Sochiin mormii Ertiraa Birgeed Nihaamaduu waajjirasaa Finfinnee 'wiirtuu ajaja waraanaa' gochuufi

Mormitoonni motummaa Ertiraa dhiheenya kana Finfinneetti wal gahanii ture

Madda suuraa, Brakhe Show/YouTube

Sochiin mormiituu Ertiraa Birgeediin Nihaamaduu jedhamuun beekamu waajjirasaa Finfinnee jiru akka 'wiirtuu ajaja waraana isaatti' fayyadamuuf karoora akka qabu beeksise.

Warraaqsi mormiituu Ertiraa ''Birgeed Nihaamaduu'' waajirri isaa Finfinneetti bane ''gara fuulduraatti wiirtuuleen waraanaa yoo hundeeffaman'' akka waajiraa gidduugalaatti akka tajaajilu hime.

Sochiin mormii kun Itoophiyaatti ''wiirtuulee waraanaafi dippiloomaasii'' qabaachuu akka danda'u beeksiseera.

Lammiileen Eritiraa garee sochii Birgeed Nihaamaduu kanatti makaman ''mala ittiin wabii argatan'' mootummaa Itoophiyaa wajjin ''dubbachuu'' hoggansi sochii kanaa BBC'tti himaniiru.

Pireezidantii Eritiraa Isaayyaas Afawarqii aangoorraa buusuuf kan socho'u ''Birgeed Nihaamaduu'' Finfinnee naannoo 22 jedhamee waamamutti gamoo tokko irratti waajira banee hojii kan jalqabsiise Guraandhala darbe ture.

Viidyoo sirna eebba waajirichaa agarsiisu irratti hogganoonni Birgeed Nihaamaduu sochii kanaaf tarkanfii 'murteessaa' tahuu himan.

Sochii kanaa dura-butummaan namoota hogganan keessaa tokko kan tahan Obbo Bayyana Gabiragizaabiheer, waajirichi sochii Birgeed Nihaamaduu ''bittinnaa'ee tureef'' wiirtuu itti wal-argaa akka tahu dubbataniiru.

Birgeed Nihaamaduun banamuu waajirasaa kan beeksise dhaabbata mormituu ''Koongireesii Biyyaalessaa Ertiraa Affaar'' waaliin tahuun ALI Amajjii 19, 2017 iddoo lammiileen Ertiraa argamanitti Finfinneetti kora geggeessuun baatii tokko boodadha.

Ittigaafatamaan dippiloomaasii Sochii Birgeed Nihaamaduu Obbo Bayyanaan, sochii mormii biyyoota Lixaatti adeemsifamaa ture ''biyyoota kaan irraan addatti Itoophiyaa keessatti eegaluu,'' BBC'tti himaniiru.

Bakka buutonni sochii kanaa aangawoota mootummaa Itoophiyaa wajjin haasaa taasisuu kan ibsan Obbo Bayyanaan, ''Gaaffiin mootummaa Itoophiyaaf dhiyeessines Ertiraatti jijjiirama bu'uuraa fiduu barbaanna,'' jedhaniiru.

Mormitoota Mootummaa Ertiraa keessaa tokko Dhaabbata Dimokiraasii Afaar Galaanaa Diimaati

Madda suuraa, Red Sea Afar Democratic Organization

Birgeed Nihaamaduun maali?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduu, xiinxalaafi odeessa adda addaa kallattiin argachuuf

Asiin seenaa

End of podcast promotion

''Birgeed Nihaamaduu'' waggoota sadan darbanii asitti sochii mormii lammiilee Ertiraa keesumaa biyyoota Lixaafi Baha Gidduugalaa keessatti babal'achaafi xiyyeeffannaa aragchaa jira.

Deeggartoonni sochii kanaa qomee cuquliisa keewwataniin kan adda baafaman yoo tahu ''warraaqsa cuquliisa'' maqaa jedhuunis beekama.

