itoophiyaa ammoo kallattiidhaan Maadoobee xiyyaaraan gara Jibuutiitti ergan.

Buufata xiyyaara Jibuuttiitti kan isa simatanis Kololeelicha mataasaanii turan. Yaa'ii sanarrattis mootummaa yeroo ce'umsaa dursaa kan turan Abdullaahii Yasuuf aangosanaii gadhiisuudhaan Shariif Sheek Ahimad bara 2009tti pirezidantii ta'an.

Yaa''ichatti kan makaman Maadoobeen miseensa paarlaamaa motummaa Federaalaa ta'udhaan gara Kiismaayuu imalan.

Haata'u malee miseensummaa paarlaamaa ta'un kan turan yeroo gabaabaa qofaaf ture. Battalumatti ''na hin hojjachiifne'' jechuun miseensummaa Paarlaamaa gadhiisan.

Ta'us turtii Itoophiyaa keessatti taasisaniin booda walta'insa isaa jijjire.

Waliigalteen Itoophiyaa waliin taasifame maal ture?

Dursitoonni akka Maadoobee jiran walitti dhufeenyi faayidaa waloo irratti buu'urreeffate akka jiraatuuf akka barbaadan Ambaasaadar Wandimun ni cimsu.

''Akka daa'imaatti isaan hin ergutu'' jechuun dubbatu.

Itoophiyaan imaammata Alshabaabiin dadhabsiisuu fi to'achuudhaaf karaa waraanaatiin oliitti furmaanni siyaasaa fi bulchiinsaa ni barbaachisa jedhuun durfamaa akka turte kaasu.

Itoophiyaan yeroo sanatti waraanaan jidduu galuu dabalatee imaamma alaa Somaaliyaa irratti xiyyeeffannaa olaanaa taasisee kan hordoftu fakkaata ture.

Waggoora afuriif Somaaliyaa keessatti Ambaasadara Itoophiyaa ta'un kan tajaajilan Ambaasadar Andimmuun ''xiyyeeffannaan Somaaliyaarratti qabnu kan wal hin madaallee (disproportional) fakkaata'' ta'us dhugaansaa akkas hin turre jedhu.

''Sochii Alshabaab'' baroota 1980motaa fi 90mota keessa tureen Itoophiyaan osoo tarkaanfii akkasii hin fudhannee ta'e, ''balaa keessa seenti ture'' jechu.

Itoophiyaan keessattuu sochiilee eddoowwan daangaa kanneen akka Baayidowaa, Geedoo jiran keessatti xiyyeeffannaa olaanaa kenniti turte jedhan.

Waggoota 15'f Somaaliyaa keessa kan hojjatan Koloneel gabreen, gosawwan Somaaliiyaa 38 ta'an kan qabattee Itoophiyaadhaaf walitti dhufeenyi biyyoota lamaanii baayyee cimaadha jedhu.

Dhimma Somaaliyaatiin ''Itoophiyaan gahee olaanaa kan qabduudha'' jedhu Koloneelichi cimina dhimmichaa yoo ibsan.

Jireenya qabsoo Maadoobee

Maadoobeen barnootasaa sadarkaa lammaffaa Moqaadishuutti xumuruu 'The Africaan Report' seenaa dhunfaasaa waggaa 12 dura baaseen ibseera.

Barreeffamich Maadoobeen Itoophiyaa Ogaadeeniitti akka dhalate ibsulleen, inni garuu kana yoo dubbatu dhagahame hin beeku.

Yunivarsitii keessattis seera Islaamaa barateera. Jireenyi qabsoosaa kan eegalu ammoo, Al-Itihaadi Somaaliyaatti makamuudhaan.

Al-Itihaad Somaaliyaatti qabsoo amantaa waliin walitti hidhuudhaan dursaa akka ture dubbatama.

Waggootaafis birgeedii Komboonii Raas hogganaa ture. Waraanni itoophiyaa bahuu hordofee akkasumas maadoobeen erga gara Somaaliyaatti deebii'een booda Birgeedi Kaambooniin dhaabbilee gara biraa sadii waliin walitti makame.

Gareewwan afur ammoo Hizbollaa Islaam uuman.

Birgeediin Kaamboonii Raas kan Al-Turkiin durfamu ammoo Al shabaab waliin gamtaa uumuun Maadoobeef fudhatama hin aganne ture.

Kana hordofee Maadoobeen gamasaatiin Hezbollaa Islaam keessaa bahuun waraanaa Sochii Kaamboonii Raas jedhamu hundeesse.

Waraanni Kaamboonii Raas Maadoobee AL Shabaabiin cimsee kan falmu ta'e. Maadoobeen gareesaa duraanii Al shabaab Somaaliyaadhaaf yaaddoo cimaadha jechuun labse.

Al Shabaab waliinis Kiisimaayuun to'achuudhaa lola gaggeesse.

Al Shabaab buufata Kiisimaayuu to'achuusaa hordofee waraanni Maadoobeen gara daangaa Keeniyaatti baqate.

Haata'u malee deeggarsa Keeniyaarraa argateen bara 2012tti Al-Shaabaab waraanuu akka eegale 'The African report' barreeffama bara sana baaseen ibseera.

