Keeniyaatti namoota goondaa dhibbaan lakka'aman hataniitti murtaa'uun ibsame

Madda suuraa, KWS
Keeniyaatti namoonni afur kan goondaa baay'ee barbaadamaa ta'an dhibbaan lakkaa'aman gara biyya biraatti dabarsuuf yaalan jedhaman yakki irratti murtaa'e.
Tajaajilli Bineensota Bosonaa Keeniyaa (KWS) kan irra caalaatti bineensota gurguddoo kanneen akka leencaa fi arbaa eeguun beekamu, taatee kanaan ''dhimma cimaa'' jechuun ibseera.
Kontiroobaandiin kunis oomishitoota gondaa gurguddoo Afrikaa kanneen kan of keessaa qabu yoo ta'u, isaanis daldaltoota UK muraasaani tokkoonsaanii gatii hanga Paawundii 170 ($220) qabu.
Taateen kunis kan ''jijjiirama adeemsa akkaataa dhimmoota dadabarsuu, bineensoota hoosistoota beekamoo ta'an irraa gara gosoota kanneen xixiqqaa akka goondaa kanneen madaallii ikoloojiif murteessoo ta'anitti'' ce'uu kan agarsiisuudha jedha KWSn.
Shakkamtoonni kunneen uumamtoota kanneen ''ujummoo qorannoo fi siriinjii addatti fooyya'aa'' keessatti ukkamnsaniiru, kunis ilbiisonni kunneen ji'a lamaaf akka jiraatan kan dandeessisu ta'uu KWS beeksiseera.
Akkasumas qabiyyee ujummoo kanneenii dukkaneessuudhaan "humna nageenyaa jalaa miliquudhaaf yaaliin taasifamaa turuu hubatamee" jira.
Suuraaleen gochaa seeraan alaa KWSn qoodee akka agarsiiseetti, tokkoon tokkoo qabduuwwan dhibbaan lakkaa'aman jirbiin guutaman goondaa lama ykn sadii kan keessa jiru ta'utu mulata.
Oduu, xiinxalaafi odeessa adda addaa kallattiin argachuuf
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dubbii himaan Tajaajila Eegumsa Bineensoota Keenyaa Pool Udootip baayyiinni goondaa kanaa sirriin ammatti hin baramne jedhan.
Shakkamtoota gochaa kanaan himataman afur keessaa lama lammii Beeljiyeen, tokko lammii Veetinaamii fi kan biraa kan afee ammoo lammii Keeniyaati.
Gondaawwan kunneenis gara Awurooppaa fi Eshiyaa geeffamuuf akka ture himame.
Barbaadamummaan goondaa kanneenii yeroodhaa gara yerootti dabalaa dhufuun kan himame yoo ta'u, kanneen yeroo isaan mana jireenyaasaanii hojjatan ilaaluudhaaf bitatu baayyataa dhufeera.
Gochaan gondaawwan kanneen waliitti qabu kunis formicariums jedhama.
Gondaawwan qaama guddaa qaban caalaa barbaadamoo akka ta'an ibsameera.
Keeniyaatti gondaawwan kanneeniis seera eegumsa lubbuu qabeeyyii idil-addunyaa jalatti eegumsa taasiftiif. To'annoo olaanaanis ni taasifama.
Ibsa Tajaajilli eegumsa Bineensoota Keeniyaa baaseen, ''adeemsi mana murtee kunis kan ejjannoo cimaa biyyattii dadabarsa seeraan alaa irratti qabu kan agarsiisuudha'' jedhe.