Deeggartoonni Birgeed Nihaamaduu sochii mormii kanaa kan jalqaban, ayyaanota mootummaan Ertiraa biyyoota garaagaraa keessatti qopheessu mormuudhaan. Ameerikaa, UK, Israa'el Kaanaadaa, Jaraman, Siwiidiin fii Siwiizarlaand biyyoota feestivaalonni mootummaa Eritiraa deeggaruun qophaa'an jeequmsi isaan mudateera.

Yeroo jeequmsi uumamutti deeggartoota mootummaa fi mormitoota gidduutti walitti bu'insa uumamuun humnoota nagaa eegsisan dabalatee namootarratti miidhaan gaheera. Jeequmsa kanarratti lammiileen Ertiraa hirmaatan biyyoota garagaraa irratti to'annoo jala oolaniiru.

Birgeed Nihaamaduudhaan ''shororkeessaa biyya keessaa'' jechuun kan labse abbaan alangaa Jarman ''dhaabbata shororkeessaa kana hundeessuufi miseensa tahuun namoota shakkaman'' 17 barbaadaa akka jiru beeksiseera.

Feestivaalota lammiilee Ertiraa biyyoota alaatti geggeefaman dhaabuuf kan socho'an ''ayyaanoti kunneen meeshaalee mootummaan Ertiraa fayyadamu'' akka tahe sochii Birgeed Nahaamaduuttii maqaan kan eeramu Kiroos Asifahaa BBC'tti dubbataniiru.

''Feestivaalota kunneen bu'uura godhachuun qarshiin walitti qabamu sirnichaaf humna kennaafi waan turaniifi,'' jechuun sababa feestivaalota kunneen mormaniif ibsu.

Birgeed Nihaamaduun ''feestivaalota danquun'' haa eegaluyyuu malee kaayyoonsaa mootummaa Isaayyaas Afawarqii ''dhabamsiisuudha'' jedhan.

Biyyi Ertiraa hundaa'uurraa qabee aangoorra kan jiran Pireezidant Isaayyaas Afawarqiin waggoota 32'f filannoo biyyaalessaa geggeessanii hin beekan. Ertiraa keessa caasaa seera baastuu, raawwachiiftuufi hiiktuun sirnaan kan hin hundoofne yoo tahu mootummaan biyyattiis dhiittaa mirga namoomaa olaanaa taheen himatama.

Mormitoonni mootummaa Ertiraa, gaazexeessitoonniifi hogganooti amantaa himannaa malee waggoota dheeraaf hidhuun dhaabbileen Biyyoota Gamtoomanii himannaa irratti dhiyeessu.

Lammiileen biyyattii tajaajila loltummaa daangaa hin qabneef akka saaxilaman tahuun biyyattiin dhimmoota ittiin qeeqamtu keessaati.

Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanitti komishiniin dhimma dhiittaa mirgaa qoratu tajaajila loltummaa kana ''hojii dirqamaafi gabrummaa'' jechuun kan ibsu yoo tahu tajaajila loltummaa kana baqachuun lammiileen Ertiraa hedduu biyyasaanii dhiisanii bahaniiru.

Baayyina uummataa biyyattii keessaa harki 17 biyyaa kan bahan yoo tahu baay'ina uummataa qabduun yoo ilaalamu biyya koolugaltummaa isa olaanaa gaafattuu tahuu gabaasni UN ALI bara 2016 bahe agarsiisa.

Hogganaan Birgeed Nihaamaduu Obbo Bayyanan caasaan mootummaa Ertiraa lammiilee koolugaltummaa ''siyaasaa fi nagaa'' gaafatan irratti ''cunqursaafi dhiibbaa daangaa ce'u'' raawwachuu jalqabeera jechuun himatu.

Kana bu'uura godhachuun kan uumame sochiin Birgeed Nihaamaduun kaayyoonsaa inni ijoo ''Ertiraa keessatti jijjiirama bu'uuraa geggeessuu'' aka tahe Obbo Bayyanan hubachiisu. ''Jijjiirama sirnaan'' booda ''kora biyyaalessaa adeemsisuun dhaabbilee ce'umsaa yeroo hundeessuuf,'' karoorri jiraachuu himaniiru.

