'Hamma lubbuunkoo jirutti haqa mucaakootiif iyyuu ittuman fufa'

Yusra Al Amin  suuraa ilmashee dhungataa

Dhohinsi keemikaalaa Hagayya 2020 keessa Beeruutitti mudate namoota 200 ta'an ajjeessee lubbuu kumaatamaan lakkaa'aman gaaga'eera.

Taateen kun waggaa sadii guutulleen qorannoon waan dhaabbateef hedduun ammallee godaannisa waliin jiraataa jiru.

Gabaastuun BBC Kaariin Toorbeey maatii namoota afurii kan dhohinsa sanaan jireenyisaanii akka malee tahe dubbiifte jirti.

Erga Hagayya 4, 2020 asi kunoo guyyaan 1,095 darbeera. Garuu namni umuriin waggaa 46 Laaraa Haayeek guyyoota kanneen hundaaf of wallaaluun koomaa keessatti argamti.

Guyyaa buufata doonii kanatti keemikaalli naayitireeti jedhamu dhohuun lubbuu namoota 200 olii galaafatee, kaan ammoo miidhaaf saaxiluun magaalaa guddoo biyyattii barbadeesseetti isheenis mana turte.

Taateen kunis dhohinsa guddaa nikulaara hin taanee kan jalqabaati.

Laaraa Haayeek

Madda suuraa, Elias Hayek

Laaraanis gara hospitaalaatti geeffamte, garuu sababii dhohiinsaatiin miidhaan sammuusheerra waan qaqabeef sa'aatiin booda of wallaalte. Achiis osoo of hin bariin akkasumatti turte.

''Wanti hundi barbadaa'unsaa akka abdii kutannu nu taasiseera'' jedhan obboleessi Laaraa Eliyaas.

Haatiisaanii Laaraa waliin halkan hospitaalaatti dabarsu. Isaanis guyyaa tokko intallisaanii akka damaqxu abdatu. ''Amantiifi abdii qofaatuu akka sochonu nu gargaaraa jira'' jedha Eliyaas.

Eliaays Haayeeksuuraa Laaraa bilbilasaa keessatti qabate

Miidhaa xin-sammuu irra gaheen alattis haalli wallaansi Laaraa maatiin gama maallaqaatiinis akka dadhaban taasiseera.

Mootummaan baasii wallaansa ishee kamu hin gargaarre. Maaliif akka ta'e wayita gaafatameetti Eliyaas, ''Waa'ee mootummaa kamii dubbataa jirta");