Haati ijoolleeshee afur manatti itti cuftee gabaa deemnan balaa abiddaan du'an hidhaan itti murame

Madda suuraa, Family handout
Taaten kun mudate Devece Roos, haati ijoolleeshee lakkuu lama [ijoollee afur] manatti dhiiftee gabaa deemte. Gaafa deebitu ijoollenshee balaa abiddaa ka'een gubatanii lubbuun darbeera.
Ijoollee qopha manatti dhiiftee du'aaf saaxilte jechuun lammii UK kanarratti manni murtii hidhaa waggaa 10 mure.
Ijoollenshee arfanuu dhiiraa- lakkuu lama yoo ta'an Mudde 16, 2021 kibba Landanitti mana keessa jiraatan keessatti qophasaanii dhiistee itti cuftee gabaan dhaqa jettee biraa baate.
Ijoollen arfanuu abidda manatti qabate jalaa nama isaan baraaru dhabanii mana keessatti gubatanii du'an.
Qorannoo gaggeeffameen abiddi manichatti qabate tarii haftee tamboo irraa xuxamee ykn shaama qabsiifamee jigee fa'aa ta'uu akka malu ibsame.

Madda suuraa, Metropolitan Police
Haadha ijoolleeshee manatti itti cuftee baatee balaa abiddaan du'anii kanatti uidhaa kan muran abbaan murtii Maark Luukraaft waanti isheen bituuf guyyaa sana gabaa dhaqxe "waan dirqama barbaachisu ykn murteessaa miti" jechuun lubbuun daa'imman afurii mana itti cufame keessatti battalatti abiddaan baduun akka isaan gaddisiise himan.
"Du'a ijoollee kee arfaniif itti gaafatamummaa fudhachuu kan qabu si'i akka ta'e saammuun kee amanee yaada kana wajjin jiraachuu qabda," jechuun haadha ijoollee du'anii, Roositti himan abbaan murtii kun.
Manni murtichaa maatii daa'imman du'anii irraa waan isaanitti dhagaame yaada dhaggeeffateera.
Abbaan daa'imman du'anii, Daaltan Hoaz "ijoollee koo dhiiraa afur dhabuu kootti bara jireenya kootu natti dukkanaa'e," jedhe.
Akaakileen daa'immanii Saalii Joonsan ammoo: "Ijoollettiin jireenya koo turte. Amma keessi koo duwwaa ta'eer," jette imimmaanin.
Yeroo gaddaafi qophummaa kanatti waanti itti obsitu "amma bara baran wal-faana jiraatu, kana booda [akka kana duraa] qophaa hin ta'an" jechuun kana gaafa yaadattu obsa akka argattu dubbatte.
Dhaddacha irratti haati ijoollee du'anii gaafa manaa baatu namni bira jiraachuu himte.
Abbaan murtii garuu, "Dhugaan jiru ijoollee dhiiraa waggaa afuriifi isaa gadii afur qophaa isaanii dhiistee [itti cuftee] baate," jechuun yaada isheen dhiyeessite kufaa godhan.
Abbaan murtii kun, hojjattoonni balaa abiddaa bakkicha yeroo gahan ijoolleen dhiiraa adur abiddaan gubatanii arguutti baay'ee gaddanii hamileensaanii miidhamuu himan.
"Kuni taatee gaddisiisadha, hojjattoota balaa abiddaa keenya taatee sana argan gargaaruu itti fufna," jedhan ittaanaa komishinara waajjira ittisa balaa abiddaa Landan kan ta'an Chaarlii Pagsilee.