''Jalqaba sirna kana Ertiraa keessaa dhabamsiisuu dha. Sanaan booda gulantaadhaan hogganoota mootummaa seeratti dhiyeessuu kanneen dhiifamni godhamuufis dhiifama gochuun itti fufa. Biyyattii tasgabeesuufi ceesisuuf sanadooti dhiyaatanis jiru,'' jechuun galma sochii kanaa ibsu.

Hogganoonni Birgeed Nihaamaduu sochiin isaanii ''kara nagaan milkaa'aa '' amantii jedhu hin qaban. Malli sochii kana galmaan gahuuf fayyadaman qabsoo hidhannoo akka tahe qindeessitoonni qabsoo kanaa lama BBCtti himaniiru.

Hogganooti kunneen mala qabsoo hidhannoo maaliif akka filatan yoo ibsan kanaan dura kanneen karaa nagaa jijjiirama fiduuf yaalan mootummaan Ertiraa gidiraa isaan agarsiise kaasu.

Obbo Bayyanaan ''mootummaan Ertiraa mormitootaafi lammiilee komii qabaniif beekamtii hin kennu. Keesumaa lammiin yaada qabu carraansaa mana hidhaa, boolla, ajjeefamuufi dhabamsiifamuu dha. Bara 90 moota keessa lammiileen kara nagaa qabsaa'uu yaalan amma achi buuteen isaanii hin beekamu,'' jechuun ibsu.

Lammiileen Ertiraa hundi dirqamaan leenjii waraanaa akka fudhatan taasifamuu akka carraatti kan ilaalan Obbo Bayyanaan, ''lammiin Ertiraa baayyee kaampii leenjii Saawwaa irraa kan dhufe waan taheef waa'ee meeshaa waraanaa ammayyaa amma jiruu hin beeku taha malee leenjiin waraanaa haaraa lammiin isa barbaachisu hin jiru,'' jedhu.

Obbo Bayyanaan qabsoon hidhannoo Birgeed Nihaamaduun geggeessu ''jalqabbiirra'' tahuu dubbataniiru. Sochii kanaaf deeggarsa argachuuf ''aangawoota Ameerikaa, Gamtaa Awurooppaa, Kanaadaaif Siwiidiin waliin,'' haasaan taasifamuu ibsaniiru.

Qabsoon hidhannoo fagoodhaa taasifamuu akka hin dandeenye eeruun ''jijjiiramni bu'uuraa kuni kan dhugoomu naannooma biyya keenyaatti tahuuni,'' jechuun qabsoon kuni teessoo isaa eessa akka godhatu akeekaniiru.

Qabsoo hidhannoo Itoophiyaarraa…?

Qindeessitoonni Birgeed Nihaamaduu lama teessoon qabsoo hidhannoo isaanii adda baasuun ifatti dubbachuurraa of qusataniiru.

Qindeessitoota kunneen keessaa tokko kan tahan Obbo Bayyanaan ''Itoophiyaa irraa ramaddii, duula, caaseessuu, wiirtuulee waraanaafi dippiloomaasii hundeeffamuu malu,'' deebii jedhu kennaniiru.

Hogganaan kuni qabsoo hidhannoo jalqabuudhaaf ''miseensonni galmaa'uufi gurmaa'aa,'' akka jiran himu. ''Eeyyamni gaafa dhufu atattamaan gara iddoo jedhamnetti akka deemnuuf wiirtuu waraanaa kanneen hogganan qopheessaa jirra,'' jedhaniiru. Eeyyamni jedhan kuni garuu eessaa akka dhufu ifa hin goone.

Haa tahu malee hogganooti dhaaba kanaa ''angawoota mootummaa Itoophiyaa wajjin haasaa taasisuu,'' dubbataniiru.'

