Geetaachoo Raddaa waa'ee 'yaalii ajjeechaa al lama irratti aggaamamee' maal jedhan?

Madda suuraa, AFP
Obbo Geetaachoo Raddaa pirezidantii bulchiinsa yeroo Tigraay kan tureefi Wiixata kaleessaa ifatti aangorraa ka'uun kan ibsame, yaaliin ajjeechaa si'a lama irratti karoorfamee akka ture miidiyaaleetti himan.
Waldhabdee siyaasaa fi nageenyaa Tigraay keessatti mudate hordofuun Finfinneetti kan argaman Obbo Geetaachoon gaaffii fi deebii miidiyaalee adda adda waliin taasisaniin, yaaliin ajjeechaan wal fakkaatu jiraachuusaa odeeffannoo akka qabu dubbataniiru.
Obbo Geetaachoon akka jedhaniitti, Maqalee buufata xiyyaara Aluulaa Abbaanaggaatti wayita gara Finfinnee dhufaniitti, akka hin imalleef eegdota buufaticha eeganiin dhorkamanii akka turan himataniiru.
''Eegduun akkuma nu argeen 'akka seentan isiniif hin hayyamu, jalqaba bilbileen gaafadha jedhe.'
Hidhattoonni kunkolaataa loltuutiin gara buufata daandii qilleensaatti isaan hordofaa turuuf poolisoonni federaalaa (buufata xiyyaarichaa eegaa turan) akka isaan biraa dhaabsiisan kaasan.
''Ajajaan garichaa'' xiyyaara keessa seenuuf yaalee ture garuu akka ol hin seenneef dhorkame. Achiinis hogganaa tika buufata xiyyaaraatiif bilbiluudhaan ''Geetaachoon seeneeraa? Qofaa jira immoo namoonni biraa waliin jiru");