'Dhorkaan duraan Sooriyaarra kaa'ame kaafamu qaba'- Dursaa HTS
Bulchiinsi mootummaa Bashaar al-Asaad kan duraan Sooriyaa bulchaa ture erga kufuun dursaan biyyattii gara Raashiyaatti baqatanii amma torbanooti lakkaa'amaniiru.
Ammattis garee finciltoota biyyattii guddicha kan ta'e hogganaa garee Haayaat Taahriir al-Shaam (HTS), Ahimad al-Shaaraaniin durfamaa jirti.
Shaaraan turtii BBC waliin taasisaniin haala amma biyyattiin irratti argamu, karoorasaanii gara fuulduraa fi kaan irratti dubbataniiru.
Viidiyoo kana ilaalaa.