Xiinxala: Karoorri Tiraamp Gaazaatti yaadan hin milkaa'u, maaliif?

Madda suuraa, Reuters
- Barreessaa, Jeremy Bowen
- Gahee, International editor
Karoorri Doonaald Tiraamp Ameerikaan Gaazaa "fudhattee abbummaan" akka qabattu, adeemsa keessa ummaticha deebisanii qubsiisuuf qaban, hin ta'u. Biyyoota Arabaa yaada kana didaniin dura deeggaramuu qaba.
Isaan keessaa Yordaanoos fi Masrii, biyyoota Tiraamp Filisxeemoota Gaazaa akka fudhatan barbaadan fi Sa'udii Arabiyaa, kan kaffaltii kana ni kaffalti jedhamtuu dabalatee jechuudha.
Michoonni biyyoota dhihaa tarkaanfii kanaan yaada Ameerikaa fi Israa'el kana mormaniiru.
Filisxeemoonni Gaazaa keessaa muraasni ykn tarii baay'een isaanii yoo carraa argatan ba'uuf yaaduu danda'u.
Haata'u malee, baayyeen isaanii bahan illeen kanneen miliyoona 1.2 ta'an ammalleen achumatti hafu.
Akka tilmaamaatti Ameerikaan abbootiin qabeenyaa haaraan "Riviera of the Middle East" Tiraamp, humnaan fayyadamuun isaan buqqisuu barbaada.
Ameerikaan bara 2003 yeroo Iraaq seentee balaa guddaa erga raawwatte booda, sun US keessatti baay'ee hin jaallatamne ture.
Furmaanni mootummaa lamaa inni jedhamuun yeroo dheeraaf abdatamu osoo milkaa'ee wal dhabdee kamiifu xumura ta'a ture. Sunis hawwii waldhabdeen jaarraa tokkoo ol tureen Israa'el maddiitti Filisxeem walabaa hundeessuun xumuramuu danda'a jedhudha.
Mootummaan Netaaniyaahuu yaada kana cimsee kan mormu yoo ta'u, waggootaaf marii nagaa fashalaa'e keessatti dhaadannoon "naannoleen lama ummatoota lamaaf" jedhu duwwaa ta'eera.
Haata'u malee, jalqaba bara 1990moota irraa eegalee imaammata alaa Ameerikaa keessatti bu'uurri (plank) giddugaleessaa ta'ee jira. Karoorri Tiraamp seera idil-addunyaas kan cabsu ta'a.
Ameerikaan sirna idil-addunyaa seera irratti hundaa'e akka amantu duraanuu akka diigamu dubbatte. Hawwiin daangaa Raashiyaan Yukireen irratti akkasumas Chaayinaan kan Taayiwaan irratti qabdurratti kan dubbii hammeessu ta'a.
Kun naannichaaf maal akeeka?

Madda suuraa, Getty Images
Oduu, xiinxalaafi odeessa adda addaa kallattiin argachuuf
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Yoo kan hin dhugomne ta'e maaliif waa'ee sana hunda yaadda'uu? Yoo xiqqaate yoo Tiraamp Waashingitanitti waa'ee dhimma kanaa labsaniitti Beeniyaamin Netaaniyaahuun seeqaa fi fuula ifaatiin dhagahaa turan.
Deebiin Netaaniyaahuunis dubbiin Tiraamp kun haata'u malee kan nama ajaa'ibu ta'us bu'aa ni qabaata jechuu fakkaata.
Tiraamp amma pirezidaantii Ameerikaa, nama addunyaa irratti humna guddaa qabuudha malee kana booda keessummaa TV riyaaliitii fi kan mata duree oduu siyaasaa ta'uuf kan yaalu miti.
Yeroo gabaabaa keessatti jeequmsi labsii ajaa'ibsiisaa kanaa uumame dhukaasa dhaabuu dadhabaa Gaazaa keessa laaffisuu danda'a. Maddi Arabaa beekamaan tokko ''bilbila du'aa'' ("death knell") isaa ta'uu akka danda'u natti hime.
Bulchiinsa Gaazaa gara fuula duraatiif karoorri jiraachuu dhabuunsaa duraanuu waliigaltee kana keessatti sarara dogoggoraa ta'ee jira.
Amma ammoo Tiraamp waan tokko dhiyeessee jira. Kunis yoo hin taanellee sammuu Filisxeemnotaa fi Israa'el keessatti furtuu baay'ee cimaa dhiiba.