''Gaaffiin mootummaa Itoophiyaaf dhiyeessine Ertiraatti jijjiirama bu'uuraa akka adeemsifnu dha. Kanaaf sochii waraanaa inni jedhu dhimma qofaatti ilaalamu miti,'' jechuun mootummaa Itoophiyaaf haala kamiin waa'ee sochii isaanii akka hubachiisan eeraniiru.

Qindeessaan kuni hogganoota waraanaa Itoophiyaa waliin haasaan taasifamee yoo tahe gaaffii isaaniif dhiyaateen dhimma kana hordofuuf ''hogganooti damee waraanaa'' jiraachuu ibsanii ''dhibbaa, dhibbatti jira ykn hin jiru jechuun dubbachuu hin danda'u'' jedhaniiru.

Birgeed Nihaamaduu sochiin Itoophiyaa keeessatti adeemsisaa jiru ''biyyoota kaanirraa adda,'' tahuu kan kaasan Obbo Bayyanan kanaafis sababii sadii ibsu. Itoophiyaan keesumaa teessoo Gamtaa Afrikaa tahuun wal-qabatee wiirtuu dippiloomaasii tahuushee ibsu.

Itoophiyaafi Ertiraan ''diinagdeefi nageenyaan'' biyyoota ollaa walitti dhiyeenya qaban tahuu akkasumas biyyattii keessa ''lammiileen Ertiraa 300,00 ol'' jirachuu Birgeed Nihaamaduu haala adda taheen sochii akka godhan sababii biraa tahuu himan.

Obbo Bayyanan ''kaayyoon inni sadaffaa qabsoon biyyoota Lixaa keesssatti eegale biyyasaatti akka dhiyaatee socho'uu gochuu dha. Sochii kanaaf qabsoon uummata waamee iddoo owwaannaa argatu uumuu dha. Itoophiyaa gaafa jennu Samaraa, Maqala akkasumas Humaraa fi iddoowwan gargaraa dhiyaachuun qabsoo kana bal'isuu dha,'' jedhaniiru.

Birgeed Nihaamaduun Itoophiyaatti argamunsaa Ertiraafi Gaanfa Afrikaatti jijjiiramoota uumaman dhiyeenyatti hordofuuf akka fayyadu himaniiru. Finfinneetti waajira banuunis sababiinsaa kanuma tahuu ibsaniiru.

Hoggansi, Finfinneetti argamu embaasii Ertiraa ''bakka bu'uun'' lammiilee Ertiraa Itoophiyaa jiran dhimmoota ilaallatan raawwachiisuun kaayyoo waajira kanaa isa biraati akka tahe himaniiru.

Dhimma kanarrattis ''qaamota mootummaa Itoophiyaa waliin haasaan,'' taasifamuu kan kaasan Obbo Bayyanan miseensonni Birgeed Nihaamaduu tahan ''waraqaan eenyummaa (ID) akka argatan, lakkoofsi itti galmaa'an akka jiraatuufi wabiin isaanii akka guutamu,'' mareen adeemsifamuu ibsaniiru.

Baqataan miseensa Birgeed Nihaamaduu tahe ''waraqaa eenyummaa'' yoo argate hidhamee gara Eritiraa akka hin fudhatamne kan gargaaru dha,'' jechuun ibsaniiru.

''Kanaafis lammiin Ertiraa baqattumman dhufeefi qabsoo adeemaa jiru deeggaruun jireenya baqannaa nan gabaabsa,'' jedhu jalqaba kan kaardii miseensummaa Birgeed Nihaamaduu argata. Achiinis Itoophiyaadhaan wabii nageenyaa argata,'' jechuun himan.

Gama biraan waajirri kuni fuulduratti ''wiirtuuleen waraanaa yeroo banaman akka gidduugala ajajaatti tajaajila,'' jechuun qabsoo kanaaf shoora waajirichi qabu ibsaniiru.

Obbo Bayyanan Birgeed Nihaamaduun Finfinneetti kan baname hogganooti sochii kanaa mootummaa Itoophiyaaf ''gaaffii dhiyeessan bu'uura'' godhachuun tahuu himaniiru. Fuulduratti Affaaritti waajira wal-fakkaataa banuuf karoorri akka jiru himaniiru.