Dhumarratti Maadoobeen ni injifate. Al Shabaab erga Kiismaayoodhaa ari'atameen booda Sochiin Koomboonii Raas Maadoobee magaalattii to'ate.

Maadoobeenis gara kiisimaayuutti deebii'ee bulchaa ta'e.

Hundeffammuu Jubaalaand

Bulchiinsi of dandeesse Jubaalaand hundeeffamuudhaaf yeroo dheeraa fudhateera.

Bara 2013tti miseensoota Kaamboonii Raas dabalatee mariin aangoo qooddachuu gosoonni hedduun keessatti hirmaatan gaggeefame.

Marii bara 2013 Maadobeen jaarsummaa IGAD'n mootummaa Somaaliyaa waliin yeroo mari'ate

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Marii bara 2013 Maadobeen jaarsummaa IGAD'n mootummaa Somaaliyaa waliin yeroo mari'ate

Yeroo sanatti dursaa kan turan pirezidantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Ahimadii fi Maadoobee jidduutti waliitti bu'iinsi umamnaan Itoophiyaan gahee jaarsummaa ijoo fudhate.

Dahoo IGAD jalatti ministiroonni dhimma alaa kan irratti hirmaatan mariiwwan Moqaadishoo fi Jubaalaand keessatti gaggeeffaman.

Jalqabbiin qaxanichaa waliigalte Finfinnee jedhames milkaa'e. Yaa'ii Jubaalaandi hordofees Keeniyaa fi Itoophiyaadhaan kan deeggaraman Maadoobeen pirezidantii Jubaalaand ta'un filataman.

Hundeeffama mootummaa Jubaalaand irratti Ambaasaadar Wandimmuun hirmaataniiru.

Kanaanis Jubaalaand akka bulchiinsa walabaatti kan beekkamtee fi Maadoobeen waggoota 12f akka dursan haalli dandeessise umame.

Kolneel Gabra Igzaabiheer akkasumas Ambaasadar Wandimmuun Maadoobeen siyaasa gosawwan hedduu hirmaachisuudhaan araara irratti hirmaachisuu irratti bu'uurreefate dursu jedhuun.

Naannoo walitti bu'insee keessaa hin dhabamne keessatti waggaa 12f aangoorra turuun ''kan akka tasaatti dhufu'' akka hin taanee dubbatu Amabaasadar Wandimmuun.

MM Abiyii fi Maadoobee

MM Abi Ahimad gara aangootti dhufuu hordoofee Itoophiyaa fi Maadoobee jidduutti waliitti dhufeeny laafachuu agarsiise.

Aangoon mootummaa jidduugala/federaalaa harka akka ta'u kan barbaadan Mahaamad Abdulaahii Mahaammad ykn maqaa masoo isaanittiin Formaajoo fi Maadoobeen walitti dhufeenya mudamaan guutame qabu turan.

Kanaanis pirezidanti Faarmaajoon naannooleen hanga tokko ofiin of bulchan to'annoo mootummaa federaalaa jala galchuuf socha'anii ture.

Bulchiinsoota garaagaraattis deeggartoota muuduu danda'an illeen kun garuu Jubaalaandiitti hin milkoofneef ture.

Mootummaa Somaaliiyaa jidduugalaa cimsuudhaaf haala deeggareen kan socha'e bulchiinsa Dr Abiy Faarmaajoof deeggara kennuu eegale.

Itoophiyaan bulchiinsoota biraatiif, milishoota gosaatiifi hirmaattoota siyaasaa fi nageenyaatiif deeggarsa kennaa turte jijjirte.

Mootummaa jidduugalaa Somaaliyaa cimsuu deeggaruun alattis Maadoobeen yoo faallaa Abiy ta'e TPLF waliin walitti dhufeenya gaarii qabaachunsaa, buchiinsiisaa madaallii deeggaraa gara Faarmaajootti akka cillaanfatu taasisuu, bareeffamni waggaa shaniin dura mara duree 'Ending the Dangerous Standard in Southern Somalia' jechuun Kiraayisiis giruuppiin bahe ni mul'isa.

Itoophiyaan bulchiinsa naannoolee tokko tokkootti waraanashee bobbaasuu hordofee Faarmaajoon ajandaa isaa raawwachiisuuf deeggarsa Finfinnee fayyadamaa jira jechuun himatame.

Isaan keessaayis kaadhimamaan mormituu Saawuz Weestarn, Muktaar Roobeewu tokkoodha.

Kana malees sarara Geedoo fi Dooloowu kan mootummaa jidduugala Somaaliyaa cimsuu taasifamuun qabameen, sochiin waraanaa itoophiyaa dabaluusaa gabaasni Kiraayisis Gruup ibseera.

Maadoobee hidhuudhaaf yaaliiwwna taasifaman akka hin milkoofne ibsameera.

Bara 2019 yeroo Jubaalaand filannoo gaggeessiteetti, xiyyaarri waraanaa Itoophiyaa qabatee ture buufata xiyyaara Kiisiyaapuu qubachuuf yaalii taasisuulleen, Jubaalaandii fi loltoota Keeniyaatiin dhorkamu barreeffamni Kiraayisiis Giruup ni agarsisa.

Gamtaan Arab Imireetsi MM Abiyii fi Maadoobee waliitti araarsuudhaaf yaaltee akka turte gabaasaaleen tokko tokkoo ni agarsiisu.