Madda suuraa, Reuters
Kunis kan karooraa fi abjuu warra Yihudoota sabboonummaa cimsanii fi lafti Meditiraaniyaanii fi laga Yordaanos gidduu jiru hundinuu, tarii immoo isa bira darbeeyyuu, qabeenya Yihudootaa Waaqayyo kenne ta'uu amanan cimsa.
Hoggantoonni isaanii qaama mootummaa Netaaniyaahuu ta'uudhaan isa aangoo irra tursu. Isaanis gammachuu guddaa qabu. Isaanis Waraanni Gaazaa kaayyoo yeroo dheeraa Filisxeemoota buqqisuudhaan Yihudoota bakkasaanii buusuuf deebi'ee akka jalqabu barbaadu.
Ministirri Maallaqaa Israa'el Bezaleel Simootirich haleellaa Onkoloolessa 7tin booda Tiraamp egeree Gaazaaf deebii kennaniiru jedhan.
Ibsi isaas "namni ajjeechaa hamaa lafa keenya irratti raawwate kamuu bara baraan lafa isaa dhabee of arga. Amma dhumarratti, gargaarsa Waaqayyootiin yaada hamaa mootummaa Filisxeem awwaaluuf sochoona" jedheera.
Hoggantoonni mormitoota giddugaleessaa Israa'el keessa jiran, tarii rakkina fuuldura isaanii jiru sodaachuu danda'u, garuu ammoo karoora kanaaf simannaa gaarii godhaniiru.
Hamaasii fi gareewwan hidhattoota Filisxeem biraa tarii Israa'el irratti tarkaanfii wayi fudhachuudhaan Tiraampiif deebii kennuu barbaadu ta'a.
Filisxeemootaaf, waldhabdeen Israa'el waliin uumamu qabeenya isaanii dhabsiisuu fi yaadannoo ''balaa hamaa'' kan isaan al-Nakba jedhaniin itti fida.
Sunis waraanaa bara 1948tti Israa'el ittiin walabummaa ishee injifachuun baqannaa Filisxemootaa turedha.
Lammiileen Filisxeem kuma 700 ol ta'an baqataniiru yookaan humnoota Israa'eliin mana isaanii irraa dirqisiifamuun baafamaniiru.
Namoota muraasa malee hundi isaanii gonkumaa akka deebi'an kan hin hayyamamneef yoo ta'u, Israa'el seera ammallee qabeenya isaanii saamuun itti fayyadamtu baafte.
Amma sodaan sun deebi'ee ta'aa jedhu jirutu jiraachu danda'a.
Lammiileen Filisxeem hedduun duraanuu Israa'el waraana Hamaas irratti gaggeessituutti fayyadamtee Gaazaa barbadeessuufi ummata ari'aa akka jirtu amanu turan.
Israa'el duguuggaa sanyii raawwachaa jirti jechuun himannaa isaanii keessaa tokkodha. Amma ammoo Doonaald Tiraamp karoora Israa'el irratti ulfaatina dabalaafii jira jedhanii amanuu danda'u.
Ka'umsi Tiraamp maal ta'uu danda'a?
Tiraamp waan tokko waan dubbateef qofa, sun dhugaa ykn mirkanaa'aa hin taasisu.
Ibsi isaa yeroo baayyee imaammata qubsiifame Ameerikaa ibsuu caalaa waa'ee qabeenyaarratti kan xiyyeeffatu fakkaata.
Tarii Tiraamp karoora biraarratti osoo hojjechaa jiruu burjaajii tokko tokko facaasaa jira ta'a. Badhaasa Noobeelii nagaa argachuuf akka hawwu himama.
Namoonni Baha Giddu Galeessaatti nagaa buusan, yeroo hanga dhumaatti hin milkoofnettillee, injifachuuf galmee cimaa qabu.
Yeroo addunyaan labsii isaa Gaazaa wayita odeessaa jiruutti, waa'ee fedhii "waliigaltee nagaa niwukilaraa mirkanaa'e" Iraan waliin qabu marsariitii isaa Truth Social irratti maxxanse.
Mootummaan Iraan meeshaa niwukilaraa akka barbaadu haala. Garuu amma balaa guddaa keessa galanii waan jiraniif ofirraa ittisuu dhumaatu isaan barbaachis moo dhiisuu kan jedhurratti falmiin ifa ta'e Tehraan keessatti taasifamaa tureera.
Waggaa baayyeedhaaf, Netaaniyaahuun US deeggarsa Israa'eliin akka buufataalee nikulaara Iraan barbadeessitu barbaada. Iraan waliin waliigaltee taasisuun gonkumaa karooraa miti.
Tibba aangoo jalqabaa Tiraamp, Netaaniyaahuun waliigaltee niwukilaraa bulchiinsi Baaraak Obaamaa Iraan waliin mallatteesse keessaa Ameerikaa akka baasuuf amansiisuuf duula dheeraa fi milkaa'aa geggeesse.
Tiraamp warra Israa'el warra bulchiinsa durii leellisaniif waan tokko darbachuu yoo barbaade, ammas Iraanota waliin waa gochuu danda'a.
Haa ta'u malee naannoo addunyaarratti jeequmsa guddaa qabu kana keessattis shakkiifi jeequmsa dabalataa uumee jira.

BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.
Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.