Hogganooti sochii kanaa gara Affaar fi Tigraay deemuu isaanii kan ibsan Obbo Bayyanan ''hamma yoonaa dhimmoota nuu eeyyamaman gooneerra,'' jedhaniiru.

''Sochiiwwan taasisnuun rakkoon nageenyaa akka nu hin mudanneef caasaa nageenyaa keessaa qabnuun dabalataan mootummaan Itoophiyaa wabii nuu kennu,'' jechuun Itoophiyaa wajjin hariiroo jiru hubachiisaniiru.

Loltoota Ertiraa irra caalaan dubartootaa dirree irratti

Madda suuraa, MOI Eritrea

Bartee hidhattoota Itoophiyaafi Eritaa deeggaruu

Waraana Itoophiyaa fi Eertiraa hordofuun waggoota darban hedduf diinummaa keessa kan turan Finfinnee fi Asmaraan garee hidhattoota mootummaa walii kuffisuuf hojjetan deeggaruun seenaa dheeraa qabu.

Ertiraan waggooat dheeraaf Waraana Bilisummaa Oromoo (ABO), Adda Bilisummaa Biyyoolessaa Ogaaden (ONLF), Arbanyooch Ginbot 7, fi Sochii Dimokraatawaa Ummata Tigraay dhoksaan deeggaraa turtee waggootaaf.

Mootummaan Itoophiyaas, yeroo adda addaatti, gareewwan mormitoota mootummaa Eertiraa kuffisuuf karoorfatan keessummeessuun isaa ni yaadatama.

Kolleejjii Yunivarsiitii Niiw, Noorweey Oslootti Piroofeesarri antiroopooloojii lammii Eertiraa Abdulqaadir Saaleh Mohaammad fi piroofeesara qorannoo waldhabdee kan ta'an Shetel Tronvol bara 2007 barruu xiinxala ogummaa isaan maxxansan keessatti mootummaan Itoophiyaa gareewwan mormitootaa mirga sabaa fi sablammoota Eertiraa gaafachuuf ka'an "hundeessuuf gargaareera" jechuun barreessaniiru.

Dhaabbileen sabaa fi sablammoota irratti hundaa'an deeggarsa mootummaa Itoophiyaatiin hundeeffaman jedhaman; "Dhaabbata Dimookiraatawaa Galaana Diimaa Affaar" fi "Sochii Bilisummaa Kuunaamaa Eertiraa" dha.

Barreeffamni waggoota kudhaniin dura maxxanfame tokko akka ibsetti, Dhaabbanni Dimookiraatawaa Galaana Diimaa Affaar qabsaa'ota 15,000 qaba. Gareen hidhattootaa kun ammallee teessoosaa naannoo Affaar gochuun socho'aa jira.

Dhaabbanni mormituu "Eritrean Afar National Congress" jedhamus naannoo Affaaritti hojii walfakkaataa raawwata. Dhaabbanni mormituu "Tokkummaa Dargaggoota Eertiraa Nageenya Biyyaalessaa (Smeret)" jedhamus magaalaa Finfinnee keessaa waajjira qaba ture.

Sochii jaarmayootni mormitoota Eertiraa Itoophiyaa keessatti taasisan ilaalchisee taateewwan eeraman keessaa tokko ALI bara 2003tti Konfiraansiin magaalaa Hawaasaatti geggeeffamedha. Konfiraansii guyyoota kudhaniif turu kana irratti bakka bu'oonni paartilee siyaasaa, waldaalee siivikii, dargaggoota biyyoota adda addaa walumatti 500 ol ta'an hirmaataniiru.

Sochii mormii hawaasa diyaaspooraa Eertiraa ilaalchisee ALI bara 2015 qorannoo maxxanfame tokko konfiraansii Hawaasaa irratti dhaabbileen siyaasaa 21 akka hirmaatan gabaaseera. Imbaasiin Itiyoophiyaa Jaappaan Tookiyootti argamu ibsa marsariitii isaa irratti yeroo sanatti baaseen kora kanarratti paartileen siyaasaa 30 ol akka hirmaatan ibseera.

Konfiraansii "tarsiimoo guddaa abbaa irree [mootummaa] Eertiraa kuffisuuf qophaa'e raggaasisu" irratti itti gaafatamaa waajjira Adda Dimookraatawaa Warraaqsa Ummata Itoophiyaa (EPRDF) kan turan Ambaasaaddar Reedwaan Huseen argamuu ibsi embasichaa himee ture.

Embasichi Redwaan Huseen "ummanni fi mootummaan Itiyoophiyaa qabsoo nagaa fi dimokiraasii Eertiraa fiduuf taasifamaa jiruuf deeggarsa akka godhu waadaa galaniiru" jedha.

Gaazexeessaa Kaalid Abduu, kora Hawaasaaf qophiiwwan magaalota Finfinnee fi Bishooftuutti geggeeffamanirratti hirmaateera. Dhaabbileen mormitoota Eertiraa Finfinneefi magaalota naannoo Tigraay kanneen akka Adigiraat fi Shiree keessatti waajjira akka qaban ni yaadatu.

Gaazexeessaan yeroo ammaa biyya Siwiidin jiran kun, "gaggeessitoota waajjiraalee kunniiniif ji'a ji'aan [mootummaarraa] maallaqni murtaa'e kennamaaf ture. Keessumattuu warra meeshaa waraanaa hidhatanii socho'an ni gargaaru turan," jechuun BBC'tti himaniiru.

Deeggarsi maallaqaa dhaabbileen mormitoota Eertiraa mootummaa Itoophiyaa irraa argatan ''sochii isaanii fi baay'ina namoota qaban irratti hundaa'uun'' akka ta'e Khaalid himeera.

Sababa kanaaf hidhattoonni saba Affaarii fi Kuunamaa jaarmayoota biroo caalaa deeggarsa olaanaa akka argatan dubbate.

Miseensoota garee mormitoota mootummaa Ertitaa biyyoota garaa garaa keessatti mormii dhiyeessaa turan

Madda suuraa, Getty Images

''Gaaffii ulaa galaanaa nuti deebisuu dandeenya''

Gareewwan mormitoota Ertiraa bara EPRDF deeggarsa argachaa turan; Walitti dhufeenyi isaan mootummaa waliin qaban ALI bara 2010, erga MM Abiy Ahimad gara aangootti dhufanii booda jijjiirameera.

Dhaabbanni miti mootummaa Ameerikaa kan bilisummaa siyaasaa irratti qorannoo gaggeessu Freedom House ALI Adoolessa 2010 Waliigaltee nagaa Finfinnee fi Asmaraa gidduutti mallattaa'uu hordofuun, Mootummaan Itoophiyaa "paartiileen mormitoota Eertiraa biyyattii keessatti socho'an sochii isaanii akka dhaaban ajajeera" jedha.

Ji'a Hagayyaa keessa ammoo marsariitiin Africa Intelligence jedhamu kan dhimma Afrikaa gabaasu, mootummaan Itoophiyaa mormitoota Ertiraaf deeggarsa "maallaqaa fi nyaataa" kennuu dhaabuu isaa gabaasee ture.

Gaazexeessaa Kaaliid waliigalteen booda mormitoonni " Finfinneerraa butamanii gara Eertiraa geeffaman" akka turan dubbata.

Mormitoota Eertiraa Itoophiyaa irraa "fudhaman" keessa "lammiileen biyyoota Awurooppaa" akka jiran ka himu Khaalid, hirmaattonni sochii mormii "lakkoofsi guddaan" sababa kanaan Itiyoophiyaa gadhiisanii akka bahan eereera.

Kana irratti hundaa'uun hariiroo yeroo ammaa Birgeed Nahameduu fi mootummaa Itoophiyaa of eeggannoodhaan ilaalaa kan jiru Khaalid, "Ammas, boru ganama [hariiroon] kun duubatti akka hin deebine wabiin maali");